Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saalmonellaa: CDC'n lammiileen Ameerikaa hindaaqqolii akka hin dhunganne dhorke
Giddugalli To'annoo Dhukkubaa Ameerikaa (CDC) weerara Saalmonellaaf jecha namoonni hindaaqqolii akka hin dhunganne gorse.
Weerara Saalmonellaan namoonni 163 bulchinsota biyyattii 43 keessa jiran erga dhukkubsatanii booda CDC fi qondaaltonni fayyaa weerara Saalmonellaa qorataa jiru.
Kunneen kan dhukkubsatan kan qe'eetti kunuunsan tuttuquuni.
''Jarmiiwwan afaan keessan keessanitti seenanii isin dhukkubuu waan danda'uf simbirroota hindhungatiinaa yookiin hin tuttuqiinaa,'' jechuun CDC'n dhaameera.
Lukkuuwwaniifi daakiyeewwan fayyaafi qulqulluu fakkaatanis baattuu jarmiiwwan saalmoneellaa ta'u danda'u jedheera.
Dabalataan jarmiin kuni lafa isaan sosso'anitti salphaatti babal'ata jedhameera.
Yoo jarmichi namarra qubate ho'ina qaamaa, teessisuu, dhukkuba garaachaa, akkasumas hoqqisiisuu danda'a. Namoonni hedduu yaala malee fayyuu danda'anis, nama ajjeesuus danda'a.
Akka CDC'tti, namoota amma dhukkubsatan jedhaman keessaa tokko sadaffaan daa'ima waggaa shanii gadiidha.
Erga Guraandhalaati kaasee namoonni 34 hospitaalatti geeffamanis namni keessaa du'un gabaafame hin jiru.
CDC'n erga namoonni hindaaqqoo tuttuqanii booda harka akka dhiqataniifi daa'imman akka bira hin geenye dhaame.
Waggaa waggaatti baakteriyaan Salmonellaa Ameerikaa keessatti namoota miiliyoona 1.5 hubaa 420 kan ta'an immoo galaafata.
Baakteeriyaan kuni foon dheedhii, hanqaaquu akkasumas gosawwan nyaataa keessa argamuu danda'a.
Giddugalli to'annoo Dhukkubaa US (CDC)'n gorsa fayyaa lammiileef dabarsuun beekama.