Dubartii lubbuun osoo jirtuu seerri lakkii duutee jirtaa jedheen

Maxxanfame

''Rakkoonni kiyya inni guddaan seerri akkan du'eetti na beeka'' jetti Jeen Poosheen.

Kun waan dhugaa fakkaachuu dhiisuu mala garuu wanti dubatii lammii Firaans Jeen Poosheen jedhamtu mudate dhugaan isaa kanuma.

Isheenis nama seeraa akka duuteetti himamtee garuu waggoota sadeen darbaniif lubbuun akka jirtu mirksneessuuf yaalaa baate.

Erga mootummaan qabeenya maatiishee gibirri itti hin kaffalamne fudhachuu jalqabeemmoo sirriyyuu sodaa keessa jiraatti.

‘’Rakkoon koo duuteetti jedhameen labsiin narratti bahee ture,’’ jetti Jeen. Qoosaa fakkaata garuu dubartii ganna 58 kan lammii Firaans naannoo Liyoon jiraatturra kanatu gahe.

Sababa kanaan waraqaa eenyummaa fi ragaa konkolaachisummaa ishee faayidaan ala tahaniiru. Inshuraansiin nageenyaa fi fayyaallee jalaa haqameera.

‘’Ani nama du’edha. Warra dhaddachaaf, mootummaafi hundumaaf ani nama du’edha.’’

Dhaabbata TV naannoo jiraatuutti yoo dubbattu, ’’dubbii wal-xaxaa keessa waanan jiru natti fakkaata,'' jette.

‘’Kana booda manaa gad-bahuu kaniin danda’u natti hin fakkaatu, yoon hidhame, yoo rakkoon na mudate maal gochuu akkan qabu hin beeku. Yeroon mi’a manaa bitachuu deemu boquu gad-qabadhee dafee dafee bitadheen gala,’’ jechuun haalaa keessa jirtu himti dubartiin kun.

‘’Abbaa warraa kootu yerooo baayyee gabaa baha. Akka durii konkolaataa hin oofu. Ganama yeroon ka’u guyyaansaa hanga dhumu nan ariifadha,’’ jetti.

Kun rakkoo amma dhufe miti- Jeen erga waggaa sadii kaaseeti seerri akka duuteetti kan ishee beeku.

Duutee ammoo lubbuun jirti?

Seeraan akka duutee fudhatamu baruun rifaatuu guddaa akka isheerra buusu yaaduun nama hin dhibu.

‘’Duutee jirata, lubbuudhaan hin jirtu jedhamu kan naan jedhe mana murtii Olaanaa Laayoon tii ture,’’ jetti Jeen.

‘’Qondaalonni mana murtii dhufanii waa’ee Jeen ishee duute jedhamtee natti himan.’’ Hojjattoonni maan murtichaas xalayaa lama qabatanii turan; tokkoo abbaa warraasheefi tokko ammoo mucaasheef fidanii dhufan ture.

‘’Yeroon sanadawwan kanneen dubbisu, dhugaattis akkan du’e nan hubadhe,’’ jetti.

Murtoo dhaddachaa

Rakkoon Jeen kunis kan jalqabe yeroo hojjattuun dhaabbatashee duraanii mana murtiitti ishee himattu ture fakkaata.

Jeen dhaabbata qulqullinaa qabdi ture. Hojjettuun tokkos hojii waggaa 20 dura dhabaniif beenyaa gaafataa turte.

dhimmichis sirna seeraa Fireench keessa waggootaaf adeemaa ture, hanga 2017tti manni murtii Laayoon beenyaan kaffalamuu qaba garuu haatii qabeenyaa dhaabbatichaa lubbuun hin jirtu jechuun murtee dabarse.

Jeen himannicha irratti hirmaachuuf maxiraan gonkumaa akka hinqaqabne himti. Sababii kanaafuu, dhaabbattee waa'ee maallaqashees ta'e waa'ee akka nama duuteetti jedhamuun labsame kanaaf falmachuu hin dandeenye.

Kanaafuu isheen seeraan nama du’e tahuun himamuu qofa osoo hintaanee, abbaan warraasheefi mucaanshee hojjettoota duraaniif beenyaa doolaara 17,000 akka kaffalan gaafataman.

Dhiibbaan murtoon dhaddachaa beenyaa maalllaaqaa kaffalachiisuu irrayyuu kan darbee ture.

‘’Wanti hundumtuu akkuma adda waraanaa natti fakkaate ture,’’ jetti.

‘’Isaan booda gadi bahuu nana dhaabe ture. Hangan danda’e manama keessa tura ture.’’

‘’Yeroo namni tokko bilbila balbala koo dhahu, nan dhokadha. Sababiinsaa nan sodaadha ture. Oduu hamaa biraa maal akka dufaa jiru hinbeeku waan ta'eef’’ jetti.

Jireenya al lama qofaa jiraatta

Jeen waggaa sadan darbanii kaaftee ammalleen sirni seeraa Firaans akka du’aa ishee kaasuuuf gaafataa jirti.

‘’Mootummaan eenyummaa koo deebisee akka naa kennun barbaada. Eenyummaan kiyya na jalaa fudhatameera. Jireenya kiyya koo, maatii koo, abbaa warraa koo, mucaa koo fi hiriyyoota koo mara deebiifachuun barbaada.’’

Torbee darbe keessaa waita abukaatoonshee dhimmi kun galmee sobaati jechuun iyyateetti dhaddachatti banaa irratti dhiyeetee ture.

Garee seeraa Jeen galmee murtee akka isheen duutee jirtu jedhu sana diiguun akk hin duune mirkaneessuu murtee duraan darbee kufisaniiru.

''Dhimmi inni baayyee barbaachisuu akkan ani lubbuun jiru mirkaneessuudha, kana mirkanneessuuf ammoo ani jira,’’ jetti isheenis.

Gara fuulduraatti deebi’aa

Dubbiin akkamiin akka tahuu danda’e namni sirriitti waa'ee isaa ksn beeku omtuu hin jiru.

Abukaatoon Jeen Siilvaan Kormiir Ejjansii Oduu AFPtti akka himaniitti, ‘’hojjattuun Jeen duraaniitu ragaa tokko malee duutee jirti jennaan hundinu ishee amanamtan,’’ jedhu.

‘’Namni mirkaneessuuf yaale hin turres,’’ jedhan.

Hojjettuun duraanii jedhamte kunis ifatti waa dubbachuu baattus ta'ee ifatti adda baafamu baatulleen, garuu abukaatoonshee Jeen ofii dhimma duute jedhamuu kana keessaa harka qabdi jedhan.

Mana murtiif deebii kennuu diduuf jecha akka nama du’eetti fakkeesaati jiraachaa turte jedhan.

Gareen lamaanu dhimmichaarratti gama lamaaniin waan garaagaraa haasa’u.

Eenyuyyuu waan fedhe jedhus garuu waan tokko ifa- innis Jeen hin duune.

Oduu gaarinis ammoo dhagahaa turte, dhaabbanni mootummaa tokko kana booda akka nama du’etti galme koorraa si kaaseeraa jedheenii jira. Ta'us garuu nama lubbuun jirtu jechuun hin qabanne.

Isheenis kanarraa ka'uun amma ‘’Jijiirama argaan jira,’’ jette jirti.