Ispoortii: Taphattootni Piriimer Liigii sadii Joorjiniyoo, Nigolo Kaantee fi Keevin de Biruun badhaasa taphataa cimaa Awurooppaaf kaadhimaman

Maxxanfame

Taphattootni Piriimer Liigii sadii Cheelsii irraa Joorjiniyoo fi N Goloo Kaantee fi taphataan Maanchister Siitii Keevin de Biruun xumuraaf gahaniiru.

Leenjisummaa kubba miilaa dubartootaan Leenjistuun Chelsii Eemaa Haayes, kan Baarseloonaa Luwis Koortees fi kan garee biyyaalessaa Siwiidin Piiter Gerhaardisan xumuraaf darbaniiru.

Leenjisummaa dhiirotaan leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaan, kan Chelsii Toomaas Tuuhel fi leenjisaan Xaaliyaanii Roobertoo Maanchiniin kaadhimamaniiru.

Kaadhimamtoota kubba miilaa dubartootaa keessaa taphattuu cimtuu bara kanaa tahuuf Baarseloonaa irraa Shaampiyoonsi Liigii kan mo'atan Jeenii Hermoosoo, Liikee Marteensi fi Aleeksiyaa Putelaasidha.

Waggoota 11 keessatti badhaasa taphataa cimaaf kaadhimamtootni xumuraaf gahan sadanuu sarara gidduu irraa tahuun kun kan jalqabaati.

Joorjiniyoo fi Ngoolo Kaanteen kilaba isaanii Chelsii waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ataniiru. Leenjisaa Toomas Tuuhel garee Peep Gaardiyoolaa fi Keevin de Biruun mo'achuun waancicha fudhate.

Joorjiniyoon dabalataan waancaa Awurooppaa 2020 leenjisaa Rooberoo Maanchinii waliin tahuun mo'ateera.

Taphataan Baayern Muunik Roober Lewaandowiskiin badhaasa kana bara darbe mo'ateera.

Dubartiin lammii Ingiliz Hayes waggoota sagaliif Chelsii leenjisuun waancaa yeroo afur mo'atteetti. Bara kana ammoo xumura waancaa shaampiyoonsi Liigiifis dhaqqabsiiftetti.

Badhaasa kana kan mo'ate yeroo ramaddiin Shaampiyoonsi Liigii Kamisa Hagayya, 26 Istaanbulitti bahu kan baramu taha.