Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mesiin garee PSG har'a Maanchister Siitii waliin taphatu keessa galeera
Liyoneel Mesiin miidhama jilbaa irraa bayyaanachuun garee PSG har'a dorgommii Shaampiyoonsi Liigiidhaan Maanchister Siitii waliin morkatu keessatti hammatameera.
Lammiin Arjentiinaa, Peep Gaardiyoolaa jalatti Baarseloonaaf taphataa ture Mesiin, PSG ega galee taphoota sadii irratti hirmaatee galchiis hin lakkoofsine. Akkasumas kubba galchiif tahu mijeessee hin kennine.
''Karaa gaarii irra jira'' jedhe leenjisaan PSG, Maarushiyoo Poochetiinoo.
Mesiin taphattoota cicimoo kilabichaa Kilyaan Impaappee fi Neeyimaar waliin taphata jedhame.
Mesiin taphataa kamiyyuu caalaa garee Peep Gaardiyoolaan leenjisaa ture irratti galchii baay'ee lakkoofsiseera.
''Akkan yaadutti taphataan akka kanaa ofumaanuu ni dubbata. Waggoota 16 darbaniif taphataa akkasii arguun carroomuudha,'' jedhe Gaardiyoolaan.
''Waan inni hojjete waan addaati. Bu'aa dorgommichaaf ni taphata abdii jedhun qaba,'' jedhe.
Maan Siitiin taphattoota adunyaa baay'ee qaalii tahan akka Neeyimaarii fi Impaappee, akkasumas Mesii kan badhaasa Ballon d'Or si'a jaha mo'ate waliin dorgommii cimaa taasisa.
''Gahumsa inni qabu guddaa akkanaan akkatti isa dhaabuun danda'amu hin beeku,'' jedhe Gaardiyoolaan.
''Baay'ee cimoodha. Gahumsa taphattoota hamma kanaa taphicha ulfaataa taasisa.''
''Kubba osoo hin qabatiin sirriitti ittistee yoo kubba argattu ammoo qabattee fiiguudha. Akka dhuunfaattis taphattoota addaati. Gareedhaanis walitti dhufanii akkasuma.
''Taphattootni sarara duraa sadan waan barbaadan hojjechuu danda'u. Dirree irratti bal'istees dhiphisteesy, Mesiin mirga irras gidduus tapphachuu danda'a. Impaappee cina fuulduraa yookaan gidduu taphata. Waitti dhufaniiru waan taheef gahumsa kana dhaabuun ulfaata.''
Maan Siitiin bara darbe walakkaa xumuraa irratti waliigalaan 4 fi 1'n PSG mo'atee darbe.
Barana garuu dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti galchiiwwan 120 kan lakkoofsise Liyonel Mesii, dorgommicha yero afurii ol kan mo'ate Serjiyoo Raamos, taphataa cimaa dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bara darbee fi karra eegaa kan tahe Jiyanluujii Doonaaruumaa mallatteesiseera.
Kilebootni lameen erga bara 2000 keessa abbootii qabeenyaa Arabaan fudhatamanii milkaa'ina gaarii agarsiisaniiru.
Maan Siitiin bara Abu Daabii Yuunaayitid Giruup kan jedhamuun bara 2008 bitame. PSG ammoo Qatar Ispoortis Investimenti kan jedhamuun bara 2011 keessa erga bitamee haala gaarii irratti argamu.
Waancaawwan PSG mo'ate sagal keessa torbaa fi kan Maan Siitiin Piriimer Liigiin mo'ate shanan erga kaampaanotni kunneen bitaniiti argaman.