Raashiyaatti daa'imni daggala keessa guyyoota afuriif baddee argamte 'lamuu itti hin deebi'u' jette

Toddler rescued near Smolensk

Madda suuraa, Sledcom Smolensk

Maxxanfame

Daa'imni waggaa tokkoofi ji'a 10 guyyoota afuriif bosona Raashiyaa keessatti baddee lubbuun argamte, irra deebi'ee kana hin godhu jette.

Daa'imni Lyuda Kuzina jedhamtu kun manashee naannoo Smolensk argamurraa erga baatee bakka buuteen dhabame booda, namoonni dhibbatti lakka'aman barbaacha bobba'an.

Daa'imni kun nyaataafi bishaan tokkollee kan ofbiraa hinqabanne oggaa tahu, wayita arganitti ilbisootaan bakka hedduu hiddamtee turte.

Garee barbaachaaf bobba'an keessaa tokko kan intala kana argachuu danda'an sagalee ishee dadhabe wayita dhagahanitti ture.

''Amma isheen haadhashee jalaa miliqxee deemuu akka hinqabne beekteetti,'' jette harmeenshee.

''Waadaa galte kana hangamiif yaadachuun akka eegdu an hin beeku. Garuu [waadaan gala] jetteetti,'' jette harmeen intala kanaa Antonina Kuzina gaazexaa Komsomolskaya Pravda jedhamutti wayita dubbattetti.

Taatee kana booda daa'imni kun hospitaala daa'immanii Smolensk'tti hordoffiin taasifamaafi jira.

TVn Raashiyaa haadhaafi daa'ima argamte kana bakka taphaa hospitaalichaan ala jirutti argee dubbiseera.

Namuu kan nahuu eegale erga daa'imni kun mana maatii kan yeroo boqonnaa kan Tyomkinsky argamurraa Kibxata erga dhabamte booda.

Daa'imni kun obboleettiishee ganna afurii wajjin taphachaa kan turan oggaa tahu, wayita haati ollaa dubbisuuf gortu, bosona dhiyeenyatti argamutti qajeelte.

Mother and daughter were reunited very soon after Lyuda was found

Madda suuraa, Sledcom Smolensk

Ibsa waa'ee suuraa, Haadhaafi daa'imni battaluma Lyuda'n argamtetti wal hammatan

Kana hordofee tola-ooltonni naannichaa 400 tahaniifi poolisiin qindaa'uun barbaachatti ka'an. Kanneen cillimsuun bishaan lixan, barbaadanis homaa dhaban.

Dhamaatii guyyaa afuriin booda gareen barbaachaa tokko mana maatii kanaa fageenya km4 irratti boqonnaarra wayita turanitti, sagalee wahii dhagahan.

Seenaa lubbuun argamuu Lyuda seenaa daa'ima biraa 2016tti mudate kan nama yaadachiisudha. Daa'imni umuriinsaa ganna sadii, daggala Saayibeeriyaa kan yeeyyii fi 'bear' itti heddummatan keessa baduun, sa'aatii 72 booda lubbuun argame.

Gaafas Tserin Dopchut chokoleetii harkatti baatee ture, Lyuda'n garuu tasumaa nyaata waan jedhamu harkaa hinqabdu turte.