Abbaan seeraa himannaa dubartoota daandii irratti yennaa fincaa’an waraabamanii haquun falmii kaase

Mujeres en Igualdad Burela

Madda suuraa, Mujeres en Igualdad Burela

Ibsa waa'ee suuraa, Activistoonni mirgoota dubartootaaf falmuun daandii bahaniiru
Maxxanfame

Ispeenitti abbaan seeraa himannaa dubartootaa yeroo daandiirratti fincaa’an viidiyoon waraabamaniifi viidiyoon isaanii marsariitii saal-qunnamtii irratti gadhiifame haquun garee falmitoota mirgoota dubartootaa rifachiise.

Viidiyoowwan waraabaman kunneen dubartootni 80 tahan sababa hanqina mana fincaaniin daandii gubbaatti yeroo fincaa’an agarsiisu.

Jarri kunneen kaameeraa dhokataa kaaba-lixa biyyattii magaalaa Servoo jedhamutti feestivaala Maruxaina irratti waraabaman.

Viidiyoo baayyee irratti qaamni saalaa dubartootaa kunneenii ifatti mul’ata.

Marsariitiiwwan saal-quunnamtii (porn) irratti kanneen kaa’amaniifi ilaaluuf kaffaltii gaafatanillee jiru.

Bara 2020tti kuni gaafa barame dubartoonni kunneen dhimmicha gara seeraatti geessan. Eenyu akka waraabe beekamuu baatus, mirgi dhoksaan keenyi eegamuu sarbameera jechuun akka qoratamu gaafatan.

'Naheen jira'

Abbaan seeraa mana murtii naannoo Pablo, Muñoz Vázquez himannaa waldaa dubartootaa Women for Equality Burela’dhaan baname haqaniiru.

Murteessaan kuni murtoonsaanii jalqabaa akka hin jijjiiramne mirkaneessaniiru. Sababiin isaas viidiyoowwan addabaabaayiitti waan waraabamaniif akka yakkaatti lakkaa’amuu hin danda’an jedhan.

Akka ragaaleen mana murtii agarsiisanitti abbaan seeraa kun ‘qaamaafi xiinsammuudhaan dubartoota kunneen sarbuuf waan taasifame hin jiru,’ jedhaniiru.

Bara 2019 yeroo feestivaala sanaa dubartoota otoo fincaa’anii waraabaman keessaa tokko Jeenifar, ‘’naasuu keessan jira,’’ jetti.

Viidiyoon marsariitii porn irratti akka kaa’ame guyyaa hiriyyaanshee itti himte ni yaadatti. ‘’Achiin booda viidiyicha argeen boo’aan ture, baayyeen qaana’e dhugumaan waanin godhu hin beeku,’’ jetti.

Jeenifar akkuma warreen dhimma kanaan miidhamanii tajaajila gorsaa argatteetti. Haa tahu malee murtoon kuni ittuu dhukkubbii itti dabale.

‘’Baayyeema na jeeqaa jira,’’ jetti. ‘’Kan isaan jechaa jiran, namni wayii daandii irratti si waraabee marsariitii porn irratti fe’uun maallaqa argachuun sirrii dha jechaa jiru,’’ jetti.

Ana García, waldaa Bumei irraa, murtoon ammaa kuni kanneen viidiyoo akkasii waraabaniif eeyyama akka kennuufi yakkarraa bilisa isaan gochuu jechuu akka tahe akeekkachiiste.

‘’Addabaabaayii gatii jirtuuf qofa dhoksaakee viidiyoodhaan waraabuun raabsuun sirrii hin taasisu, sababiinsaa kuni mirga bu’uuraa gatii taheefi,’’ jette.

Himannaa kuni hin ilaalamu jedhamuun mormii kaaseera. Namoonni ergaa gabaabaa twitter hashtag #XustizaMaruxaina (Haqa Maruxaina) fayyadamuun duula geggeessaa jiru. Dubbiiin Ministeera Wal-qixxummaa birallee gahee jira.

Mirgooti koorniyaa Ispeen keessatti falmii guddaa kaasaa jiru. Murtoon mana murtii gareelee mirgoota dubartootaa irraa komii kaasuun kuni kan jalqabaa miti.

Bara 2018tti dhaddachi Pamplona haleellaa saalaa dhiirota afuriin dubartii tokkorra gahe haleellaa saalaa malee gudeeddii miti jechuun mormii kaasee ture.

Boodarra Manni Murtii Olaanaa murtoo geeddaruun dhiirota gudeeddiin himataman shanan hidhaa isaanii waggaa sagal irraa 15tti ol guddiseera.

Dubartoonni dhimma Maruxaina dhaan miidhaman kunneenis murtoo kenname irra deebiin iyyachaa jiru.