Daa'imni ganna torbaa judoorratti si'a 27 lafatti darbatame lubbuun isaa darbe

Maxxanfame

Taayiwaan keessatti daa’imni ganna torbaa shaakala judoo irratti si’a 27 lafatti darbatame lubbuun isaa darbe.

Ebla keessa, kutaa barnootaa judoo keessatti barattoonni biroo fi barsiisaan isaa akkaataa itti nama darbatan isarratti erga shaakalanii booda sammuun isaa dhiiguun miidhame.

Mucaan eenyummaan isaa hin himamne kun miidha irra ga’een koomaa keessa seenee meeshaa lubbuun isa tursu akka fayyadamu taasifame.

Akka miidiyaaleen biyyatti gabaasanitti maatiin daa’ima kanaa guyyaa 70 booda meeshaa lubbuu isaa oolchu irraa kaasuuf murteessani.

Leenjisaan mucaa kanaa, namni ganna 60, haleellaan miidhaa qaamaa guddaa uumuu fi yakka raawwachuun daa’imman fayyadamuun himatamuu isaa miidiyaan Taipei Times gabaaseera.

Lenjisaan maqaan isaa Hoo jedhu qofa himame, jalqaba ji’a kanaatti wabii doolara 3583 kaffalee hidhaarra gadhiifame.

Maaltu ta'e?

Daa’imni ganna torbaa kun Ebla 21 kutaa barnoota judoo yeroo fudhachaa ture eessumni isaa judoon isaaf akka hin mallee harmee isaatti agrsiisuuf viidiyoo waraabaa akka ture himameera.

Vidiyoon kun shaakala irratti, barattootni kutaa isaa hangafa isaa ta’an yeroo si’a hedduu lafatti isa darbatan ni mul’isa.

Yeroo inni iyyu viidiyoo kana irratti ni dhaga’ama. Ta’us garuu lenjisaan isaa akka inni ka’ee dhabbatuuf isa ajajuun barattonni kun isa akka darbachuu itti fufan itti himuun boodarra leenjisaan kun ofiisaa daa’ima kana lafatti darbateera.

Daa’imni kun boodarra of wallaale, maatiin daa’ima kanaa leenjisaan kun sobee of wallallee jechuu isaa himu.

Essumni isaa kun maaliif leenjisaa kana hin dhaabne kan jedhu irratti gaaffiin ka’eera ta’us garuu oggeessotni Taayiwaan akka jedhanitti aadaan barsiisootaaf kabaja keennuu guddaan biyyatti keessa jira, kana jechuun takka takka waanti fedhe yoo uumameyyuu aangoo isaani callisanii simachuu jechuudha.

Haarmeen daa’ima kanaa eessumni isaa “wanta uumameen baay'ee gadduu isaa” gazexeessitootti himteetti.

Boodarra leenjisaan kun leenji kana kennuuf eeyyama akka hin qabne barame.

“Ganaman gara mana barumsaatti geesseen sana ammayyuu nan yaadadha,” jetti harmeen isaa.

“Natti galagalee ‘harmee nagaatti’ naan jedhe. Galagala isaa akkas ta’eera.”

Kibxata Hospitaalli Fengyuwaan dhibbaan dhiigaa isaa fi rukkuttaan onnee isaa hir’isaa akka jiru beeksise. Oggeessotni fayyaa maatii waliin erga mari’atanii booda, meehaa lubbuu isaa tursaa ture irraa kaasuuf murteessani.

Miidiyaa hawaaummaa irratti lammileen Taayiwaan “amma dhukkubiin hin jiru, yaa obboleessa quxisuu” jechuun gadda isaanii ibaniiru. Kaan lenjisaa kana irratti tarkaanfiin cimaa akka fudhatamuu fi maatii isaaf beenyaan kaffalamuu qaba jedhaaniru.