Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afaan Swaahiilii Afrikaa tokkoomsuu danda’a jedhan Yoweerii Museveenii
Pirezdaantiin Yugaandaa Yoweerii Museveenii afaan Swaahiili aardii Afrikaa tokkoomsuu waan danda'uuf lammileen Afrikaa Afaan kana akka dubbataniif waamicha dhiyeessan.
Guyyaa walitti hidhaminsa biyyoota Afrikaa jajjabeessuuf labsame (African Integration Day) irratti haasaa kan taasisan pireezidantii baroota hedduu Ugaandaa Museeveeniin, afaan Suwaahiilii ''afaan bilisa ta'e, kan saba kamiiyyu hin taane, eenyuyyuu kan kooti kan hin jenne dha'' jechuun ibsan.
''Afrikaanotni duriyyuu walfakkaanna ykn ammoo walitti hidhata qaban, tokko sababni hin taaneef hin jiru. Awurooppaanotni tokko ta'uu caala Afrikaadhaaf salphata, garuu kan nama dhibu daandii sana qabachaa hin jiruu'' jedhan.
Biyyootni Awirooppaa tokkoomuuf yoo murteessan afaan isa kamitti fayyadamna kan jedhu isaan dhibuu jalqabe, Xaaliyaaniffa? Ispaanish, Ingilishii? Daachi? Jarman? moo kam dubbanna jechaa turan kan jedhan Museveeniin, Suwaahiiliin afaan bilisa ta'ee kan nu tokkoomsuudha jedhan.
Suwaahiiliin Afaan warra Awurooppaa ta'uu baatus afaanota akka Ingiliish, Fireenchi fi Poorchugiisii afaan aardii ce'ee naamni ittiin waliigaluudha. Haata'u malee yaadni kun dhugeeffamuuf yeroo dheeraa fudhateera jedhu Museveeniin.
Afaan Suwaahiilii Afrikaa keessatti afaanota bal'inaan dubbifaman keessaa adda duree yoggaa ta'u, biyyoota akka Keeniyaa, Taanzaaniyaafi Ugaandaa fa'a keessatti hedduminaan dubbatama.