UN tibba koronaatti uummanni addunyaa miliyoona 82 buqqa'uu ibse

Maxxanfame

Tibba weerarri koronaavaayirasii mudate kanatti namoonni mana isaanii dhiisanii baqatan addunyaarratti miliyoona 82 akka gahe Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejansiin baqattootaa (UNHCR) beeksise.

Baayyinni lakkoofsa namoota buqqa'anii kunis waggaa 10 keessatti dachaan kan dabale yoo ta'u, kunis baayyina ummata addunyaa keessaa harka tokko ta'a jedhameera.

Weerarri Covid-19 lakkoofsa namoota koolu-galtummaa gaafatanii haalaan xiqqeessa jedhamee eegamee akka ture dhaabbatichi ibseera.

Haata'u malee, bara darbe keessa namoonni miliyoona 11.2 manasaanii irraa kan buqqa'an yoo ta'u, lakkoofsi kunis kanneen bara 2019tti buqqa'an caala.

Walitti bu'iinsi, hokkarri fi sarbamni mirgoota namoomaa, sababoota namoota hedduu godaansaaf saaxilan keessayi.

Kanneen keessaa hedduun kan biyya keessatti bakka jireenyaasaanii irraa buqqa'an yoo ta'u, dhorkaawwan biyyoonni kaa'an akka daangaalee hinqaxxaamurreef ittiseera.

Gama biraatiin ammoo buqqaatota keessaa kanneen kuma 250 qofti gara biyyasaanii deebii'uu kan danda'an yoo ta'u, kan biyya itti baqataniitti jireenya akka eegalan dirqisiifaman ammoo kuma 34 jedheera ejansichi.

Yeroo gabaabaa keessatti lakkoofsi namoota godaananii miliyona 100 akka ta'uu danda'ulleen himeera.

Komishinarri olaanaan ejansichaa, Fiiliip Giraande ''walitti bu'insaa fi rakkoolee namoonni akka baqatan taasisan hiikuuf jalqaba kutannoo siyaasaa barbaachisa'' jedhan.

Motummoota gamtomaniitti Dhaabbanni Dhimmota Baqattootaa dhorkaawwan koronaavaayirasii laaffachuun walqabatee 2021tti walitti bu'insi baayyachuu ni danda'a jedhee akka yaadu ibseera.

Sababii walitti bu'insa yeroo dheeraa, jijjirama qilleensaa hamaa fi weerarichaatiin hir'inni nyaataa cimaan dabalaa adeemuu danda'a jechuun akeekkachiseera.

Biyyooti akka Sudaan Kibbaa, Jiddugalli Riippablika Afriikaa fi Siiriyaatti balaan beelaa mudachuu mala jedheera.

Gama biraatiin ammoo koronaavaayirasiin addunyaarratti lakkoofsa namoota iyyummaa olaanaa keessa jiran miliyoona 119 irraa gara miliyoona 124tti akka guddatu taasisuu tilmaamae ture.

Kanneen buqqa'an keessaa walakkaa ol ykn miliyoona 48 kan ta'an biyyumasaanii keessa buqqa'uun kan argamaniidha jedha.

Sababii dhukkubichaatiif daangaalee qaxxaamuruun cimaa ta'ulleen biyyoonni tokko tokko buqqaatoonni gara biyyasaanii akka galaniif hayyamaa jiru jedha.

Yugaandaan namoota sababii waraanaa DR Kongootti gaggeeffamaa jiruutiin gara daangaasheetti baqatan qorannoo koronaa qopheessuun simataa jiraachu kaaseera.

Baqattoota biyyasaanii alatti godaanan keessaa harki lama sadi kan ta'an kan biyyota shan keessaa dhufan.

Sababii wal waraansa Siiriyaa amma waggaa 10 lakkoofsiseetiin namoonni miliyoona 13.5 buqa'aniiru.

Kunis ummata biyyattii walakkaan olii kan haguugudha. Kanneen buqqa'an keessaa walakaan ol biyyasaanii olalatti kan baqatan yoo ta'u, kan hafan biyyuma keessatti buqqaatota ta'an.

Isaan keessaa buqaatoti harka sadii afur ta'an biyyoota ollaatti dahatanii argamu.

Haaluma walfakakatuunis lakkoofsi baqattoota irraa dhalatan dabalaa dhufeerra. Bara 2018- 2020tti ijoolleen gara miliyoona tokkootti dhiyaatan baqattoota irraa dhalachusaanii dhaabbatichi ibseera.

Haalichi gadi fageenyaan yoo ilaalamu yaaddeessaa ta'ulleen, Ameerikaan bara 2021tti baqattoota 62,500 fi bara 2022tti ammoo kuma 125 simachuuf waadaa galtee jirti.

Akkasumas Kolombiyaan lammiile Veenzuweelaa miliyoona tokko ta'aniif yeroof dahoo kennuuf waadaa galuunshee mallattoowwan abdii kennaniidha jedheera dhaabbatichi.