Iraan yaada marii dhimma niwukileeraa US dhiyeessiteef haal-duree keesse

Madda suuraa, EPA
Ameerikaan dhimma sagantaa gabbisa niwukileeraa irratti Iraan waliin marii adda citee turetti deebi'uuf fedhii qabaachuu himte.
Marii kana Gamtaan Awurooppaa jaarsummaan irratti hirmaachuuf Iraan gaafatulleen, Iraan garuu Ameerikaan dursa qoqqobbii Iraanirra keesse kaasu qabdi jechuun rincicce.
Iraan qoqqobbiin dinagdee Akkaata waliigaltee bara 2015 gahameen qoqqobbiin yoo kan irraa ka'u tahe Iraan sagantaa gabbisa niwukileeraa ishee akka daangessitu waadaa galtee turte.
Haa ta’u malee, pireezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp bara 2018 US waligalticha keessaa baasuu hordofuun, Iraan gabbisa niwukilaraa deebitee itti fufte.
US bara bulchiinsa Joo Baayidan keessatti waliigaltee keessa baatetti amma deebi’uu feeti.
Kamisa kaleessaa bulchiinsi Joo Baayidan dhimma gabbisa niwukileeraa irratti Iraan wajjin mariitti akka debi’an waada seene.
Dubbi himaan mootummaa Ameerikaa Niid Piraayis, affeerraa Gamtaan Awuroppaa Iraan wajjin akka mari'annuuf nu dhiyeesse ni simanna jedhan.
Dippilomaati gameessii Gamtaa Awurooppaa Inirikee Moora toora tiwitaraa gubbaatti, yeroo murteessaa kanatti ‘’qooda fudhattoota mariif affeeruuf qophiidha’’jedhan.
Iraan garuu mariitti seenuun dura Ameerikaan qoqqobbii kaasuu qabdi jechuun haalduree keesse.
Ministirri haajaa alaa Iraan Mohaammad Jaavad Zariif toora tiwitaraa gubbaatti, qoqqobbii Ameerikaan Iraaniirra keesse akkuma kaafameen waligalticha guutummaatti hojiirra oolchina jechuun barreessaniiru.
Ameerikaan waliigalticha keessaa erga baates sagantaa gabbisaa niwukileeraa nageenyaaf akka oolchitu kan beeksisaa turte Iraan, waligaltichaan hojiiwwan dhorkamanii turan deebiftee itti fufteetti.
Kunimmoo gartuuwwan Iraan niwukileera nageenyaaf akka gabbistu shakkan caalatti yaaddeesseera.
Kanarraa ka’uun Ameerikaa fi michuuwwan ishee biyyoonni Awuuroopppaa kanneen akka UK, Firaans fi Jarman yaaddoo qaban ibsachaa jiru.
Kamisa biyyoonni jajjaboon addunyaa afran ‘’Iraan tasuma meeshaa waranaa akka hin gabbisne mirkaneessuuf ejjannoo waloo qabna’’jedhan.















