Maanchister Siitiin yeroo jalqabaaf xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif gahe

Madda suuraa, Reuters
Maanchister Siitiin dirree isaa Itihaad irratti PSG haala amansiisaa taheen injifachuun xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqqabe.
Taphichi cabbii yeroo isaa hin eeggatiin bu'e keessatti kan taphatame yoo tahu Paarisitti, Riyaad Mahaarez kubbaa fageenyarraaa karra eegaan Man Siitii Edersen dabarse galchiitti jijjiire injifannoon akka itti fufan godheera.
PSG 'n taphichaan dura taphataa beekamaan isaanii Kiliyaan Embaappeen miidhamaan taa'umsa jijjiirraa ira taa'uun isaan miidheera.
Jalqaba yeroo Aleeksaander Ziincheenkoon kubba waan harkaan tuqe fakkaatee rukuttaan peenaalitii kenname PSG waan abdii qabu fakkaatee ture.
Garuu murtichi irra deebiin viidiyoon [VAR] deebi'ee haqameera. Mahaarez boqonnaan booda kubba Fiil Fooden dabarse galchuun dorgommicha irratti xumuratti fide.
Tapha marsaa jalqabaa irratti Idiriisaa Guyyee kaardii diimaan kan bahe yoo tahu ammas obsa isaanii dhabuun Anhel Dimaariyaan tapha marsaa lammaffaan kaardii diimaan dirreeti bahe.
Maanchister Siitiin taphicha ol aantummaan kan mo'ate yoo tahu, leenjisaan isaanii Pep Gaardiyoolaan waancaa kana Riyaal Maadirid yookaan Cheelsii keessaa kan mo'ate waliin taphachuuf hawwii isaanii guddaa mirkaneessaniiru.
Xumurri isaa Caamsaa 29 Istaanbulitti taphatama.
Maanchister Siitiin sadarkaa badhaasa guddaa irra gahaa jiru
Galchii yeroo lakkoofsisanii fi taphichi xumuramuu yeroo murteessaan himu haalli taphattootnii fi Pep Gaardiyoolaan gammachuu isaanii itti ibsatan hammam akka waancicha injifachuu akka barbaadan agarsiisa.
Gaardiyoolaa fi taphattootni isaa waancaa itti fufinsaan waancaa adda addaa injifachaa kan jiran yoo tahu Gaardiyoolaan waggoota shan keessatti waancaa Piriimer Liigii injifachuu isaaniiti.
Sanbata dhufu Chelsii waliin taphachuun yoo injifate waancaa Piriimer Liigii injifachuu isaa mirkaneessa.
Maanchister Siitiin bara kana bilchinaa fi guddina gaarii agarsiiseera. Tapha walakkaa xumuraa irratti Borishiyaa Doortimondi waliin yeroo taphatan dhiibbaa keessa galanis miira isaanii to'achuun tasgabbiin taphatanii mo'achuu danda'aniiru. Inifannoon PSG irratti galmeessan ammoo inumaa gahumsa isaanii kan agarsise ture.
Riyaad Maharez galchii yeroo lakkoofsisu, dhiibbaa PSG irraa isa mudatu ittisuun hanga xumuraatti deemuu danda'aniiru. Shaampiyoonsi Liigii yoo injifatan Maanchister Siitiin kileba guddaa Awurooppaa tahuu kan mirkaneessu taha. Kun Istaanbul irratti kan murtaa'u taha.
Gaardiyoolaan bakka hundatti gootota qaba
Milkaa'inni Maanchister Siitii tokkummaa garee irratti kan ijaaramedha. kanaaf ammoo taphattootni hin hiriiriin hafan kan akka Roodirii, Jaayo Kaseloo, Raahem Isterliingi, fi Ayimerik Laapport fa'a dirree qarqaraan jajjabeessaa fi onnachiisaa turan.
Gahumsa guddaa kanneen agarsiisan keessaa taphichatti xumura kan godhe Riaayd Mahaarez, Fiil Fooden fi ittisa irraa Ziincheenkoon fa'a keessatti argamu.
Mahrez jalqaba Yeroo Man Siitii gale itti baruuf yeroo kan itti fudhate tahus amma taphataa cimaa fi murteessaa taheera. Taphoota Shaampiyoonsi Liigii saddet irratti galchii afur lakkoofsise.
Ziinchenkoonis akkasuma Jaayoo Kaanselo dursee carraa waan argateef gahumsa isaa agarsiiseera. Hunda caalaa garuu hojii garee isaan agarsiisaniin xumura Shaampiyoonsi Liigiif gahuun ni tahaaf.
Gaardiyoolaan taphichaan booda yaada kenneen, '' baay'een itiin boone, jalqaba taphattoota har'a hin taphanneef, hundi isaanii taphachuuf gahumsa qabu waan taheef. Hundinuu qooda mataa isaa bahateera. Kanaaf amma yeroo itti gammadanidha. Waancaa PL mo'annee qophaa'uudhaaf torbee lama yookaan sadii qabna.''
''Uummanni xumura Shaampiyoonsi Liigiif gahuun salphaa itti fakkaata. Amma xumuraaf gahuun keenya waggoota shanan darbaniif wantoota hojjenne agarsiisa.''
PSG liigii Faransaayiins morkii cimaan Liil irraa isa mudateera. Waancaa Faransaay 'French Cup walakkaa xumuraaf gahee Moonpiler waliin taphata.
Lamaan isaanii kan mo'amu yoo tahu kilabichi sadarkaa tokko duubatti kan deebi'e tahuu agarsiisa. Bara kana waancaa osoo hin injifatiin darbu jechuudha. Kun guyyoota 11 dhufan keessatti beekama.
Pochetiinoonn erga Tootenaahaamii ari'amanii hojii leenjisummaa malee turuun bara kana gara gidduutti PSG seenan.












