Baaleetti dhibeen 'hin beekamne beeyladaafi namarraan miidhaa geessisaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Godina Baalee Baha aanaalee gammoojjii keessatti dhibee hin beekamneen gaalliifi namni miidhamaa jiraachuun sodaa guddoon uumamuu jiraattonni BBCtti himan.
"Gaalli dhibeen kun irratti argame furrii funyaanirraa qaba, afaaniifi funyaaniin dhiigatu baha, hafuura kuta," jedha goodinichaatti jiraataan aanaa Sawweenaa Boonsaa Ahimad.
Aanaalee akka Sawweenaa, Raayituufi Beeltoos gara gammoojjii keessatti lubbuun gaala hedduun dhibee kanaan nuu jala dhumeera jechuun himachaa jiru.
Haalli jiraattonni keessa jiran baay’ee ulfaataa ta’uu kan himu Boonsaa Ahimad, dhibee sodaachisaa kanaan nama gaalli hundii irra dhumee harka qullaa hafetu jira jedha.
Dhibeen fayyaa beeyladaafi namootarra miidhaa geessisaa jiru kun yaaddessaa ta'uu kan himu jiraataan kun, “nama osoo gaala elmachaa jiru gaalli kufee du’etu jira," jechuun hangam rifaasisaa akka ta'e ibsa.
Dhibeen hin beekamiin jiru kun aanaa Raayituu qofa keessatti gaala 150 ol kan ajjeesse yoo ta'u, Caamsaa 22 akka eegale hima ogeessi fayyaa beeyladaa Dr Johaar Sheeh Aliyyii.
Dhibeen kun saa’ati 12 hanga 24 keessatti gaalaa akka ajjeesu kan dubbatu Dr. Johaar, “Gaalli dhibee kanaan qabame dafee du’a. Saa’ati 12 keessatti gaala hedduuti dhume; gaala abbaan elmatee manatti galee yeroo deebi’u du’etu argamaa jira,” jedha.
Keessatuu, gaalli gar-malee miidhama jiru gaalota umridhaan fagaatan, kan rimaa qaban, kan hoosisaniifi korma gaalaa fa'idha.
Haalli tatamsa’in isaasa hedduu nama sodaachisa kan jedhu Dr. Johaar, dhibeen kun jalqaba naannoo Soomaleerra ka’ee godinichaattibabal’achuu hima.
Akka oggeeyyiin fayyaa beeyladaafi jiraatonni jedhanitti dhibeen kun asiin dura mullatee hin beeku waan ta'eef naasuu uumuu dubbatan.
Ogeeyyin fayyaa dhibeen kun Covid-19 ta’uu mala jedhan; sababa mallatoon namoonni qabaman argisiisaniifi kan beeyladaallen mallattoo dhibee Covid-19 waliin wal-fakkaatuf. Haata'u malee, hanga qorannoon adda ba'utti mirkaneessuu hin dandeennu jedhan.
Mallatoonsaa dhiiga afaaniifi funyaaniin, akkasumas qaama bobbaaafi walhormaataan ba'uudha. Kana malees, gaalli dhibeen kun irratti argame ho’ina qaamaa, afaaniifi irga keessa maddeessuu, akkasumas hollachiisaatu irratti mul'ata jedhan.
Akkuma dhibeen mullateen, qorannoon sadarka laboraatorii giddu-gala Oromiyaatti ergamuullee hanga amma dhibeen kun waan kanarra ka’e jedhamee wanti beekame hin jiru jedhu.
“Gaala mallatoo argisiisan irra saamuda fudhannee laboraatorii naannoo Oromiyaatti erginus isaan dhibeen kun humna keennan ol jedhanii gara Federaalaatti dabarsan.”
Sadarka Federaalaattis, gidduu-gala laboraatorii biyyaalessaa kan fayyaa beeyladaa Finfineetti ergamee dhibeewwan shakkaman hanga dhibee afurii ilaalaa turanii, hundii negative ta’uu himan.
“Amma warra sana walliin qindoofnee gad-fageennan dhibee kana qorachuuf. Sadarkaa Federaalaarra dhufanii beeyladi erga du’en booda qorannoo taasisuun akkaataa wanti kun adda bahu gochuu feesisa.
Hanga qorannoon kun taasifamee, dhibeen kun kana jedhamee beekameen booda, talaalliin yookaan qorichi kennama, ammaatti ammoo qaama warra fayyaa namaatin wailiin qindoofne hubannoo kenuutti jira,” jedha ogeessi kun.
Rifannaan guddaan amma jiru dhibeen kun beeyladarra gara uumataatti darbaa jiraachuufi namoonni hedduun dhukkubsatanii ciisuu jiraatonniifi oggeyyiin fayyaalleen ibsa jiran.
Namoonni dhukkubichaan qabaman mallatoo gaala dhukkubsateen walfakkaatu argisiisuu himan.
Uumanni hubannoo akka qabaatu wanti hedduun hojjatamaa jiraachuus dubbatu.
Dr. Johaar ogeessota fayyaa namaa walliin ta'anii jiraatonni mallatoo tana argisiisan akka hawaasarra adda bahan gaafachaa jira jedha.
Kana malees, akka namoonni foon gaalaa kana hin nyaanne, aannan isaa akka hin fayyadamne sochii beeylada to’achuufi dhiiga beeylada keessaa bahu kana akka harkaan hin tuqne hubachiisaa jiru.
“Namoota erga foon gaalaa nyaatanii booda dhukkubsataniitu jira. Kaan ammoo osoo foon hin nyaatiin kan gaala kana tutuqanii dhukkubsatanitu jiru.”
Dhibeen kun haala addaatin namootatti darbaa waan jiruuf, namoota dhukkubsatan ilaaluu deemuu irra akka of qusatanis ogeesii kun ni akeekkachiisu.
Dabalatan namoonni dhukkubsatan akka buufata fayyaa deemanii yaalamanis dhaamaniiru.















