Jaalalleewwan mucaa reebuun ajjeesuun bilbiluma ofii bilbilaniin barame

Madda suuraa, AFP
Jaalalleewwan dhiiraafi dubartii lammii Faransaay erga namtichi mucaa waggaa sadii kan jaalalleesaa ta'e reebuun ajjeesee lamaanu hidhaa bu'a.
Ajjeechaan kun raawwatamuun kan beekame wayita dubartittiin poolisiitti nuuf qaqqabaa jettee bilbiltetti icciitii akka tasaa baafteeni jedhame.
Namni Looyis Vaantaal kan umuriin waggaa 28 ajjeechaa daa'ima dhiiraa kan umuriin waggaa sadii Toonii jedhamu irratti raawwateef hidhaan waggaa 20 itti murtaa'eera.
Haadha mucichaa kan taatee Kaaroolaayiin Leetoyile kan umuriin waggaa 19 turte erga mucaanshee reebichaan of walaaleen booda kan tajaajila yeroo atattamaatiif bilbilte.
Haata'u malee osoo bilbilaa jirtuu bilbilli jidduun qabamnaan (hold) taanaan, kan isheen dubbattu akka waraabaamaa jiru kan hinhubatiin, namtichi mucaashee ajjeeseen ''sadarkaa(stairs) irraa lafa dhaheen jedheen'' osoo jettu dhagahamte.
Achiin namtichi mucicha reebee ajjeese ammoo ''Sirriidha miti, Sadarkaarraa(stairs) kufeen nu baasaa? Sadarkaa appaartimantii jenna... Achiin wantoota hundaa nan dhooksa,'' wayita jedhu dhagahame.
Wayita gareen wallaansaa nama jireenyaa maatii kanaa kan baha Magaalaa Riimsiitti argamuu qaqqabanitti, reeffa daa'ima kan qaamniisaa dirmammuun guutamee argan.
Isaan boodas halkan gara hospitaalaatti erga geeffameen booda akka du'ee ibsame.
Booda poolisiin wayita jaalallee haadha mucaa Vaantaal cimsee gaafatutti, baatii sadiin dura yeroo haadha mucaa kan taatee Leetoyile waliin wal baree kaasee irra deddeebiin daa'ima kana reebaa akka ture dhugaa bahe.
Dhadhacha torban tokkoof tureen booda guyyaa Jimaataa namtichi ''miidhaa itti yaadamuun du'aan nama qaqqabsiiseen'' yakkamaa jedhamee itti murtaa'e.
Tibba dhaddachaattis abbaan seeraa dubartii haadha muciichaa turte maaliif akka Vaantaal mucaashee reebaa ture poolisiitti hin himiin gaafaatamte, ''Baayyeen sodaadheen dhoksee'' jette.
''Poolisiin akka na gargaaruuf bilbiluufan ture garuu gochu hindandeenye,'' jette.
Haata'u malee sababiin isheen dhiyeessite kun ishees balleessaa jalaa ishee hinolchine. Isheenis yakka ''Miidhaa qaamaa mucicharra gahaa ture gabaasuu dhiisuun'' hiidhaan waggaa sadii itti murtaa'eera.













