Shamarreen hospitaalatti dogoggoraan maatii biraaf kennamte himata bante

Maxxanfame

Shamarreen Ispaanish ganna 19, yeroo dhalatte dogoggoraan daa’ima maatii biraan wal-jijjiiramte, qondaalota fayyaa beenyaa gaafattee.

Dogoggorri kuni uumamuusaa kan mirkanaa’e qorannoo DNAdhaani.

Shamarreen kuni daa’ima guyyaa wal-fakkaataa bara 2002, hospitaala Logrono jedhamu, Ispeen kan naannoo Kibba Bilbaa’oo jirutti dhalatte waliin dogoggoraan jijjiiramte

Daa’imman lameen maatii dogoggoraatti kennamuun dura meeshaa ijoollee reef dhalataniif ho’a qaamaa kennu keessa turan.

Mootummaan naannoo dogoggora yeroos uumame amanuun ‘’dogoggora ilma namaa mudatu,’’ jedheera.

Bulchiinsi La Rioja, shamarree Sara Alba dogoggora sana eenyu akka raawwate ammatti baruun hin danda’amu jedheeraani.

Shamarreen kuni, ’’waanti akkanaa mudachuu hin qabu ture, sababiinsaas daa’imman adda baasuun adeemsa dogoggorri irratti uumamuu hin dandeenye dha,’’ jette.

Dubbii kana gaazexaa La Rioja jedhamutu jalqaba gabaase. Daa’imman wal-geeddaran keessaa isheen tokko ministeera fayyaa irraa beenyaa doolaara 3.5 gaafataa jirti jedhe.

Ministeerichi garuu doolaara 296,248 qofan kennuu danda’a jedhe.

Shamarreen isheen kaan garuu dhimmi kuni itti himamus himannaa hin banne jedhe gaazexaan EL Pais immoo.

Himannaan kuni maqaa itti kennamuu baatus, dubbii kana kan kaase garuu dubartii akkoo daa’ima geeddaramte sanaati jedhamuun amanamtu ture.

Akkoon kuni bara 2017 abbaa shamarree kanaa dhimma kunuunsa daa’imaa irratti himata bannaan manni murtii qorannoo DNA ajaje.

Haala kanaan abbaan ishee guddise, abbaashee dhiigaa akka hin taane barama, boodarra abbaashee qofa osoo hin taane hatishees haadha dhiigaa akka hin taane mirkanaa’e.

Shamarreen kuni yeroo waggaa 16 turte ogeessota seeraa mari’achiisnaan, dhimmi dhalootashee qondaalota fayyaan akka qoratamu taasifame.

Qorannoon kunis yeroos daa’imni wal-geeddaruu dandeessu tokko qofaa tahuu mirkaneesse.

Daa’imni isheen tokko, amma nama ganna 19, qorannoo DNA maatiishee kennuun bu’aasaa eegaa jirti, abbaan alangaas dhimmicha qorachaa jira.

Shamarreen himata bante kuni mootummaan naannoo seera kabajuun deeggarsa maatiin fedhan hunda kennuu qaba jette.