Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaatti aduun warreen adii caala gurraachota miidha-Qorannoo
Qorannoo haaraan bahe gurraachonni magaalota Ameerikaa jiraatan warreen adii caala harka dachaan hoo’i itti cima jedha.
Qorattoonni akka jedhanitti gargaarummaan jiru hiyyummaan kan ibsamu miti, jibba sanyummaa fi moggaatti dhiibamuun seenaan yaadatamuun walqabata.
Kanaa bu’uureffachuun namoonni adii hin taane iddoowwan magariisummaa hedduu hin qabne ijaarsaafi daandii heddumatu jiraatu.
Kunis dhiibbaan ho’aafi qilleensa baramaa akka irratti jabaatu itti hammeessa.
Magaalonni immoo haalli qilleensa baramaa ho’aan akka hammaatu taasisu. Konkiriitiifi asfaaltiin hundi ho’aa harkisanii kuusuu.
Kunis kan mirkaneessu guyyaaf halkan magaalota qubsumni namaa itti heddumatu naannoo itti marsee jiru caala ho’aadha.
Haata’u malee, magaalota keessatti iddoo mukkeen qabuufi iddoo magariisa qabufi iddoo manneen rukkatanii ijaaramanifi warshaaleen jiru gidduu garaagarumman ho’insaa jira.
Qorannoon kanaan dura Ameerikaatti qoratame akka jedhutti ho’iinsi ollaa magaalota gurguddoo keessatti mul’atu barsiifata sanyiin nama qoodu bara 1930 keessa tureen walqabata.
Yeroo sanarraa qabee iddoowwaan hawaasni hidda dhaloota Afrikaa qaban ykn hawaasa baqattoota iddoowwan‘’sarara diimaa’’jedhamanii qondaltoota mootummaa federaalaatiin galmeeffaman keessa jiru.
Iddoo kanatti mana jireenyaa liqaafi investimentii argachuun rakkisaadha. Kunis hiyyummaafi mana dhabuun kutaalee magaalota muraasatti akka jabaatu taasisa.
Qorannoon haaraan kun olloota ho’iinsi qilleensa itti hammaatufi jiraattoota miidhaman giddugaleessaa godhateera.
Ragaa saatalaayiitiirra argameefi odeeffannoo qubsuma uummata Ameerikaa walitti qideessuun qorataan qorannoo kanaa barreessaan akka ibsetti, namni adii hin taane tokko waqtii gannaa guyyaa warreen adii naannicha jiraatan caala ho’aa cimaaf saaxilama.
Qorannoo kana keessatti’’people of colour’’ykn namoota adii hin taane kan jedhu warreen Hispaanik ykn laatinoofi nama adii hin taane hunda dhuunfata.
Ameerikaa iddoowwaan 175 qubsumni namaa ardicha keessatti olaanaa ta’etti namoonni adii hin taane ganna keessa ho’aa cimaaf saaxilamoodha.
Gurraachota biratti immoo rakkoon kun ittu hammaata. Qorattoonni akka jedhanitti gurraachonni ho’a dabalataa 3.12 C wayita saaxilaman warreen adiin ollaasaanii ho’a dabalataa1.47C ta’uuf saaxilamu.
Ho’aa cimaa saaxilamun du’aaf kan nama saaxilu qofaa miti,hojiirratti oomishtummaa xiqqeessufi dandeettii waa barachuu laameshessa.
‘’Qorannoo keenya jijjiramni qilleensa qoodinsa sanyummaa qoodamu jiraachuu ragaa lakkoofsaa kennina’’jedhan barreessaan qorannoo kana dr Angil Hisu, Yuunvarsiitii Noorz Kaarolaayina-Chaappel Hiil irra.
‘’ Iddoo tokko qofatti waan ta’e miti, kutaalee Ameerikaa hundatti bal’ateera.’’ Hiyyummaan magaala keessatti waanta ho’aa waqtii gannaatti dabaluuf nama saaxila keessaa tokkodha garuu guutummaatti ibsuu guutuu ta’uu hin danda’u.
Magaalota harkaa walakkaa ta’an keessatti namoonni adii hin taane warreen sarara hiyyummaan gadi jiran caala ganna ho’a cimaaf saaxilamu.
Taatullee namootni adii hin taane keessaa %10 hiyyeeyyiitti ramadamu. Ka’umsi garaa garummaa bu’uuraas seenaa keessatti ni mul’ata jedhan ogeeyyiin qorannoo.
‘’Walqixxummaa dhabiinsi gama hawaas- dinagdee, naannoofi fayyaa amma mul’atu bu’uurrisaa murtoofi imaammataa jaarraa 20ffaa akka‘’sarara diimaa’’ilaalama ture jedhan Dr Jeramii Hoofman, godahambaa saayinsii Virjiniiyaarra.
Ogeessi kun qorannoo haaraa gaggeeffame keessatti qooda hin qaban. ‘’Maallaqni mukarrratti biqiluu baatulle, ollaasaanii, isaanuma cina jira keessattu Ameerikaa keessatti’’jedhan.
Haalli ho’iinsa addunyaa waggoota kurnan dhufan akkuma dabalaa adeemu rakkinichi hammaata adeema jedhame. Warqaa qorannicha keessatti iddoowwan ho’i itti hammaatutti biqiltuu dhaabuun hamma ho’iinsa ganna keessaa mudatu1.5C ta’uun akka hir’isu eerameera.
Mukti haaraa dhaaabatu hawaasa lakkoofsaan muraasni akka buqqa’aniif karaa saaqu mala jedhanii kaasaniiru.