Buqqaatonni kaampii Shireetii fudhataman hunduu atattamaan akka gadhiifaman UN gaafate

Madda suuraa, TIMNIT A
Wiixata darbe Caamsaa 24, 2021, magaalaa Shireetti manneen barnootaa buqqaatotni naannoo Tigraay keessaa qubatan keessaa namoota dhibbaan lakkaawaman qaamolee nageenyaa mootummaan fuudhatamuu UN fi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa balaaleffatan.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessituun deeggarsa namoomaa damee Itoophiyaa Dr. Kaatriin Soozii, magaalaa Shiree keessatti namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'uun jiran, sababa malee hidhuu, reebuufi wantoota seeraan alaa raawwatame jedhan balaalellafataniiru.
Taateen kun Caamsaa 24, 2021 wayita loltootni buqqaatota biyya keessaa kaampiiwwan Tsehaayyeefi Addi Wonfiit jiran namoota yoo xiqqaate 200 ta'an sakatta'anii fudhatanii deeman raawwate jedhaniiru.
Raayyaan Ittisa biyyaa garuu sababi kun godhamuuf hin jiruu jechuun ''wanni jedhamaa jiru oduu sobaati'' jechuun morma.
Kaampiin Tsehaayyee buqqaatota 8,000 ta'an, Addi Wonfiit ammoo 4,000 ta'aniif dahoo ta'uus ibsi Mootummoota Gamtoomanii himeera.
Seerri namoomaafi mirga namoomaa idiladdunyaa sababa malee hidhamuufi akka hin taanetti qabamuu nama kamiiyyuu cimsee balaaleffata kan jedhan Sooziin, ''namoonni sababa malee qabaman hunduu atattamaan akka gadhifaman,'' jechuun gaafataniiru.
Kanneen seerota namoomaafi mirga namaa sarban hunduu qoratamanii haqa akka argatan godhamuu qabas jedhaniiru.
Kanneen yakka raawwachuun qabaman ammoo seera idiladdunyaa bu'uura godhachuun haqa argachuu qabuu jedhan.
Qaamoleen lola Tigraay keessatti qooda qaban hunduu seerota mirga namoomaaf akka bitamanis gaafataniiru Dr. Sooziin.
''Ajajoota waraanaa waliin haasa'uun nageenyi namoota nagaa akka mirkanaawu'' tattaafachaa akka jiraniis ibsaniiru.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa
Haaluma walfakkaatuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa Kamisa Caamsaa 27, 2021 baaseen buufataaleen buqqaatotaa, lammiilee qe'ee isaanii gadhiisanii baqachuuf dirqamaniif bakka nagaa isa dhumaati jechuun, ''shakkamtoota kaampii baqattootaa keessa jiran to'achuuf tarkaanfiin seera kabachiisuu fudhatamu adeemsa seera sirrii hordofuu qaba'' jedheera.
Haala qabatamaa kaampiiwwan kanaa ilaalcha keessa galchuunis barbaachisaadha jedheera.
''Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, gocha nageenyaafi tasgabbii namoota nagaa balaarra buusu kamuu ni balaaleffata, tarkaanfiin rakkoo kana sirreessuus fudhatamuu qaba,'' jedheera.
Lola naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiruun walqabatee, kaampiiwwan namootni qe'ee isaaniirraa buqqa'an keessa jiran keessa hanqina deeggarsa namoomaa hammaataatu jiras jedheera.
Kaampiiwwan namootni qe'eessaanirraa buqqa'an keessa jiraniif eegumsi akka godhamus Komishinichi gaafateera.
Kaampii Shiree buqqaatotni Tigraay keessa jiranitti wanni ta'e maali?
Buqqaattoota Lixa Tigraay irraa magaalaa Shiree keessatti manneen barnootaa adda addaa keessatti dahatanii jiran keessaa Caamsaa 24, 2021 dargaggootni dhiibbaan lakkaa'aman loltoota Itoophiyaafi Ertiraatiin hidhamusaanii namoonni ijaan agarree jedhan BBCf mirkaneessaniiru.
Loltoonni kunneen Wiixata halkan gara sa'aatii afuriirratti gara manneen barnootaa baqattoonni kunneen keessatti argaman deemuun ijoollee dhiiraa fudhachuu himu.
Keessattuu mana barnootaa Tsahaayee fi Adi Wanfiitoo jedhamutti, ijoollee dhiiraa kutaa keessaa baasuun kaan konkolaataan kan hafan ammoo hiriira galchuun miilaan akka fudhataniifi reebaa akka turan dubbattu namoonni ijaan agarree jedhan kunneen.
Haata'u malee, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhimma kanarratti gaafatamuun deebii kenneen ''gocha raawwatamu hin dandeenyeedha,'' jechuun gabaasichi ''oduu sobaati'' jechuun kuffiiseera.
Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti Ittigaafatamaa Sabaa Himaa Ummataa Koloneel Geetinat Adaanee ''Raayyaan keenya gonkumaa kana hin raawwatu.
Oduun kana ibsuus hin jiru. Kun gocha ta'uu danda'us miti. Maal barbaadaniiti kana kan raawwatan?'' jedhuun dhimmicha akka hin fudhanne dubbatan.
Haata'u malee, BBCn kan dubbise Bulchiinsa Yeroo Tigraayiitti Bulchaan Godina Lixa Kaabaa Dr Teediroos Aragaawii, ragaan hidhaa kun kaleessa ganama akka isaan qaqqabe himuun ''gochichi maaliif akka raawwatame mirkanneeffataan jira'' jedhan.
''Namoota dhuunfaafi dhaabbilee miti-motummaa naannichatti argaman irraa ragaan na qaqqabeera. Sirreeffamni barbaachisu akka taasifamuuf qaama dhimmisaa ilaallatu waliin dubbataa jirra,'' jedhan.














