Filannoo Itoophiyaa 2021: Odola Xaanaa bakka dubartoonni 185 qofti itti filatan

Maxxanfame

Haroon Xaanaa magaalaa Baahirdaarii jalqabee hanga Gondar bakka Gorgoraa jedhamutti kan diriireedha. Bal'inni haroo kanaas iskuweer kilomeetira 3,673 ta'a jedhama.

Kallattii Kaaba hanga kibbaa kilometira 104 gama Baha lixaatiin ammoo dheeriina kilomeetira 66 qaba.

Odolli Daqii kan argamu ammoo magaalaa Baahirbaarii irraa fageenya KM 37 irratti yoo ta'u, tilmaamaan namoonni kuma 14 irra jiraatu jedhama.

Odolli kun bal'aa waan ta'eef qonnillee akka gaggeeffamu dubbatama. Odola Daqii kana keessa bataskaanota torba qaba.

Odolli kunis bal'aa waan ta'eef buufataalee filannoo sadii qaba.

Haroo Xaanaa keessa kanneen qarqarawwan bishaanirra jiran waliin odolawwan 37tu jiru.

Dhiheenyatti kan argamu Dabra Daamoo yoo ta'u, bidiruudhaan daqiiqaa 15 fudhata.

Walumaagalatti odoloonni Haroo Xaanaa irratti argaman bakka lamatti argamu. Isaanis Tokkummaafi Hawaasummaa.

Odolli Tokkumaa bakka namoonni amantaa irra jirataan yoo ta'u, achitti sochiiwwan akka filannoon hin gaggeeffamu.

Odolli kan akka Zeegeefi Daqii keessoo isaaniitti bataskaanoota hedduu qabatanilleen jiraattoota idilees qabu. Kanaafuu buufanni filannoo qophaa'eera.

Odolli Zeegee Baahirdaari irraa fageenya km28 irratti argamti.

Naannoole filannoo magaalaan Baahirdaar qabdu sadii keessaa tokkoo bakka naannoo filannoo Zeegee Mashantii jedhamudha.

Naannoo filannoo kana keessas gandoota sadiitu jiru. Gandoonni lama bishaaniin kan marfaman yoo ta'an, tokko lafa gogaadha.

Isaan keessaa Ganda Zeegee Uraa ammoo buufataalee filannoo lamatu jira, Uraa 01 A fi Uraa 01 B jedhamu.

Qindeessituun filannoo Uraa 01 A BBCn wayita kaleessa dubbiseetti qophiif asiifi achi figaa turte.

Gaazexeessaa wayita arganitti kan nahan fakkaatu ture. Sbabiinsaas dhiiroonni achi hin deeman.

Qindeessituun kunis Ballaxach jedhamti. Erga ija shakkiin ilaalaa turteen boodas, nuti lakkoofsa filattootaa hin himiinaa jedhamneerra jette.

Odola sanarra kanneen jiraatan keessaayis kaadhimamaan paartii siyaasaa achi dhaqee na filadhaa jedhee jiraa jennee gaafannus, kan beeku hin arganne.

Kana malees, poostariin filannoo maxxnfameelleen naannicha keessa hin jiru.

Dhumarrattis waliigalatti namoonni 579 filachuuf galmaa'uu himte.

Isatti aansee gara buufata filannoo Zeegee Uraa 01 B tti imallee.

Achitti jiraattonni walitti qabamanii osoo buna dhuganuu qaqqabne. Gaazexessitoota ta'uu keenya hubannaanis gammachuun simatanii nu keessuummeessan.

Hojii gaggeessituun ganda Uraa Mulu'alam Daamxee jedhamti.

Jiraattonni gandichaas bunaafi loomii gurgurachuun kan jiraatan ta'uu dabalatee haala Odola Zeegee sana dubbatte. Geeshoon illee ni biqila.

Waliigalatti namoota 2,734 jiraata ganada sana keessa. Kanneen keessaa filannoo kan qaqabanii kaardii fudhatan garuu 323 qofaadha jette.

Odola kana irratti dubartoota 185 qofaatuu bahee filata.

Kana jechuunis dhiiroota ykn ijoollee umuriin filannoof hin qaqabneedha.

Dhiiroonni ammoo 138 ta'u. Itti-gaafatamaan buufata filannoo Zeegee Uraa ammoo dargaggoo Malkaamuu jedhama.

''Seera filannoo eegneeti hojjenna. Filattoota muraasa qofaa ta'anilleen hanga galgala sa'aatii 12tti ni filu,'' jedha.

Rakkiin nageenya gonkumaa achi akka hi njiraanne kaasuun, namoonni odolicha irra jiraatan baayyeen kan dubbiisuufi barreessuu danda'an waan ta'eef hubannoo gaarii qabu jedha.

Lafa amantaa waan ta'eef sodaa nagaa omaa hinqabnu jedhas.