Ameerikaatti haati leenca gaaraa loluun lubbuu ilmashee oolchite

File picture of mountain lion

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taatee kanaan booda leenci gaaraa (kan suuraa kanarra mul'atu miti) kun qondaaltotaan ajjeefameera
Maxxanfame

Ameerikaa kutaa Kaalifoorniyaatti haati ilmashee ganna shanii miidhaa bineensa leenca gaaraa jedhamu jalaa oolchite.

Daa'imni kunis manasaanii gaara Saantaa Moonikaa jiru alatti wayita taphachaa turetti, leenci gaaraa (mountain lion, cougar ykn puma) kun itti utaaluun kan qabate.

Achiis mucaa kana qabee lafarra harkisaa xiqqooma akkuma deemeen, haati mucaa qaqqabdeef. Jennaan leenca kana harkumasheetiin hanga daa'imashee gadhiisutti dhooftee mucaashee harkaa buufatte.

Bineensi jedhame kunis boodarra qondaalota bineensa bosonaatiin ajjeefameera.

Daa'imni sunis mataafi qomasaa irratti miidhaan kan qaqqabe oggaa tahu, yeroo ammaatti hospitaala Los Anjeles keessa jirutti haala gaariirra akka jiru ejensiin oduu AFPn gabaaseera.

Harmeen kun ''lubbuu daa'imashee kana dhugumaan baraarte,'' jedhan Dubbi-himaa waajjira qurxummiifi bineensotaa Kaaliforniyaa kan tahan Kaappiteen Paatrik Fooy.

Ogeessi bineensota bosonaa bakkicha wayita qaqqabutti, leenci gaaraa kun bosona keessa kuruphatee gurrasaa gara duubaatti qeensuun, sagalee dhageessisaa ture jedhe waajirichi.

Qondaalli kunis ''amala agarsiisaa tureenifi dhiyeenya bakka miidhaan qaqqaberraa kan ka'e'' bineensi kun isuma daa'ima kana miidhedha jechuun leencicha ajjeeseera.

Qorannoon qaccee sanyii -DNA boodarra taasifames kanuma mirkaneesse - bineensa kanatu daa'ima kana miidhe.

Ameerikaa Kaabaatti miidhaan leenci gaaraa namarraan gahu hagas mara kan barame miti.

Akka anga'oonni jedhanitti, bineensi ajjeefame kun umuriin xiqqaadha. Akka ogeeyyiin jedhanitti, bineensi kun tarii ammallee adamoo fi nyaata barbaaduu ofiin barachaa akka jiru mul'isa jechuun CBS News'tti himaniiru.