Ogeettii nyaata bilcheessitu garuu kan ofii nyaata dhandhamtee hin beekne

Maxxanfame

Loreettaa Harmees jedhamti. Waggaa ja’aaf nyaata afaan kaawwattee hin beektu. Haata'u malee, fedhiin isheen nyaata bilcheessuuf qabdu hin dhorkine.

Looreetaan nyaati isheen bilcheessitu dhandhamattee soogidda qabaachuufi dhisuu adda baasuu yoo hin dandeessu ta’eeyyu, toora Inistagiraamii ishee irratti garuu beekkamtii guddaa qabdi.

Yeroo tokko tokkoos nyaataa bilcheesite urgaa isaatiin gammaddi.

Shamarree ganna 15 osoo jirtuu turte Leereetaan dhibee Anorexia (kan nyaata lagachiisuun ulfaatinni qaamaa akka hir’isu kan godhu) jedhamuun kan qabamte. Ta’us gara waggaa tokko qofa narra ture jetti.

Isaan boodas yeroodhaa gara yerootti rakkoo nyaata garaa keessatti bulleessuu dadhabuun rakkachaa turte.

''Haadhaafi obbooleettii kiyya waliin yeroo muraasaaf teenyee waliin nyaachuun gammachuun naaf kennuu kan addaa ture,'' jetti.

Yeroonsaa bara 2015 ture . Wayita maatiinshee nyaataaf finjaala marsanii taa'an isheen gara kutaa ciisichaa deemti ture.

Shamrreen ganna 23 tunis nyaata nyaachuutti akka deebiitu taasifamte. Kanas kan gargaare ammoo oggeessa tokko. Kanas bakka umamaasheetti akka deebiituuf osoo hintaanee rakkina ishee mudate qoratee fala barbaachiif jecha ture.

Guyyaa sana ganama Looreetaan hopitaalaa Maarqoos kan Landaniitti argamu dhaquun qorannoo marumaanii taasifameefii ture.

Looreettaan attamiin nyaata qopheessuu eegalte?

ሎሬታ Looreetaan daa'ima osoo jirtuu sagantaa nyaata qopheessuu TV irratti ilaaltu hordofuun kan isa fakkaatu bilcheesitee maatiisheef dhiyeessiti turte.

Wayita waggaa 11 jiratuu kaafte yeroo hunda guyyaa Kibxataa haatishee hojiidhaa turanii waan galaniif irbaata qopheessitee eegdi turte.

Haatii Looreetaa Juliin akka jettuutti, intalli ishee paasitaa irraa eegaluun nyaata gosa garaa garaa qopheessuu eegalte.

Osoo barnoota sadarkaa lammaffaa barataa jirtuu carraa dorgommii nyaataa qopheessuu irratti hirmaatte turte. Mana barnootaa bira darbuun injifatee waancaa hanga argachu irra geessee turte.

akka fixxeen carraa barnoota koolleejii kan nyaata qopheessuun beekamaa ta'efi Landaniitti argamutti barachuu argatte.

Haata'u malee waggaa 15 irratti dhibeen soorati nyaatame akka garaa keessatti hin daakamne taasisuun miidhuun qabamte. Kanaanis kan ka'ee nyaanni sooratte hundi miira dhukkubbi itti uumuun cimaa adeeme.

Ta'u garuu obsaatuma nyaata bilcheesuufi nyaataas nyaachu ittuma fufte.

Barnootashee sadarkaa lammaaffaa akkuma xumurteenis koleejjii Nyaata qopheessuurratti leenjii kennu beekamaa tokkoo seente.

Haata'u malee barumsa kooleejii waggaa sadiif barachuu qabdu keessaa sababa rakkoo fayyaa kanaatiin waggaa tokko qofa barattee addaan kutte.

Wayita waggaa 19 guutuu ammoo barnoota ishee adda kutuu qofaa osoo hintaane dhukkubsattee siree irratti hafte.

“Haala nama ajaa’ibuun wanti hundi badaa adeeme – Tasumaan nyaachuu fi mana fincaanii deemuun dadhabe. Sana booda waggootiin shanan itti aanaan abjuu hamaa keessaa dammaqquu hin dandeenye natti ta’e,” jetti haala dabarsite yoo yaadattu.

Looreettaan tibban akka ulfaatiinni qaamashee saffiisaan hir’isaa jirtuu hubateetti amanu dadhabde. waan itti deebi’eef jechuusaa wayitan yaaduu akka ture himti. Tibba tokkos ulfaatinni qaamashee kilograama 25 qofa ture.

Hakiimoonnis dhibeenshee wallaansa yoo argachu baattee lubbuf illeen kan sodaachisu ta'u itti himan.

Dhiibee isheerra gaheenis yeroo garaa garaatti of balleessuuf illeen yaaddee akka turte ni yaadatti.

Waggoota muraasa boodas dhibee karaa dhalootaan dhufuu qabaachuu ykn dhisuu ishee akka qoratamu murtaa’e.

Haalum kanaanis qorannoo waggootaaf gaggeeffameen boodas keessoon garaa Loorettaa wallakkaan ol akka miidhame hubatame. Dhukkubichi sanyii kan darbu ra'us hakiimoonni bara gahan.

Kanaafu Looreettaan akka nyaattuuf dirqisiisuun akka hinbarbaachifne hubatan.

kun kan mul’ise garaachi Loreettaa gariin akka paralaayiizdi ta’e efi seeraan of qulqulleesuu akka hin dandeenyeedha.

Looreettaan akkasumas mallattoon akka bowwoo mataa cimaa, dadhabbiifi onneen saffiisaan dhawachu ni mudata ture. kanaafis ammo wal’aansa baqaqsanii hodhuu argachuun dirqama ture.

Amma Looreettaan nyaataa afaaniin erga qabde waggaan jaha darbera.

Loreettaan yoomiyyuu deebitee nyaata akka hin nyaannee fi bishaanillee akka hin dhugne hubatte.

Amma nyaataa argataa kan jirtu ujummoo sa'aatii 18'f baatte naannooftuun. Ujummoon sunis kan nyaanni dhangala’aan ittiin garaacha bira utuu hin ga’iin kallattiin gara dhiiga isheetti ergu fayyadamtu jechuudha.

Ujjummoon Hiikman laayin jedhamuun beekamuu kun kallattiin laphee ishee keessa darbee hidda gara onnesheetti deemuu waliin kan walqabatudha.

Ogeettiin nyaata bilcheessitu tun ofiisheetiin nyaachuu hin dandeenye iyyuu ammas jaalala nyaata qopheessuuf qabdu bahaa jirti.. Bara jireenyaa ishee guutuu karaa ujumootiin nyaataa fudhatti.

Kanaanis oggeettii beekamtu nyaata bilcheesiitu garuu ammoo kan nyaanni hafaan galee hinbeekne jedhamte jirti fayyadamtota Instagram biratti.

Hatiifi obbooleettiin ishii waliin jiraataniifi hirriyoonni isheenyaata Looreettaa kana jaalalaan sooratu.

Looreettaan garuu jireenyashee ujummoo waliin jiraataa jirti.