Keeniyaanonni haleellaa imbaasii US irratti miidhaman beenyaa maluuf argachuu dhabuu komatan

Maxxanfame

Lammiileen Keeniyaa balaa boombii shororkeessitoonni Al-Qaayidaa Imbasii US Naayiroobii jiru irratti waggaa 22 dura qaqqabsiisan keessatti miidhaman beenyaa ammiilee Ameerikaa waliin wal qixa argachuu dhabuun isaan gaddisiisuu himan.

Hojjettuu mootummaa kan taate Diyaanaa Muutisiyaa guyyaa balaan kun qaqqabe bankii imbasiicha bira ture keessa hojjechaa turte. Yeroo sanatti boombiiwwan lama darbatameen, nmoonni afran kuta tokko keessa ishee walliin turan du’uu dubbatti.

Sababa kanaan kan kaʼe of wallaaleetee kan turte yoo ta'u wal’ansaaf Afriikaa Kibbaa geessaniiachiitti walaansa taasisuufiif himti.

Ji’a darbe miidhamtoota balaa kanaaf beenyaa kaffaluuf mootummaan Sudaan doolara miliyoona 335 mootummaa US kennuun ibsameera. Sudaan tarree mootummoota shororkeessumma deegaran keessa akka ishee baasaniif kaffaltii raawwatedha.

Hatau malee, akka waliigaltee kanaatti namoonni beenyaa argatan maatii namoota baalaa kana keessatti miidhamaniif namoota miidhan irra ga’e kan lammillee Ameerikaa ta’e qofaafi hojjetoota imbaasii US qofa.

Harki caalaan miidhamtoota 5000tti tilmaamaman balaa imbaasii Ameerikaa Naayiroobiifi Tanzaniyaa jirurratti Hagayya 7 1998 raawwateen miidhaman maallaqa kana hin argatan. Maatiin namoota 200 balaa kanaan lubbuusaanii dhabanilleen wommaa hin argatan.

“Gadda guddaati natti dhaga’ame; waliigaltee beenyaa kana dhaga’uuf….Nuti diinummaa US fi shororkeessitoota jiruun jarru isaan waraananiif miidhamne. Kanaafuu, nuufillee yaaduun barbaachiisaa ture,” jechuun BBCtti himte.

“Lammiilee Ameerikaa nurra caalchisuun fudhatama hin qabu, namni hundinuu wal-qixxee ta'anii dhalatan… nuu yakkaa tokkollee hin raawwanne, miidhan nurra ga’e sababa isaaniin…. bakki shororkeessitoonni irratti xiyyeeffatan imbaasii Ameerikaa kan lammiileensaanii hojjatan.”

Gaddi guyyaa sana ture itti cimuun dubartii umriin ganna 60 taate kun bayyanachuufillee waggaa baayyee itti fudhate. Ammallee guutummaatti fayyaa guutuu akka hin argatiin jirtus ni dubbatti.

“ji’atti yaalii fayyaa qofa irratti shiliingii Keeniyaa 80,000 nan baasa” jetti

Lammiileen Ameerikaa miidhaan irra gahe maatiin namoota miidhamanii doolara miliyoona sadii argatu mataa mataan. Hojjetoonni biyyattii kan imbaasicha keessa hojjachaa turan ammoo doolara 400,000 argatan. Waliigalatti namoonni beenyaa argatan 85.

Sudaan garee Al-Qaa'idaafi hoogganaasaanii kan ture Osaamaa Bin Laaden miidhaa kana gee akka geessisuuf deegarsa kennuufi itti-gaafatamummaa fudhatte. Uggura US keessaa ba’uun amma Sudaan deeggarsa gar-malee barbaaduu, liqii gargaarsaa, invastimantii biyyoota alaafi liqii dhaabbileen baankii idil-addunyaarra argachuu dandeetti.

Ministirri dhimma alaa US Antoonii Bilinkan kafaltii kanaan seenaa haaraatu galmeeffama jedhan walitti-dhufeenya US fi Sudaan gidduutti.

‘Maallaqni miidhamtoota hin qaqqabne’

Namoota hedduufseenaan haaran galmeeffame hin jiru. US namoota balaa imbasichaatin miidhaman gargaaruuf doolarii miliyoonaa hedduu Keeniyaaf kennineerra jedhanillee maallaqni sun isaan dhaqqabuu dhabuu himan.

Dubbii himaan waldaa miidhamtoota Keeniyaa Dagilaas Sidiyaloo kan balaa kanaan qaroo dhabeessa ta’e, “Kongireesiin Ameerikaa akka doolarii miliyoona 47 Keeniyaaf kennuu namoota dubbachaa ture keessa ani tokkoo, garuu maallaqi kun miidhamtootaaf hin kennamne,” jedha.

“Akka yaadaa keennatti maallaqni sun miidhamtoota gargaaruuf ture, hatau malee, dhibbeentii 95 manneen naannoo imbaasiicha turan ijaaruuf kenname, jireenna keennya ijaaruuf ykn dandamachiisuuf hin kennamne.”

Duraan namoonni miidhaman deeggarsa wal’ansa argachuu hima, “ garuu kun waggoota sadiif qofa, bara 1999 hanga 2002 jechuudha. Achiin booda Ameerikaan nuu dagatte.”

Erga Joo Baayidan pireezidaantii US ta’ee gaddi kun baay’ee miidhamtootatti dhaga’ama. Pirezidaant Joo Baayidaa Keeniyaa bara 2010 daawwachuun paarkii yaadannoo kan bakka imbaasichi tureetti ijaarameetti miidhamtootaan wal-arge -asiitti gaafiin beenyaa kaasan.

“Daqiiqaa tokkoof harkasaa qabadhe. Ijasaa keessa laalee wa’ee beenyaa gaafadhe, niilaalaa naan jedhe waadaa gale. Ergasii amma waggaa 10 ta'eera, takka deebii irra hin arganne,” jedha Sidiyaloon

“Haala lammiilee Ameerikaatin wal qixa taʼe feena. Nuu dhaloota xinnoo miti.”