Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Antonii Faawuchii abukaatummaa saayinsiif dhaabataniif badhaasa argatan
Ogeessii dhibeewwaan daddarboo Ameerikaa beekama ta’e Antoonii Faawuchii kutannoo gama saayinisiirrratti agarsiisaniif badhaasa kabajaa doolara miliyoona tokko Israa’elirraa badhaafaman.
Dr Faawuchiin badhaasa kana otoon argatiin dura pirezedantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp wajjin haala to’annoo weerara Covid irratti wal dhabaa turan.
Ogeessi beekaman kun amma ‘Saayinsiif falmaniiru’ jedhamuun badhaasa Daan Deevid jedhamuu injifatan.
Faawuchiin talaalliin Covid akka jiraatuf tumsuu isaaniif galateeffamaniiru, akkasuma qorannoofi deeggarsii HIV’n walqabatu akka jiraatuf hoggansa kennaniiru.
Dr Fawuchiin maanguddoo ganna 80 wayita ta’an, ogeessa gameessa pirezedantoota Ameerikaa torbaaf gorsaa dhimma fayyaa turan.
Ogeessi jajjabinaan saayinsiif falmaa turan wayita weerarri dhibee Covid hammaatetti ‘’mormii hin dhaga’amne hedduutu isa mudate’’jedhe koreen badhaasaa.
Itti dabaluun koreen kun ‘’inni hoggansa ogummaa guddaa barbaadu nama agarsiise fi fayyaa hawaasarrattis bu’aa buusedha’’jechuun leellise.
Hakiimni beekamaan kun jabiinaan dhiibbaa siyaasaa hammaate keessatti dhugaa himuusaaniif irraa guddaa galateeffame.
Dr Faawuchiin daarektara jaarmiyaa Alarjii fi dhibeewwan daddarboo ta’uun bara 1984 irraa eegaluun tajaajilaa jiru.
Ogeessi beekamaa Ameerikaa kun bulchiinsi mootummaa Joorji W. Buush dhaabbata Afrikaatti gargaarsa AIDS to’achuurratti kennuu akka hundaa’uu gargaare, bara bulchiinsa Tiraamp dhimma weerara Covid-19 irratti dura bu’ummaan hawaasaaf waa’ee weerara dhibichaa ibsaa turan.
Bara bulchiinsa Baayidanillee akkasuma dhimma weerara dhibicharratti hojjachuu itti fufaniiru.
Badhaasni Daan Deevid jedhamu bara 2000 kennamuu kan eegalame yommuu ta'u, nama sadarkaa idil- addunyaatti hojii bizinasii hojjatuun bekamu Daan Deevid jedhamuun hundeeffame.
Badhaasni Daan Deevid doolara miliyoona tokko waggaa waggaadhaan namoota guddoo gumaachan jedhamaniif kennama.