'Ati bifa waan qabduuf heerumuu danddeessa jechuun soddoonnikoo na dhaalan'

Madda suuraa, Asteer Waanjikoo
Asteer Waanjikoo jedhamti. Erga bara 2016tti abbaan warraashee akka tasaa irraa du'een booda gursummaa/haadha hiyyeessaa ta'uun bu'aa bahii hamtuu keessa daarbii BBCtti himte.
Du'a abbaawwarraa ishee fi rakkiina maatiin isheerra qaqqabeen kan ka'ee dhukkuba fayyaa sammuutiif saaxilamuun hanga bobbaa ofiishee nyaachuu irra qaqqabuu dubbatti.
Sababii gadda abbaa waraafi rakkina gama firootaan ishee mudatee waan keessa dabarte ''Gadda guddaan dhukkubsadhee hanga bobbaa kiyya nyaachuun qaqqabe,'' jechuun ibsiti.
Asteer lammii Keeniyaa fi haadha ijoollee lamaa yoo taatuu, abbaan warraa shees miseensa waraana Keeniyaa akka ture himti. Erga abbaan manashee irraa du’ee booda jireenni itti jijjiramtee rakkoo cimtu keessa darbuu dubbatti.
Asteer Waanjiikoo abbaa warraashee dhabuun alaatti, soddaawwanshee ykn maatiin abbaa warraa ishee itti jijjiramanii waliigaltee akka dhaban haasofti.
Maatiin abbaa warraa ishee irra guddoo, qabeennaa isheen abbaa warrashee waliin argatan hundaa irra fudhachuu barbaadan.
Obboleeyyan dhiirsaa qabeenni kan obboleessa isaanii akka ta’e itti himuun, 'ati mirga hin qabduu' jedhanii miidhaa akka turan himti Asteer.
Guyyaa abbaan warraa ishee du'ee kaasee obboolaan isaa qabeenyaaf jecha baayyee ishee dhiphisuu himti.
"Abbaan warraa kiyya du’uu mirkaneessuuf mana reeffi keessa kaa’amu bakkan demee jirutti, obboleeyyan isaa haadha tiyyaaf bilbilanii qabeennaa obbooleessa keennaa fudhachuu feena jedhanii furtuu manaa gaafatan.
''Ani ammoo kun yeroo gaddaa malee yeroo qabeennaa qooddatanii miti jedheen itti hime. Rakkoon anaa fi isaan gidduu asirraa ture kan jalqabe," jechuun waan mudate BBCtti himte.
Gadda abbaa warraasheetti dabalee, jeequmsi maatiin isaa uuman hedduu ishee miidhuun dhukkubsattee sadarkaa fayyaa sammuu ishee jeeqamuurra gahuu himti.
Abbaan warraashee attamiin du'an?
Abbaan manaashee loltoota Keeniyaa nagaa eegsisuuf Soomaliyaatti ergaman keessaa tokko ture. Ji’a muraasaan booda, Keeniyaatti deebi’e ijjoolleesaa ilaalee ture.
“Bara 2015 keessa ji'oota hedduuf Soomaliyaa keessa ture deebi’e. Galgala tokko ani irbaata qopheessee yoon goorduubaa dhufu bakka taa’aa turerraa kufee jira. Maal jedhee gaafannaan qaamni isaa gara gadii jiru adoodee, itti dhaga’amaa akka hin jirre nati hime. Ofi to'achu dadhabuuniis fincaaniifi bobbaa to'achuu dadhabe,” jetti Asteer.
Dhibeen abbaa warraa ishee taatee kanarraa eegaluu kan himtu Asteer, ji’a tokkoof hospitaala erga ciiseen booda miirasaatti deebiyee waan fayyee itti fakkaachuu dubbatti.
Haata'u malee, guyyaa muraasaan booda akka tasaa lubbuun isaa darbuu himti.
“Mudde bara 2015 keessaa qofaa kiyyan dhiirsakoo waliin rakkachaa ture. Innis maatiisaatif ilma angafaati. Yeroo inni dhukkubsatee yaalamaa ture, obboleeyyansaa keessaa tokko kan dhufee dubbise hin turre. Haatiisaa si’a sadii qofa dhufanii turan,” jetti.
Oduun du’a abbaa warraashee kun isaan qaqqabnaan garuu obboleeyyan hospitaala dhufanii 'qabeennaa keenna fudhachuu dhufne' jechuun, Asteer furtuu manaa gaafachuu akka eegalan himti.
Asteeris rakkoo ishee mudatuuf deemaa jiru sodaachuun waan qabduu hunda bakka biroo geefattee poolisiitti iyyachuu dubbatti.
“Guyyaa awwaalcha abbaa manaakoo wanti tokko mana keessa hin turre. Barcuma, minjaalas, hunda dhokseen ture. Ollaawwankoo nyaata qopheessuuf na gargaaranii barcuma garuu mana sagadaarraan kireefadhe.”
“Torbaan lamaan sirna awwaalchaa keessa ture sana hedduun miidhame. Maal keessa akkan turellee namni na gaafate hinturre."

Madda suuraa, Asteer Waanjikoo
Wanti nama ajaa'ibe ammoo jetti Asteer, sirna awwaalchaarratti maatiin isaa kabaja isheef dhabuun arabsaa turan.
Maatiin yeroo isheen hospitaalatti qophaa rakkachaa turte osoo gaaf takkallee hin mullatiin guyyaa gaddaatti namoonni isaan argan 'eessaa dhufan' jechuun gaafataa turan jetti.
Asteer isaanis du'a isaarratti kan dhufan dhaala barbaacha akka ta'e akeekti.
Agarsiiftuun kanaa ammoo mirga haadha manummaa ishee osoo beekanii ofii itti darbanii dhaaluuf carraaqqii isaan waan taasisaniidha jetti.
“Ati bareedduudha, yoo barbaadde boruu dhiirsa biraa argattee heerumuu dandeessa naan jedhan,” jetti.
Yeroo gaddaa booda dhibee sammuu..
Asteer mi’a dhokfattee turte fudhattee bakka dhirsashee waliin jiraachaa turanitti yeroo deebite jiraachuun salphaa akka hin turre himti.
Guraandhala bara 2016ttis gaddishee itti hammaachuun sadarkaa sammuun darbuurra gahu himti.
Adeemsa keessa qofaa haasa'uu akka jalqabde kan dubbattu Asteer, amala hamaa nama rifaasisu ofirratti argu jalqabuu himti.
Asteer Waanjikoo dhibeen sammuu isheerra gahe hanga bobbaa ofii nyaachuu eegaluurra ishee geessisuu eeruun, gadda abbaa warraasheen haala hamtu keessa darbuu dhugaa baati.
Yeroo Asteer akkasiitti dhukkubsatte sanattis haadha ishee qofti akka qaqqaabaniif himti.
Rakkoon fayyaa sammuu itti cime hordofee haatishee baadiyaarra dhuftee wallaansa akka argattuuf yaalaa turuu dubbatti.
“Hospitaalli dhiphina cimaa qabda jedhee qoricha baay’ee na raffise naaf kennan. Ji’a tokko keessa saa’atii hedduun rafaa ture.”
Ji’a tokkoof akka gaariitti erga rafteen booda miira gaarii argachuu kan dubbattu Asteer, dhiirsashee deebistee argachuu baattulleen, rakkoo fayyaa sammuu mudate irraa bayyanachu eegaluu ibsiti.
Dhiphinni sammuu itti furaa deemulleen garuu namoonni hedduun isheen duraan beektu ishee lagachuu akka eegalan kaafti Asteer.
“Hirriyoonni yeroo namni rakkatu nama baqachuu eegalu; bilbila nama jala hin kaasan. Namniin ani amanee akka kaffaltiin dhirsakoo motummaan naaf kanfalu qabu naaf hordofuuf waraqaa du’asaa itti kenne, maatii abbaa warraa kiyyaa waliin wal quunnamuun maallaqa sana isaan akka argatan taasisee,” ietti Asteer.
Maatiin abbaa warraashee kun maallaqa baankii keessa jiru hunda erga fudhatanii booda abdii kutachuun hojii barbaaduu akka jalqabde ibsite Asteer.
Waldaa gursummaa/dubartoota abbaan waarraa irraa du'ee hundeessuu
Du’a dhirsashee hordofee rakkooshee mudateef waldaa dubartoota dhirsonni irra du’anii hundeessite Asteer.
Qofaa ijjoollee guddisuun ulfaataa ta'uu kan himtu dubbartiin kun, waan nyaatan dhabuu, mana barnootaa fi kiraa mana kaffaluun fi waliigalaatti jireenna ofii foyyeessuun salpha miti jetti.
Isaan boodas dubartoota muxxannoo jireenyaa walfakkaatu qaban walitti qabdee waldaa Royal Widows jedhamu hundeessuun akka walgargaaraniif carraa uumuu ibsiti.
Yeroo gadda keessa turte namoonni ishee gargaaran haadholii hiyyeessaa ta’uu kan himtu Asteer, hawaasni dubartoota abbaan warraa irraa du’an akka hin taanetti osoo hin ilaaliin harka qabanii bara dabarsuufii akka qaban gaafatti.
Waldaa isaanii Royal Widows jedhamu jalaatti, dubartoonni wal-gargaaranii karaa ofiin of bulchuu danda’an irratti muuxannoo walitti himu.
Hayyuun xinsammuu Bupe Mwabenga, namoonni gadda cimaa keessa jiran waan hamtuufi dansaa addaan baasuu hin danda’an waan ta'eef akka Asteer kana boobbaa ofiilleen nyaachuurra gahuu danda’u jedha.
Yeroo garii haallii itti hammaate ammoo namoonni baay’een ofillee ajjeessuu akka yaaduu danda'an hima.
Kanaafuu, waldaan akka kanaa namoota rakkoo walfakkaatu qabanii walitti dhufuun yaaddoofi ba'aa saanii walitti himuun fala waliif barbaaduurra darbee, bakka aaraafi gadda saanii itti baafachuun boqonnaa sammuu itti argatanillee ta'uu mala jedhu.












