Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wayita gammadnu maaliif sagalee baafnee iyyina?
- Barreessaa, Reebekaa Toorn
- Gahee, BBC World Service
- Maxxanfame
"Baay'een sodaaadhe garuu dhiisuu hin barbaanne, kanaaf harka caalu ija dunuunufachaan ture. Lammaffaa kaniin itti deebi'u natti hin fakkaanne ture," jette Alejandiraan.
Alejandiraa Mendoza umrii ishee ganna saddeetiitti lammaffaa rooler koosterittii deebi'ee hin yaabbadhu jettee waadaa ofiif seente. Garuu battaluma waada seente cabsiti.
Si'a tokko qofaa miti, irra deddeebiidhaan cabsiteetti.
Rooler koosterii (rollercoaster) si'a jalqabaaf wayita kortu miira ishee jeeqe, oliif gadii wayita buhee bahu nan kufa jettee sodaachuun iyyaa akka turte himtetti.
Haa ta'u malee, iddoowwaan bashannanaa Ameerikaa xumura ji'a kanaatti banamuuf qophiirra jiran namoonni wayita meeshaa oliif gadii namaan marsuu rooler koosterii yaabbatan wayita gammadanii iyyan Covid-19'f namoota kaan akka hin dabarsineef gammachuusaanii akka to'atan Kaaliforniyaatti gaafataaniiru.
Kanaafuu, iyyi waan nuti ofii keenyaan to'achuu dandeenyudhaa? Namoonni gochoota akkas nama wareersan kana hojjachuudhaan gammadan iyya dhiisuu laata? Wayita gammannutti maaliif iyyinaa?
Iyyi maali?
Akka pirofeessarri xiinsamuu Kolleejjii Imorii Harold Gohuzulis jedhutti, "iyyi dubbannaa guutummaatti of keessaa hin qabu,'' sagalee tasa gadoodu, otoo itti hin yaadiin sagalee dhaga'amu.
"Iyyuu jechuun sagalee olkaasuudha, garuu dubbachaa otoo jirtus ta'u mala'' jedhe.
"Watwaatuun sagalee adda ta'e qaba. Iyyaa sagalee olka'aa eegalamee amma sagalee isa xumurratti iyyuun itti fufuudha.
Kanaafuu iyyi gabaabbate, dandeettii nama wareersuu qabuufi halaalaatti dhaga'amuu danda'u.
Maaliif iyyina?
''Iyyi karaa waan nu adamsu wareersuun, carraan miliquu argamudha'' jedhe pirofesar Gohuzulis.
Namni wayita iyyu miseensi maatiisaatii dhiyoo jiru akka birmatuuf deeggarsa gaafachuuf itti gargaarama. Otoo iyyi meeshaa sagalee ta'e, sagalee obboleettii fi obboleessa keetii ykn kan nama biraas itti adda baasta ture jedhe Pirofesarichi.
Ogeessi kun akka akeekutti, namni adeemsi tirannaa jalqabbiirratti bakka ''sodaa giddu galeesssaa'' barbaaduun ''iyya itti shaakalu'' jedha ogeessi kun.
Rooler kosterii wayita yaabnu maaltu ta'a?
Namoonni gochoota isaan wareersu dalaguun gammadan harki caalan isaanii yaad-rimee bu'aa jijjirama tirannaa hin fedhan, gammachuu argachuurratti caalatti xiyyeeffatu.
Pirofesar Gohuzulis waantonni lamaanuu walitti hidhata qabaachuu dubbatu.
''Sammuun keenya kan guddateef jireenyi keenya balaarra akka hin buunetti gammachuu akka argannu gumaachaafi''jedhe.
Yeroo qaroomina keessa waan jirruuf, baayyeen keenya waan guyyaa guyyaan nu iyyisiisu hin qabnu ta'a, garuu waanti nu rifaasisu homtuu hin jiru jechuu miti jedhan.
Garuu ammas taanaan akkaataa addunyaarra jiraannu keessatti iyyuun ni barbaachisaa,''jedhe.
Akaakileewwan keenyaaf iddoon iyyuu itti shaakalan tarii iddoo volkaanoo ykn fincaa'aa bishaanitti dhiyaachuu fa'aa of keessatti qabachuu mala ta'a jedhe pirofesar Gohuzulis.
Dhala namaa amma jiruuf immoo waanti nama iyyisiisu roolar kostarii fi meeshaalee bakka bashannannaatti argaman fa'aati jedhe.
''Dhahannaan onnee kee olka'uu eegala, dhiibbaan dhiigaa ni dabala, qalbiin kee roolar koosteriin akka balaaf sin saaxille otoo beektuu sodaatta.'' Yeroo akkasiitti iyyi muddamni akka si gadhiisuuf gargaara jedhe.
Kuniis maaliif namni akka Alejandaraa roolar koosterii gubbaatti gammadaa iyyiiti dhimma jedhu ibsa.
Shamarreen ganna 25 lammii Ikuwaadoor dhiphina ofirraa balleessuuf ta'uu mala jetti. Sababiin isaammoo haala keessa jirtu hunda yeroo yartuuf si dagachiisa jetti.
Dymphe Mensink bilogaara imalaati, ijoollummaa qabee roolar koosterii akka jaalattu dubbatti.
Waan hojjachuutti gammaddu akka ta'ellee kaaftetti.
Dymphe iyyi miira koo ittin ibsachuuf na fayyada jetti. Miirri sun garuu jiruu idilee keessatti kanan barerraa adda jetti. Yeroo iyyitu akka itti gammaddulle dubbatti.
Aki Hayashi Tokiyoo Uraysutti dhalatee guddate. Jiruu isaa keessatti waanti inni yaadu addunyarratti roolar koosterii jiran bira gahuun fedha jedhe.
''Jireenya koo keessa rolerkosteriin yoo jiraate malee gammaduu hin danda'u,'' jedha.
Dargaggoon ganna 27 kun Jaappaanitti garee akkasaa rolerkosterii jaalatanif dura taa'aadha.
Akiin haga ammaa addunyaarra rolerkoostaroota jiran keessaa 350 yaabbachuun bashannaneera.
Akka inni jedhutti iyyuu hambisuu yookaan iyyuu dhiisuu nan danda'a jedha.
Pirofesar Gouzoules iyya hambisuun ni danda'ama garuu namoota tokko tokkotti ni jabaata jedhe.
Namoonni kaan iyyuuf dhiisuu danda'anilee, namoonni kaan hin danda'ani garaa garummaan jira jedhe Pirofesar Gohuzulis.
''Akkuma waantota kaanii, garaagarummaan hin dhabamu.''