Fayyaa: Sudaan Kibbaa duula ittisa HIVtiif dhiirota miiliyoona 1.5 dhaqna qabuuf

Maxxanfame

Sudaan Kibbaa haaluma qaama duula ittisa HIV/ADIS biyyattii keessatti gaggeeffamaa jirutiin walqabatee dhiirota miliyoona 1.5 dhaqna qabsiisuuf akka jirtu beeksiifte.

Pirojaktiin dhiiroota Sudaan Kibbaa kanneen waggaa 15- 49 jidduutti argamu dhaqna qabsiisuu kunis kan labsame, tatamsa'ina HIV biyyattii keessaa hir'isuuf jedhameera.

Qorannoon akka mul'isutti dhiironni dhaqna qabatan wayita akka tasaa dubartii vaayirasii HIVn qabaman waliin qunnamtii saalaa taasisan, kanneen dhaqna hin qabnee irraa carraan qabamuu isaanii gadaanaadha.

Dhaabbanni mit-mootummaa Human Appeal Associates jedhamu walta'insa Ministeera Fayyaa biyyattii waliin taasiseen waggoota shanan dhufan keessaa namoota fedhii qaban kan barbaadu ta'a.

Dhaqna qabaan dhiiraa bulchiinsa naannoolee biyyattiin qabdu 10 keessaa naannoolee sadii qofa keessatti raawwatama.

Kanneen hafan keessatti dhaqna qabachuun akka wanta qaanii ta'etti ilaalama.

Mootummaan HIV ittisuun walqabatee baayyinni lakkoofsa dhiirota dhaqna qabatanii xiqqaa ta'unsaa yaaddoo fayyaa ummataa cimaadhaa jechuun ibsa.

''Magaalaa guddoo biyyattii Jubaa keessatti dhaqna qabachuuf fedhii jiru baayyee olaanaadha,'' jechuun BBCtti himan Roobart Maatiiw Uku dhaabbata Human Appeal Associates irrraa.

"Sanbatttan darban qofa, gaheessoota 25 dabalatee, dhiironni gara 100 ta'an dhaqna qabataniiru.''

Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii - UNAids jedhuutti, Sudaan Kibbaa keessatti namoonni umuriin isaanii waggaa 15-49 jidduutti argamu keessaa harki 2.3 kan ta'an vaayirasii HIVtiin kan qabamaniidha.