Ilmi mootii Joordaan Hamzaa bin Huseen 'mana keessatti hidhaa jala jira'

Maxxanfame

Tarkaanfii qeeqxoota irratti fudhatamuu eegaleen, ilmi mootii Joordaan mana keessatti hidhaa jala akka jiru dubbateera.

Viidiyoo abukaatoon isaa BBCtti kenne irratti, Ilmi Mootii Hamzaa bin Huseen, kan obboleessa abbaan tokko fi haadhaan gargarii Mootii Abdullaah ta’e, hoggantoota biyyatti malaammaltummaa, dandeettii dhabuu fi qoccollaan himata.

Kun kan uumame yaalii fonqolchaa taasifame jedhame waliin hidhata qabu jechuun, anga’oonni olaanoo to’annoo jala erga oolchamanii booda.

Humni waraanaa biyyatti Ilmi Mootii Hamzaa manatti hidhaa jala jiraachuu isaa haaleera.

Ta’us garuu sochii “nageenyaa fi tasgabbii” biyyatti irratti miidhaa uumuuf fayyadamamuu danda’u akka dhaabuuf ajajamuu isaa ibseera.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga ilmi mootii kun hoggantoota gosaa waliin wal argee deeggarsa itti argadhe jedhe booda akka ta’e himama.

Ilmi Mootii Hamzaa homaa balleessa akka hin qabneefi shira kam keessaayyu akka hin jirre dubbateera.

Yeroo kanatti Masirii fi Saawudii Arabiyaa dabalatee humnootni naannicha jiran deggarsa isaani Mootii Abdullaaf ibsaniiru.

Duula gartuu IS irratti godhuun Joordaan waliin kan hariiroo uume US, bulchiinsi mooticha waayila ijoo kan deeggarsa isaa guutuu qabu ta’uu ibseera.

Ilmi mootichaa maal jedhe?

Viidiyoo Sanbata waraabame kanarratti ilmi mootii kun: ''Ganama kana hogganaan waraanaa na bira dhufee gadi ba’uu, namoota waliin wal arguu ykn haasa’uu akka naaf hin eeyyamamne natti hime.

Sababiin isaas wal ga’iiwwaan ani argame irratti – ykn imala ani taasisuun wal qabatee miidiyaa hawaasummaa irratti – mootummaaa ykn mooticha irratti qeeqni ka’eera kan jedhuuni,” jedha.

Ofii mootummaa qeequun akka hin himatamne dubbateera.

Ta’us garuu “tarkaanfii bulchiinsicha keessatti fudhatamaa jiruuf, malaammaltummaa jiruu fi dandeettii dhabuu biyya keenya keessa waggootii 15 hanga 20 darban keessa tureefi ammayyuu deemaa jiruf ani itti gaafatamaa miti…

Akkasumas uummanni bulchiinsa isaanii irraa amantaa dhabuu isaaniif ani itti hin gaafatamu,” jedheera.

“Amma sadarkaa eenyuyyu utuu hin qoccolamiin, hin hidhamiinii fi hin dorsiifamiin yaada isaa ibsachuu ykn dubbachuu hin dandeenyerra ga’eera. “

Joordaan keessatti namoota siyaasaa aangoo olaanaa irra jiran to’annoo jala oolchuun waan barame miti.

Biyyattiin dhaabbata tikaa cimaa kan qabdu yoo ta’u, weerarri koronaavayirasii erga eegale as aangoon haaraan keennameeraafi, kunis dhaabbilee mirga namooma hedduun qeeqameera.

Sanbatarraa namoota to’annoo jala oolan keessaa ministeera daldalaa kan turan Basseem Awadallaa fi maatii mooti keessa tokko Shariif Hasan Bin Zayiid ni argamu.