Guyyaa Narsootaa Idil-addunyaa: Ogeeyyiin fayyaa akkatti weerara koronaavaayirasii dandamatan

Maxxanfame

Biyyoota addunyaa hunda keessatti weerara Covid-19 qolachuu keessatti narsoonni ga'ee olaanaa gumaachaniiru, garuu hojiinsaanii gaaga'ama lubbuu hamaaf isaan saaxileera. Guyyaa Narsootaa Idil-addunyaa ilaalchisuun BBC'n hojjettoota fayyaa Itaalii wayita weerarichi jalqabu dubbisee ture irra deebiin dubbisuun waan isaan keessa darban irraa iyyaafateera.

Narsoonni kunneen miidhaa sammuu isaan mudate dandamachuun akkamiin akka har'a ga'an dubbatu.

'Waan argine hunda keessuma keenyatti qabanna'

Paolo Miranda narsii kutaa namoonni akkaan dhukkubsatan keessatti yaalaman (ICU) keessa hojjetuudha, bara darbe waahillan isaa akkamiin miidhaa sammuu sababa weerara koronaavaayirasiin irra ga'u akka dandamataa turan suuraa kaasee olkaa'uuf murteesse.

"Jireenya koo ammaa kanatti nan deebi'a jedhee gonkumaa yaadee hin beeku,'' jedhe.

Suuraan inni walitti qabe narsoonni waahillan isaa ta'an osoo dhukkubsattoota Covid-19 yaalanii miidhamuu fi miidhaa sana jalaa ammoo akkamiin dandamachuuf akka yaalan kan mul'isudha.

"Waan nurra ga'e yoomuu hin dagadhu. Yeroo muraasa booda garuu waanti kun seenaa ta'a,'' jedhee BBC'tti himee ture, yeroo sana.

"Haalli hammaataan weerara vaayirasichaan walqabatee ture salphataa dhufus, nuti garuu akka waan dukkana keessa jirrutti miirri keenya miidhamaa ture.''

''Akka waan qaamni keenya hundi nu madaa'eeti. Waan hundumaa keessa keenyatti qabanna.''

Ergasii jijjiiramni guddaan tokko jireenya Paolo keessatti mudate: Daa'ima argatee abbaa ta'e.

"Daa'ima keenya Vittoria jenneen. Injifannoo (Victory) jechuudha. Yeroo balaafamaa kana keessa lubbuu namaa tokko gara addunyaatti fiduun abdii guddaa nutti hore.''

Haala bara darbe Itaalii keessa ture irraa miidhaa samuuf saaxilamuu kan himu Paolon, innii fi waahillan isaa jireenyaaf abdii kutatan hedduun osoo lubbuun jiranii daa'ima godhachuuf akka murteessan hima.

'Anaaf injifannoo ture'

Bara darbe ji'a Guraandhalaa keessa Itaaliin addunyaarraa bakka weerarri vaayirasichaa itti hammaate taatee turte.

Biyyi addunyaarraa badhaatuudha jedhamuun maqaa qabdu, sirni fayyaashee akka hin taanetti wayita cabu mata duree oduu addunyaa ta'ee ture.

Yeroo sana Tuscany keessatti narsiin kutaa namoonni garmalee dhukkubsatan itti yaalaman keessa hojjetaa turte Martina Benedetti, gara fuulduraatti narsii taatee itti fufuuf abdii akka hin qabne BBC'tti himtee turte.

Ergasii garuu onneenshee geeddarameera, hojii narsummaa akka hojii ajaayibaatti fudhachuu eegalte, garuu hojii namni kamuu hojjetu miti jette.

"Umriinkoo akka waan waggaa kudhaniin dabalee natti fakkaate. Nama jabduu fi onnee ifaan ture... namni sun amma hin jiru.''

Barreessuun akka rakkoorra aantu ishee gargaareera. Dabaree ishee yeroo dheeraa booda wayita manatti galtu, osoo hin rafin dura waan itti oolte barreessiti.

Waan walitti qindeessite sanas yeroo ammaa kitaabatti geeddaruuf jetti.

Nama Covid jiraachuusaayyuu amanee hin fudhanne vaayirasichaan qabamte jedhanii yaaluun baayyee akka itti ulfaataa ture dubbatti Martinan.

''Dhukuubsattoota miidiyaa hawaasummaarratti namoonni akka maaskii hin uffanne kakaasaniifi kanneen narsootaan sobdoota jedhanfaan yaalaa ture.''

Yeroo ta'etti garuu sammuu namoota kunneenii akka geeddarte himti Martinan.

"Namni Covid jiraachuu haalu tokko wayita wal'aanamee hospitaala keessaa ba'u feesbuukii isaa irratti faallaa yaada duraan barreessaa turee maxxanse. Kun anaaf injifannoodha.''

'Jabina qaba jedhee hin yaannen ofirratti arge'

Giddu-galli qorannoo EngageMinds jedhamu narsoota Itaalii irratti qorannoo gaggeesseen, narsoonni dhukkubsatootaan walitti dhufeenya qabaachaa turan carraan dhibee sammuu hamaaf saaxilamuusaanii xiqqaadha.

"Yeroo tokko tokko dhukkubsattoonnii fi firoottan isaanii akka waan narsoonni ba'aa dhiphuu isaanii irraa salphisaniitti fudhatu,'' jedha namoota qorannocha barreessan keessaa tokko Dr Serena Borello.

Namoota qorannoon irratti gaggeeffame keessaa dhibbeentaa 90 kan ta'an gonkumaa hojiisaanii geeddaruu yookiin ammoo gara biraatti jijjiiramuu kanneen hin barbaanneedha.

Namoonni akka Doktar Elisa Nannino hojiisaaniitti boonuun bakkuma jiranitti jijjiirama fiduu kanneen barbaadaniidha.

"Weerarri kun akkan bakka hojii sirrii ta'e jiru naaf mirkaneesse. Ciminan ofirratti hin beekne bakkee naaf baase. Yeroo namoonni du'an wayitan argu nan boo'a, lubbuu namoota hedduus baraareera. Gatii nama kaffalchiisa.''

'Boqonnaa sammuu'

Dr Barellon sabab weerara Vaayirasichaa narsoonnii fi doktaroonni miidhaa sammuuf saaxilamuu danda'u sodaa jedhu qabu, miidhaan kun ammoo ji'oota booda yookiin waggoota booda deebi'ee kan itti ka'uu danda'uudha jedhan.

"Waan mudatee darbe irratti yaada kennuuf wayita carraa argattu, wayita ati achuma jiraachuu kee fi hawaasi ammoo gara biraatti ce'uu hubattu, sammuunkee garmalee miidhama, mukaa'uu hamaa keessa galta.''

Hospitaalonni hojjettootaaf kunuunsa xiinsammuu gochuu qabu, akkasumas akka of kunuunsan haala mijeessuu qabu jette Dr Barellon.

''Hojjettoonni fayyaa waggaa darbe keessa jireenyasaanii dhiisanii lubbuu dhala namaa baraaruuf of kennaa turan, akka ofitti deebi'anii jireenyasaanii ijaarratan hospitaalli haalli mijeessuu qaba.''