Oduun haati Afrikaa Kibbaa daa'imman 10 deesse jedhu soba jedhe qorannoon

Gosiame Thamara Sithole pictured a month ago

Madda suuraa, African News Agency (ANA)

Ibsa waa'ee suuraa, Haadha Gosiame Thamara Sithole jedhamtu ji'a Caamsaa keessa Pretoria News suuraa kana kaase
Maxxanfame

Dubartiin Afrikaa Kibbaa Gosiyaamee Sithoolee jedhamtu altakkaatti daa'imman 10 deesse jechuun tibbana oduun gabaafamaa ture dhugaa miti, jedhe qorannoon dhimma kanarratti gaggeeffame.

Hospitaalli kutaa biyyaa Gauteng keessa jiru kamuu daa'imman 10 dhalachuusaanii hin galmeessine jedhe mootummaan naannichaa.

Qorannoon fayyaa Aadde Sithoolee akka agarsiisuttis, haati kun dhiyeenya kana ulfayyuu hin turre jedha.

Dubartiin ganna 37 kun wayita ammaa haaluma seera fayyaa sammuun hordoffii jala kan jirtu oggaa tahu, deeggarsis taasifamaafi jira jedhameera.

Ibsi qorannoo bahe kanaa, oduu kana uumuuf sababni duuba jiru maal akka tahe hin himne.

Qabeenyaan dhaabbata Independent Online (IOL) kan tahe miidiyaan Pretoria News oduu kana jalqaba baase. Ammallee dhaabbanni kun oduun kun dhugaadha jechuun cicheera.

Dabaluunis miidiyaan kun Aadde Sithoolee daa'imman kanniin kan deette gaafa Waxabajjii 7 yoo tahu, hospitaala magaalaa Piritooriyaatti argamu Steve Biko Academic Hospital (SBAH) jedhamutti. Hojjettoonni hospitaalichaa kanaaf qophii gahaa hin goone ture jechuunis gabaase.

Hospitaalichaa fi angawoonni fayyaa naannichaa dhibaawummaa medikaalaa agarsiisan dhoksuuf yaalaa jiru jedhee himate.

"Himannaaleen kun dhara, ragaan kan hin deeggaramneefi maqaa gaarii hospitaala Istiiv Biikoo fi mootummaa naannoo Gauteng balleessuuf kan kaayyeeffatan,'' jedha ibsi mootummaa dhiyeenya kana bahe.

Kanarra darbees gulaalaa olaanaa Pretoria News, Piet Rampedi fi IOL irratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatamas jedhan.

Oduun kun maddisaa eessa?

Ijoollee lakkuu umuriinsaanii jaha tahe kan qabdu Aadde Sithoolee fi jaalalleen ishee Teboho Tsotetsi bakka Thembisa jedhamu keessa jiraatu. Bakki kunis dhiyeenya magaalaa Johaanisbargitti kan argamuufi hawaasni harka-qalleeyyiin bakka itti jiraatanidha

Akka gabaasa IOLtti maatiin kuniifi gaazexeessaan oduu kana baase Raampeediin waldaa tokko kan dhaqan oggaa tahu, ji'a Muddee keessas walbaran.

Caamsaa keessammoo lamee kana wajjin afgaaffii taasiseen, ijoollee saddeet eeggachaa akka jiran itti himan. Suuraan wayita sana kahes haati kun ulfa garmalee guddaa tahe baattee agarsiisa.

Oduun dhalachuu daa'imman ajaa'ibaa 10 kunis, Obbo Tsotetsi wabeeffachuun Pretoria News irratti Waxabajjii 8 bahe. Boodarra akka jedhetti jaalalleensaa kun ergaa barreeffamaa itti erguun akka itti himte dubbachuun, sababa koronaavaayirasiif jecha hospitaala seenuun akka hin heeyyamamneef hime.

Raampeediin ergaa gama WhatsApp'n ergamu irratti hundaa'uun gabaasasaa midhaasse - gama hospitaalaan waa'ee oduu kanaa hin mirkaneeffanne.

Kantibaan naannicha jiru dhalachuu daa'imman kanaa mirkaneessee ture. Ergasiis BBC dabalatee miidiyaaleen kaan oduu kana maxxansan.

Boodarra garuu dubbi himaan mootummaa jechuma maatii malee, namni daa'imman kana arge akka hinjirre himan.

Achiis kennaan maatii maqaan "Thembisa 10" jedhu bahef kanaaf yaa'uu eegale. Gaggeessaan IOL Iqbal Survé otoo hin hafin doolaara 70,000 arjooman.

Haatahu malee erga Pretoria News jalqabarra bakka argama hospitaalichaa if gochuu dideefi hospitaalonni Hawuteng keessatti argaman as bahuun 'taateen kun nu biratti hin raawwanne' erga jedhanii booda, shakkiin hammaate.

Oduun dhalootaa kun himamee guyyoota kudhan booda, IOL hospitaala Istiiva Biikoo irratti himannaa dhiyeesse.

Kana hordofees lameen kunniin waan waldhaban fakkaate. Jaalalleen dubartii kanaa Tsotetsi'n dubartiin kun baddee jirti jechuun poolisiitti gabaasuun, namoonnis kennaasaanii akka dhaaban gaafate.

Aadde Sithooleen gamasheetiin daa'imman kanarraa bu'aa maallaqaa argachuuf himannaa jedhu irratti dhiyeessuu Pretoria News gabaase.

Kun kanaan osoo jiruu hojjettoonni hawaasummaa bakka dubartiin kun jirtu barbaadanii kan argatan oggaa tahu, guyyaa Jimaataa hospitaalatti gessuun akka qoratamtu taasisan jedhan aangawoonni naannoo Hawuteeng.

Barreeffamni miliqee bahe jedhameefi miidiyaa News24 argate ammo gaazexeessaa Raampediin dhiyoo kana IOL dhiifama gaafateera jedha.

"Oduu kana hordofee miidhaa maqaa dhaabbatichaarraan gaheef dhiifama gaafadha,'' jedhe. Oduu kana akka akka oduu salphaa namoota gammachiisutti otoo hin taane, silaa akka gabaasa qorannootti (investigative piece) ilaaluun narra ture jedheera.