Ibidda Kaalifoorniyaa: Baraartonni mukkeen gurguddoo ibiddarraa eeguuf uffata qorraa itti uwwisan

Maxxanfame

Hojjettoonni ittisa ibiddaa Kaalifoorniyaa Paarkii Biyyoolessaa Sequoia keessa mukkeen umuriin jaaran balaarraa eeguuf uffata qorraa ibidda dandamatan itti maraa jiru.

Anga'oonni ibiddi kun bosona 'Giant Forest' jedhamuufi addunyaarra mukkeen gurguddaa bakka itti argaman sa'aatiiwwan keessa qaqqabuu danda'a jechuun sodaachaa jiru.

Daggalli kun mukkeen sequoia jedhaman 2,000 tahan kan itti argaman oggaa tahu, mukni addunyaarra isa guddaadha jedhamee amanamu- General Sherman bakka itti argamudha. Mukti kun dheerina meetira 83 fi bal'ina diyaametirii meetira 11 qaba.

Ibidda torban tokko dura ka'uun babal'achaa dhufe kana, hojjettoonni yero balaa 350 ol, akkasumas helikoptaroonni fi xiyyaaronni bishaan gadi lakkisan to'achuuf qabsoo guddaa taasisaa jiru.

Hojjettoonni kunniin Jeneraal Shermaan dabalatee mukkeen hedduu, uffata alumuniyemiin maraniiru.

''Namoota hedduuf bakka [seena-qabeessadha]. Kanaaf bakka kana kunuunsuuf tattaaffiin addaa godhamaa jira,'' jechuun dubbi himtuun Paarkiiwwan Biyyaaleessaa Sequoia fi Kings Canyon miidiyaa LA Times'tti himan.

Jeneraal Shaermaan guddinaan addunyaarra muka guddicha kan hundee tokko qabuufi yeroo ammaa kan jiru oggaa tahu, umuriin isaas waggoota 2,300 haga 2,700 akka tahe tilmaamama.

Akka ogeeyyiin jedhanitti, mukkeen sakooyaa (sequoia) abidda haalaan kan dandamatan wayita tahu, ibidda dandamachuuf of jabeessaa dhufan.

Balaan abiddaa Paradise and Colony jedhamuun waamamu kun bakakkaan oggaa bu'etti kan ka'e yeroo tahu, ergasii daggala Siyeraa Nevaadaa keessa babal'achaa dhufeera.

Abiddi kun balaa abiddaa Kaaliforniyaatti waqtii bonaa kanatti ka'an keessaa isa as dhiyoodha.

Kutaa Kaalifoorniyaatti bara kana qofa abiddi akka tasaa ka'u 7,400 kan mudate oggaa tahu, lafa acre miiliyoona 2.2 barbadeesseera.

Sababni kanaatis dabaluun haala qilleensaafi gogiinsi hamaan mudachuusaatiini. Jijjiiramni qilleensaa balaa qilleensa ho'aa fi gogaa tahe kan dabalu wayita tahu, kunis abiddi akka kahu sababa kan tahudha.

Seenaa Kaalifoorniyaa keessatti ibidda guddicha lammaffaa tahuun kan galmaa'e abiddi Dixie jedhamu, yeroo ammaa garri caalu to'tameera jedhameera.