Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan miidiyaalee addunyaa 'ibsa waajjira MM akka hin malletti gabaasan' jette komatte
Ibsa waajjirri MM Itoophiyaa Kibxata lammileen Itoophiyaa haleellaa garee shororkeessaa TPLF irraa biyya isaanii akka eegan ittiin waamicha dhiyeesse miidiyaaleen addunyaa akka hin malletti, ergaa isaa jallisuun gabaasan jechuun mootummaan Itoophiyaa komate.
Waamicha mootummaan uummata Itoophiyaa miliyoona 100 oliif dhiyeesse miidiyaaleen addunyaa hawaasa idil-addunyaaf akka hin malletti dhiyeessan jedha fuulli qulqulleessa ragaalee mootummaa federaalaa.
BBC dabalatee gabaasaaleen miidiyaa gurguddoo akka Rooyitars, Faayinaanshaal Taayims, Waashingitan Poost fi kaan, kan mootummaan dogoggora jedhu mata duree isaanii waliin eerameera.
Mata dureewwan gabaasa miidiyaalee kanaa irra hedduun 'Itoophiyaan lammileen ishee humnoota Tigraay loluuf akka hiriiran waamicha dhiyeessite' erga jedhu of keessaa qaba.
Gabaasaaleen kunneen haleellaa humnooti TPLF naannolee Amaaraa fi Affaar irratti raawwatan callisaan bira darbe, waamicha biyyaalessaa mootummaan dhiyeesse akka guutummaa Tigraay irratti ta'eetti gabaasani jedha ibsi kun.
Itti dabaluunis mata dureewwan gabaasaalee kanaa TPLF yakkamaa ta'uu agarsiisuu dhiisee mootummaa Itoophiyaa yakkamaa godhee kan mul'isedha jedha.
Jecha 'humnoota Tigraay' jedhu fayyadamuun Itoophiyaan guutummaa naannoo Tigraay waliin waraanatti akka jirtu fakkeessuuf yaalaniirus jedha.
Miidiyaaleen hedduun gabaasaalee isaanii keessatti MM Abiy maqaa gaarii qaban balleessuu fi TPLF garee shororkeessaa ta'uu labsii paarlaamaan Itoophiyaa labse cinaatti dhiisuun birmadummaa Itoophiyaa dhiibaniirus jedha.
Itoophiyaan jalqaba waraana Tigraay irraa eegaltee akkaata waraanichi gabaafamaa ture irratti miidiyaalee fi dhaabbilee mirgoota namoomaa gara garaa komachaa turte.
Baatilee 9 darbaniif miidiyaaleen haala wal fakkaatuun dhugaa jiru jallisanii ykn dabsanii gabaasaa turan jedha ibsi fuulli tiwiitaraa qulqulleessa ragaalee mootummaa Itoophiyaa baase.
Ibsi waajjirri MM kaleessa baase raayyaan ittisa biyyaaa fi humni addaa naannoolee TPLF irratti 'tarkaanfii jabaa fi keessa deebii hin qabne' akka fudhatan' kallattiin kennamuu hima.
Itti dabaluunis ''lammiileen Itoophiyaa umuriin keessan eeyyamu raayyaa ittisa biyyaatti makamaa, kaan ammoo waan dandeessaniin raayyaa ittisa biyyaa cina dhaabadhaa,'' jedha.
Ibsi kun, mootummaan erga dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsee yeroo jalqabaaf tarkaanfii fudhachuuf akka jedhu ifatti labse.
''Humni ittisa biyyaa, humni addaa fi milishaan naannolee humna shororkeessaa TPLF irratti irree keessan jabaa fi tarkaanfii keessa deebii hin qabne akka itti agarsiiftan kallattiin isiiniif kaa'ameera,'' jedhe ibsi waajjira ministira muummee kun.
Waraanni mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti gaggeeffamaa jiru ji'oota sagal lakkoofsisuun lubbuu kumaatamootaa balleessee qabeenya biliyoonaan tilmamamus barbadeessera.