Maatiifi hiriyyootaaf maallaqa liqeesuun maaliif rakkoo uumaa?

Madda suuraa, Bryan Lufkin
Miseensa maatii kiraa kaffaluu dadhabeef cheekii kennuun ykn hiriyyaa mallaqa muraasa barbaadeef liqessuun wanta hedduuun keenya goone beeknudha – miira gaarii qabaachuu baatus.
Keessummaa namni tokko irra daddeebiin mana kiraa kaffalachuuf si gaafatu yoo ta’ee fi maallaqa yeroo rakkoo isaaniitti sirraa liqeeffatan siif deebisuuf yoo hin qaban ta’e hedduu cima.
Ta’us garuu namootni hedduun, yoo hiriyyaan ykn maatiin isaani rakkatee maallaqa gaafate liqeessuufi irraa duubatti hin jedhani. Bara 2019tti Wajjirri Maallaqa US qorannoo gaggeesseen, utuu doolarri 400 tasa isin barbaachise akkam gootu gaffii jedhuuf, deebiin kennaman keessa lammaffaarra kan ture maatii ykn hiriyyaa irraa liqeeffachuudha.
Yeroo weerara koronaavayirasiitti ammo gargaarsaaf namootni hedduun gara maatii isaani ilaaluuf dirqamaniiru.
Yeroo hedduu maallaqa liqeeffachuuf nama baayyee itti siqnu filanna. Akka ogeessoti jedhanitti garuu maallaqa liqeessuun hariiroo gaarii fi amantaa qabu keessatti, aangoon akka jiraatu taasisa.
Kun ammo namni liqeessees ta’e liqeeffate miira walxaxaa akka qaanii, safeeffachuu fi aarii itti dhaga’amu taasisu danda’a.
Haalaa akkanaa keessa darbuun cimaadha, garuu sirritti haasa’uu fi karooraa uumachuun, rakkoo hiriyyaa gargaaruu waliin dhufuu malu hambisuun ni danda’ama.
Safuu hariiroo namootaa geeddaru
“Ammayyuu maallaqni dubbii ijoo namootni waa’eesaa odeesseeuf safeeffatanidha,” jetti oggeettiin xiinsamuu fi qabiinsa maallaqa, US, Pensilveeniyaa jiraattu, Maagii Beekar.
Namootni wa’ee maallaqaa baayyee odeessu danda’u, ta’us garuu wa’ee haala maallaqa ykn qabeenya walii hin gaaffannu, jetti.
“Dhimmaa maallaqaa irratti, wa’ee hammam qabda. Hammam hin qabdu jechuun wal gaafachuu ni safeeffanna.”
US, Yunivarsitii Wiskaansan irraa piroofeessarrii fi hogganaan Wiirtuu Eegumsa Qabeenyaa, J Maaykel koolinsi, maallaqni dhimma odeeffamuuf safeeffamudha. Safun kun ammo hariiroo namoota kan xaxaa fi rakkisaa gochuu maludha.
“Baankii deemee yoon liqeeffadhe, isaan yoon deebise nan kaffala ykn hin kaffalu ta’e adda baasu. Sana booda konyiraatan mallatteessa, kontiraati kun ammoo yoon kaffaluu baadhe, wanti uumamu jira jedha: manakoo ykn konkolaataakoo fudhatu.
Yeroo fira ykn hiriyyaa rraa liqeeffannu kun hundi hin jiru,” jedha Koolinsi. Yeroo hiriyyaa irraa liqeeffattu waligalteen seera qabeessa ta’e hin jiru, akkaumas “itti gaafatamumman soda uumu hin jiru.”
Nama tokkoof maallaqa yeroo liqeessitu hariiroo keessan jidduutti jijjiramni aangoo ni jiraata.
“Yoon nama tokkoof maallaqa liqeesite, beekanis beekuu baatanis, tasa aangoo olaana kan qabu si ta’a,” jedha Beekar.
Dabalataanis namni maallaqa liqeesse, tokko namni inni liqeesseef, maatiis haa ta’u haala maallaqa liqeessanii irratti quba hin qabani. Oggeessonni akka jedhanitti liqiin hedduun hin deebifamu: Beekar akka jedhutti harka kudhan keessaa sagala maallaqa liqeeffatan hin deebisani.

Madda suuraa, Getty Images
“Waan baayyee rakkisaadha, sababiin isaa yoo maallaqa liqeessine, hariiroo keessan balleessuu danda’a, yoo hin liqeessitu ta’es, hariiroo keessan balleessuu danda’a. Yeroo si barbaadanitti naaf hin jirtu jechuun sitti aaruu danda’u, “ jedha oggeessi dinaagdee fi gargaaraan piroofesara Yuunivarsitii Kireeyitan, Nebiraaskaa, Biraad Kloonz.
Karoorsuun maaliif barbaachisa
Ogeessotni akka jedhanitti karoora deebifame sii kaffalamuu utuu hin qopheessin haala kana keessa galuun rakkoo uumuu mala.
Ogeessotni akka jedhanitti liqii hiriyyaaf liqeessuun kan rakkoo ta’u, yoo irra daddeebiin uumama ta’ee fi yoo hiriyyaan kun yeroo hunda akka waaf kaffaltuuf si eega yoo ta’edha.
“Wantoota irratti ifa ta’uun, fakkeenyaaf “har’aaf nan kaffala” yoo jette waan sirraa eegani irraa ija akka akka kaasaniif gargaara,” jedha Koolinsi.
Liqii guddaa kennita yoo ta;e, “wanti jalqabaa goochuu qabdu, sirriitti itti yaadudha,” jedha Beekar. Akkasumas murtee mallaqaakee irratti namoota si gorsuu danda’an kan akka jaalallee, maatii ykn nama kamuu waliin mari’adhu.
Yoo kontiraata barreeffame hin qabdu ta’e, karoora guyyaa murtaa’ee keessatti itti kaffalamuu taasisun beeksisi jedha Koolinsi.
Utuu danda’ameyyuu filannoo liqii kennituuf dhala qabaachu irratti mar’adhu.
“Yoo danda’ame guutummaamatti liqeessuu dhiisuu wayya, kanarra baankii utuu deemanii wayya,” jedha Koolinsi.















