Linda Evanjilistaan adeemsa fayyadama koosmootiksiin dhaabbii qaamashe baduu himte

Maxxanfame

Modelii beekamtuu addunyaa adeemsa itti fayyadama kosmootiksii furdina ittisa jettee yaaddeen ''cirumaa dhaabbii qaamashee'' akka dhabde himte.

''Isa gorroo irraan fuudhaatti isa ukarraa gatu'' jedha Oromoon. Moodeelii beekamtuun addunyaa yeroo tokko ajab jechisiifte kun miidhaginuma qabdu ture irratti qal'oo tahuuf jecha kosmootiksiin fayyadamte inuma ishee furdisuu qofa osoo hin taane bocuma qaamashee balleesse.

Moodeelii ganna 56 waggoota shanan darbaniif miidhaa kosmootiksiin irraan gahe irraa fayyuuf yaalii irra turuu himte. Kosmootiksiin fayyadamte ammoo faatii yookaan cooma qaama keessaa xiqqeessuuf jettee ture.

Akkuma miidiyaaleen jedhan hamma adda baafachuu dadhabamutti' miidhameen hafe jette Inistaagiraamii irratti hordoftoota 900,000 kan qabdu Liindaan.

Liindaa Evanjilistaa sababa kanaan ija uummataa duraa akka dhabamte himte. Moodeeliin lammii Kanaadaa taate kun boca qaama ishee babbade sirreessuuf jecha ''tajaajila baqaqsanii yaaluu baayy'ee dhukkubbii qabu lama garuu ammoo kan hin milkoofne'' argachuu himte.

Tajaajilli baqaqsanii yaaluu kun adeemsa qal'oo taasisuuf gargaaru yoo tahu, furdina qaama ishee to'achuuf yaadamee ture.

''Hordoftoota koo yerootti hiriyyootni koo baay'ee hojjechaa jiranitti maaliif hin hojjettu jettaniif sababni isaa bocni qaamakoo akka malee waan babbadeef [adeemsa fayyadama kosmootiksiin], faallaa isa ani yaade fayyadamee tahe,'' jechuun ibsite.

Miidhaa adeemsi kun irraan gahe yoo ibsitu, ''jireenya koo qofa kan balleesse osoo hin taane marsaa mukaa'uu hamaa [depression] gadda guddaa fi ilaalcha gadi bu'aa akka ofiif qabaadhu na godhe. Adeemsicha keessa qofaattan hafe.''

Maxxansa miidiyaa hawwaasaa ishee irratti jireenya ishee itti fufuuf waan mudate kana ifatti uummatatti himuuf akka murteesite himte.

Kaampaanii waan kanaaf ishee saaxiles himachuuf akka jettu himte. Kaampaanii isheen kana na godhe jette ammoo ammayyuu BBC'f deebii hin kennine.

''Haala kanaan jiraachuun dadhabe,'' jette. ''Boquu ol qabadhee mana koo bahee deemuun barbaada, eenyummaakoo isa duraa sana fakkaachuu baadhus.''

Tajaajila baqaqsanii yaaluun ala dhiyeenya kan beekame ammoo cooma qaama keessa jiru xiqqeessuuf tempireechera qorraa tahe fayyadama.

''waan xiqqaa garuu miidhaa guddaa kan qabu,'' kan jette Liindaan ''seelotni qaama bakka yaalamuu xiqqaachuu irra guddataa adeeman,'' jette. Garuu maaliif akka mudate hin barre jette.

Liindaa Evaanjilistaa bara 1990 keessa garee modeloota bebbekamoo kaan waliin jaalatamummaaf beekamtii guddaa argatte. Adeemsa modelootni ittiin beekaman 'catwalk'' jedhamuun adunyaa raajeffachiiftee faashinii adda addaa beeksisuun qola barruu 'Vogue' tahuun beekamti turte.

Akkasumas muuziqaa Joorji Maayik irratti modeloota biroo akka Naa'omii Kaampel, Kindii Jiroowfoordii fi Kiristii Tarlingitan waliin mula'ttee ture.

Hiriyyootni ishee fi namootni beekamoon biroo jaalalaafi deeggarsa isheef qaban ibsaafi jiru. Modelii hiriyashe taate Kaaren Elsan: '' Liindaa bareedduu, sin jaalladha, ati jagnaa fi waan addaati,'' jette.

Maxwel kan jedhamu ammoo '' Ani akka nama qaamaan baay'ee bareedduu taateettan ammas si ilaala. Garuu inni guddaan keessakee ifa jirudha. Yeroo dukkanaa dabarsaa jirtu kanatti ifa namoota hedduu keessatti qabsiisaa turte sana hin dagatiin, itti fufuus qabda,'' jedhe.