Ameerikaatti Obbolaan durbaa ganna 4 fi 9 warra rafe konkolaataa hatanii karaa fagoo erga oofanii qabaman

Maxxanfame

Ameerikaa kutaa biyyaa Utah keessatti daa’imni ganna sagalii obboleettii ishee ganna afurii wajjin konkolaataa otoo konkolaachisanii argamuun isaanii ‘’hedduu nu ajaa’ibeera,’’ jedhu poolisoonni.

Taateen kunis guyyaa Roobii kan mudate yoo ta'u, lamaansaaniyyuu saqqii nageenyaa (seat belt) godhatanii turan jedhame.

Ijoolleen durbaa kunneen Kaaliforniyaa dhaqnee ‘’garba daakuu barbaanne’’ jechuun qondaaltoota poolisiitti himan.

Ijoolleen durbaa obbolaa lamaan karaa gurguddoo lamarra erga konkolaachisaa turanii booda konkolaataa tokko rukutaniiru, sana booda konkolaataa fe’isaa tokkotti kallattiin bu’uusaanii poolisiin toora Tiwitaraa gubbaatti barreesseera.

Daa’imman kunneen qabattoo keewwatanii imalarra waan turaniif miiidhaan irra hin qaqqabne.

Waajirri Poolisii magaalaa Yuutaah Weest Vaalii akka ibsetti, ijoolleen durbaa kun otoo maatiin isaanii rafanii, Roobii halkan sa’aatii 9tti hirriibaa ka’uun konkolaataa Chevii Malibu oofanii warra jalaa miliqanii bahan.

Karoorri ijoollee kanaa karaa imala konkolaataan yoo xiqqaate sa’aatii kudhanii gaafatu imaluun, qarqara qaama bishaanii Kaalifoorniyaa, iddoo bashannanaaf filatamtu qaqqabuuf yaadanii turan.

Daa’imni ganna sagalii kunis otoo konkolaataa biraatti hin buusiin fageenya km16 kan konkolaachifte wayita ta’u, lafa gidduu jirurra erga baafte booda konkolaataa fe’iisaa tokkootti buufte jedhe poolisiin toora Twitaraa gubbaatti wayita ibsu.

Konkolaachisaa konkolaataa fe’iisaa sanarra midhaan qaamaa hin qaqqabne, konkolaataan isaa garuu miidhaan qaqqabuu arginaan poolisii waamee ture.

Battala balaan sun qaqqabetti viidiyoon poolisiin waraabame akka agarsiisutti, miidhaaan konkolaataa daa’imman konkolaachisanirra qaqqabeera.

Warri ijoollee kanaa amma poolisiin hirriibaa isaan dammaqse waa’ee balaa kanaa itti himutti ijoolleen isaanii baduu hin beekan ture.

Warri ijoolleen isaanii baduu wayita dhaga’anitti nahanii akka turan poolisiin himeera.

Waggaa tokko dura ta’iin walfakkaataan Yuutaah keessatti kan uumamee ture wayita ta’u, daa’imni ganna shanii haatii isaa konkolaataa Lamborgiinii bituuf didnaan, konkolaataa warrasaatii fudhatee bitachuuf akka bahe poolisootatti himusaatu yaadatama.