Appetamiin: Inistagiraamiin gurgurtaa qoricha nama furdisuun qeeqame

Tajaajilli Fayyaa UK 'NHS' namoota Inistagiraamii irratti qoricha eeyyama hin qabne ''hamaa'' keessumaa shamarran irratti xiyyeeffachuun gurguran akka dhorku gaafate.
UK keessatti gurgurtaan qoricha Apetamin seeraan aladha. Garuu BBC Three'n akka onlaayinii fi suuqotaa gurguramaa jiru mirkaneessera.
Xalayaa banaa gaggeesitootni NHS barreessan irratti miidhaa qaamaa fi sammuu qorichichi fiduufi beeksisa isaan yaadda'uu himan.
Inistaagiraamiin qorichoota medikaalaa hin taane gurguruun '' cimsee imaammata keenya faalleessa'' jedhe.
Apetamiin qorichi jedhamu UK keessatti eeyyama kan hin arganne yoo tahu, bulchitootni dawwaa qorachuun sadarkaa isaa eeggachuufi dhabuu isaa hin mirkaneessine. Kanaaf hin oomishamu, hin gurguramu yookaan miidiyaa irratti beeksifamuu hin qabu kan jedhameef.
Hakiimonni itti fayyadamni dawichaa qixa sirrii hin taane daddhabbii cimaa fi miidhama Tiruu fida jedhan
Haa tahu malee shirooppiin kun miidyaa hwaasaa irratti bal'inaan kan beeksifamaa jiru yoo tahu, yeroo gabaabaa keessatti furdachuufi dhaabbii miidhagaa kan akka Kim Kaardishaa fi Kaardi B fa'a baasuuf gargaara jedhan.
Inistaagiraam fuula miidiyichaa dawaa kana gurguranii fi beeksisanii erga 'BBC Three' dookimantarii 'Dangerous Curves,' jedhu waa'ee qoricha kanaa himu hojjetee cufuu beeksise.
Haa tahu malee NHS erga sanaas ''pirofaayilii baay'ee'' namoota Inistaagiraamii irratti gurguranii ammayyuu hin cufamne arguu hime. '' Tarkaanfiin homaatuu hin fudhatamne.''
Xalayicha irratti Daarikterri Medikaala Biyyaalessa, Istiifen Powiss fi Daarikterri Fayyaa Sammuu Kileer Murdook, gurgurtaa Apetamiin hanbisuuf tarkaanfii akkamii dhaabbatichi akka fudhate irratti odeeffannoo gaafateera.
Dhiibbaa qaamaa fi sammuu qorichi kana beeksisuun fidu nu yaadeessera. Kanaaf dhaabbatichi nageenya maamiloota isaaf dhimmuun qabiyyee hamaa kan qabu kana akka dhorku.''
Xalayicha kan ergan bakka dhukkubsattoota NHS, hojjettoota fi uummata miidhaan qaamaa baduu isaan mudate fi rakkoo fayyaa sammuu mudate, akkasumas maatii bakka bu'uun.
"Amma yerootti miidiyaa guddaan kun ka'ee tarkaanfii fudhachuu qabudha,'' Kileeri Murdook.
Asitti fayyaa sammuu fi qaamaa irratti yeroo kamiyyuu caalaa investi gochaa jirra. Miidiyaalee gurguddoon akka Inistaagiraam akkasuma qooda isaanii bahuu qabu.''
BBC'n qorannoo gaggeesseen Apetamin suuqii garaagaraa dabalatee karaa onlaayinii kaanis gurguramuu bira gaheera.

'Miidiyaan hawwaasaa akkaataa yaadakoo miidheera'

Waggaa lama darbe Vanesaan qoricha Apetamiin walitti aansitee fudhataa turte.
''Haala qaama kootti baayyee gammadduun ture. Garuu miidiyaan hawwaasaa akkaatattan yaadu jijjiire. waan duraan tasumaa qabaachuukoo hin beekne, ofitti amanamummaakoon dhabe,'' jette shamarreen ganna 23.
''Yeroo Apetamin fudhattu furdina dabaltu to'achuu hin dandeessu. Bakka sirrii irratti hin tahu, qixa garaakeen dabala. Baayyeen bokokee, nan dadhabe.''
Vanessaa kan yeroo hundaa qorichicha suuqii irraa bitattu, pirofaayilii namoota Apetamiin gurguranii cufuun danda'ma. Garuu rakkinicha hin furu jette.
Namootni baay'een waan ati gochuu hin qabne akka gootuuf dhiibbaa sirratti godhu. Namootni yaada hin taanee fi qaanessaa'' siif kennu.
Ati hin miidhagdu, mudhee lakkoofsa saddet fakkaatutu barbaadama. dubartootni fi shammarran akka koo waan akkasii gochuuf barbaaduun maraatummaadha. Gaariidha jennee yaadnee miidhaan isaa akka malee nu miidha.''

Ibsa kaampaanii abbaan qabeenyummaa isaa Inistaagiraam tahe, Feesbuuk irraa kennameen dubbii himaan isaa akkas jedhe.
Nageenyi uummata keenyaa dursa guddaa qaba, qorichoota bituufi gurguruun imaammata keenyaan aladha jedhe.
Yeroo odeeffanno argannuufi namoota hashtag beeksisan fuula namoota Apetamiin gurguranii haqneerra.
''Qaama seera raawwachiisu waliin hojjenna, akkasumas dhaabbilee dargaggootaa qorichoota kamiyyuu Inistaagiraam irratti gurguraman akka kaa'aniif waliin hojjenna.''
Qorichi kun Indiyaatti kaampaanii TIL jedhamuun kan hojjetame yoo tahu gara UKtti hin ergu,achi jiraachuu isaas hin beeku jedhee ture.













