'Nama kan nama taasise' uqqubiin amma karaa dijitaalaa dhufeera

hundeessitoota uqqubii

Madda suuraa, Equb/twitter

Maxxanfame

Moobaayilii harkaa keenya ittiin namaaf bilbiluuf qofa fayyadamuun erga hafee amma barri isaa darbeera. Moobaayiliin keenya maallaqa ittiin erguuf, bittaa ittiin gaggeessuuf, miidiyaalee ittiin hordofuufi kaaniif ooleera.

Galata isaa malee dhimmootni qaamaan wal arguuf dirqama tahanis amma karaa viidiyoo moobayila keenyaa wal arguun waliin dubbachuun danda'ameera.

Hojiiwwan bifa barameen kan ''aadaa'' jennus amma kompitera fayyadamuun ammayyeessun danda'ameera. Isaan keessaa jireenya hawaasaa waliin wal qabatee umurii dheeraa kan lakkoofsise fi ittiin wal gargaaruuf oolu Uqqubiidha.

Uqqubiin amma karaa moobayilii harkaa keenya hojjetamuu jalqabeera.

Hariiroo naannoo ykn ollaa, firaan, yookaan ammoo bakka hojiitti walitti dhufuun namootni uqqubii galan amma karaa moobaayilii isaanii jalqabaniiru.

Maqaan isaa Uqqubii jedhama. Kuusaa aappilikeeshinootaa 'play Store' jedhaman irratti ammoo eQub jedhamee galmaa'eera. Torban darbe keessa namootni 1,000 ol tahan aappii kana buufataniiru.

''Nama kan nama taasise Uqqubiidha''

Yohaanaa Eermiyaas hundeessituu waliinii teeknoloojii faayinaansii Uqqubii fi hoggantuu ol aantuu teeknikaa isaati.

Appilikeeshinii Uqqubii kana hojiirra oolchuuf waggaa tokko akka itti fudhate himti.

''Waan hundumaa moobayila harkaa keenyaan fayyadamaa jirra. Hojiin daldalaa fi waanti hedduun amma moobaayilaan taheera. Nuyis Uqqubii aadaa gara appilikeeshinii moobaayila keenyaatti fidne,'' jette.

Maallaqa qusachuuf akkasumas maalaqa guddaa al takkaatti argachuuf Uqqubiin karaa appilikeeshinii kanaa yoo tahe salphaa taha jette.

Dhugumatti Itoophiyaa keessatti tajaajilli interneetii xiqqaa tahuu, lakkoofsi namoota moobaayila 'smart phone' fayyadamanii xiqqaa tahuun gufuu tahuu danda'a.

Yohaanaan yaada kanatti waliigalti. ''Yeroo dheeraa akka fudhatu eegna. Dandeettiin itti fayyadama teeknikaa yaada keessa galuu qaba. Kanas tahu garuu namootni baay'een akka fayyadaman barbaanna.''

Nama kan nama taasise uquubii waan taheef dhalootni amma akka uqqubii hin dagannes gargaara jette Yohaanaan.

Uggubiin dijitaalaa akkamiin hojjeta?

Jalqabuma yaadichi yeroo karoorfame namoota uqqubii qaban gara dijitaalaatti fiduuf ture. Akkasumas dargaggoota uqqubii hin qabne gara qusannaa kanatti harkisuuf ture jette.

Uqqubiin maatii fi namoota karaa hojiin wal beekaniin yeroo murtaa'u, uqqubiin dijitaalaa garuu namootni bakka kamiyyuu jiran akka isaan maallaqa buusan isaan gargaara.

Namni aappii kana moobaayila isaa irratti fe'atu maqaa, guyyaa dhalootaa, waraqaa eenyummaa isaa barreessuun galmaa'a. Appilikeeshinichi tajaajila lama qaba.

Uqqubii haaraa hundeessuu ykn walitti qabuu fi uqqubii jiru keessatti hirmaachuudha.

Uqqubii uumuu jechuun walitti qabaa uqqubii haaraa tahuun namoota galchuun hirmaachisuu yoo tahu miseensa uqqubii baname sanaa tahuudha.

Uquubichi kan dhuunfaa [private] yookaan kan uummataa [public] tahuu danda'a.

loogoo Uqqubii

Madda suuraa, Equb/twitter

Uqqubiin dhuunfaa namootni wal beekan walitti dhufanii kan maallaqa isaanii walitti buusanidha. Amma tajaajila kennaa kan jirus tajaajila appilikeeshinii isa kanadha.

Walitti qabaan uqqubichaa namoota meeqa akka walitti qabuu barbaadu, yeroo hammamii keessatti akka walitti qabuu barbaaduu fi hamma maallaqa bu'uu murteessa.

Uqqubii guyyaan, torbaniin yookaan ji'aan buusuun danda'ama. Maallaqa xiqqaan 10,000 tahee Birrii 50 ykn 100 buusuun danda'ama.

Namni uqqubicha walitti qabu namootni akka galan afeera. Sana booda miseensotaaf lakkoofsi ID isaaniif kennama.

Miseensi Uqquubicha hundi koodii yookaan lakkofsa ittiin beekamu mataa isaa qabaata.

Uqqubichi jalqabuun dura akka namootni galaniif guyyaan sadii kennamaaf. Namootni ulaagaa guutan erga galmaa'anii booda guyyaa waliigalan sana irra maallaqa waliigalan sana kaffalu.

Namni walitti qabu sun ammoo lakkoofsa baankii uqqubichi itti galu beeksisa. Miseensotni ammoo baankii deemanii hamma kaffalan sana lakkoofsicha irra galchu.

Sana booda na gahee ittiin maallaqa galchan appilikeeshinicha irra galchu. Guyyaan uqquubichi bahu gaafa gahu namni walitti qabu sun maallaqicha nama mo'ateef kenna jechuudha.

Namootni uqqubii buusan akkamiin amanamu

Namoonni uqqubii buusan maallaqni isaan buusan sirritti nama uqqubicha sassaabu bira qaqqabuu ykn namni uqqubi sana mo'ate mallaqa isaa argachuu waan ittiin mirkaneffatan argachuun isaan barbaachisa.

Adeemsi isa dijitaaliii ta'uun ammoo akka haalotni wal xaxaa ta'an taaasisuu danda'a.

Yohanaan akka jettutti , namoonni wal beekaan muraasni uqqubii mataasani ummachuuf kan murteessan wal amante uumuufidha.

Dhaabbatichi maallaqa qabaate yoo liqaa keessa galuuf ka'emmoo uqqubii uummataa jalqabuun ni danda'ama.

''Ammaf garuu uqqubii galuu kan danda'an namoota wal beekanidha. Liqaan iqqubichaa nama uqqubii sana sassabu irratti yoo kufee, hirmaattonni uqqubichaas beekanima itti galuu" jetti.

Dhaabbattichi gahumsa isaa ol-guddisuun liqaa hamma kaffalachuu danda'uutti namoonni uqqubii dhuunfaa akka galan qofa eeyyamus, gara fulduuraatti baankoota walin ta'uun hojjechuuf karoora akka qaban dubbatti.

Akka fakkeenyaatti kan kaastus Baankota waliin ta'un lakkoofsa herrega Baankii addaa ta'e kan Uqqubii sanaaf qofa ta'u uumu isaaniti.

Baankota waliin hojjechu yeroo jalqabanitti, namni tokko appilikeshinii sanatti fayyadamuun bakka barbaade taa'un mallaqa sana akka galchu gochuunis ni danda'ama.

Hojimaata amma jiruun lakkoofsi herregaa baankii uqqubicha sassaabuu yeroo banamuufitti, hirmattonni uqqubichas yerootti maallaqa isaanii galchanis ta'e, yeroo abban carraa uqqubii sana mo'atee mallaqni suni galuufitti appilikeshinin sun akka isaan beeksisu godhameera.

"Yeroo maallaqni galutti sassabdun iqqubichaa sirrii ta'uusa mirkaneessa. Enyu akka kaffaleefi hin kaffallen ilaalama. Walitti qabaan uqqubichaa lakkoofsa herrega baankii bane yeroo maallaqa abba caraaf galchi appilikeeshinichi akka beeksisu godhameera. Abban carra sun ammoo akka mallaqni galeefi mirkaneessa." Jechuun ibsite.

Hojmaata iftoomina qabu uumuuf jecha appilikeshiin kun seera kaffaltiin walqabatee akkaata qabxii itti kennan qaba. Fakkenyaaf abban carra uqqubichaa yoo maallaqni hin gallefii ta'e walitti qabaa uqqubichaa irraa qabxiin hir'ifama.

Yohaanan akka jettutti, karoorri isaani itti aanu uqqubii namni kamuu seenu danda'u hojii irra oolchuudha. Kunis humna maallaqaa dhabbatichaa jabeessufii Baankota waliin hojjechuu gaafata.