Keenyiyaa dhaddacha himannaa daangaa Somaaliyaa waliin qabduurratti akka hin argamne daqiiqaa dhumaatti beeksifte

Maxxanfame

Keeniyaan dhaddacha Mana Murtii Haqa Idil-Addunyaa (ICJ) dhimma waldhabdee daangaa galaanaa Somaaliyaa waliin qabaduufi kan Wiixata harraa dhagahamuu eegalu irratti kan hinargamne ta'uu maddeen mootummaa BBCtti himan.

Keeniyaan dhimma waldhabdee naannawa galaanaa Indiyaa Iskuweer kilomeetira 160,000 ta'eerratti Manni Murtii Haqa Addunyaa (ICJ)n looqii akka taasisutti himatti.

Naannawaan galaanaa waldhabdeen kun irratti dhalate kan zaayitaafi gaaziin badhaadhedha jedhameera.

Waldhabdeen kun dubbii ijoo dippilomaasii biyyoota ollaatiillee jedhameera.

Keeniyaan garee seeraa haaraatiif hanga dhimmicha ibsituufitti sababii Covid-19tiif akka turu gaaffattuulleen, manni murtichaa ammoo dhimmichi guyyaa Wiixataa karaa viidiyootiin akka dhagahamuu eegalu murteesse.

Akkasumas, Keeniyaan paanaalii Mana Murtii Haqa Addunyaa keessaa abbaa alangaa Somaalee ta'e jiraachuun mormii dhiyeeffattee turte.

Somaaliyaan daangaan galaanaa kunis kallattiidhuma daangaa lafaatiin ta'uu akka qabaatu ilaalchisuun bara 2014tti dhimmicha dhiyeessite.

Keeniyaan ammoo gama isheetiin daangaan galaanaa bakki waldhabdeesaanii kun yeroo hunda dalgee sarara tuqaa qarqara galaanaa biyyoota lamaanii itti argaman ta'uu qaba jechuun mormiiti.

Gareen seeraa Keeniyaas Wiixata osoo Dhaddachi Mana Murtii Haqa Addunyaa dhimmicha karaa idileetiin dhaggeeffachuu hin eegaliin dura daqiiqaawwan 30f akka ibsuuf akka gaafatamu eegama.

Kana malees, Somaaliyaan Keeniyaan bulchiinsa Jubaalaandiif deeggarsa taasisuun faallaa mootummaa Federaalaatiin dhimma keessoo kiyya keessa galaa jirti jechuun himataa jirti.

Haata'u malee, biyyoonni lameen kunneen garee Islaamaa al-Shabaab kan baadiyaa Somaaliyaatti bakkeewwan hedduu to'atee jiruufi Keeniyaa keessattis halleellaawwan badiinsa lubbuu qaqabsiisan hedduu gaggeesse irratti waliin qabsaa'aa jiru.