Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yugaandaa: Hidhaan mana keessaa Boobii Waayin akka xumuramu manni murtii ajaje
Manni murtii Yugaandaa loltoonni fi poolisoonni mana jireenyaa dorgomaa pireezidantii kan ture Boobii Waayin gadi dhiisanii akka deeman ajaje.
Guyyoota 11 dura erga filannoon taasifame Boobii Waayin ykn Roobart Chaagulanyi mana jireenyaa isaa qarqara Kaampaalaa jiru keessaa akka hin baane ugguramee ture.
Boobii Waayin morkataa jabaa pireezidantii ganna 34f biyyattii bulchan Yuweerii Museveenii ture.
Komiishiniin filannoo Museveeniin filannicha injifachuu labsullee, Boobii Waayin filannichi hatamuu fi inni akka injifate dubbataa ture.
Murteen mana murtii Wiixataa kun erga ogeeyyiin seeraa Boobii Waayin mana murtiitti iyyataniin booda kan kennamedha.
Mootummaan akka inni hokkora hin kaasne ittisuufin manatti hidhe jedhee falme.
Haa ta'u malee manni murtii hidhamuun Boobii Waayin seeraan ala jechuun murtee dabarse. Bilisummaa dhuunfaa isaa sarbuudha jedhan abbaan seeraa Maayikil Eluubuuu.
Duula na filadhaa irratti namoota hedduutu du'e - irra hedduun isaanii humnoota nageenyaan ajjeefaman.
Akka Komiishiniin Filannoo Yugaandaa jedhutti Boobii Waayin sagalee kenname keessaa dhibbeentaa 35 qofa injifate. Boobii Waayin garuu sana hin fudhatu.
Gamtaa Awurooppaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen mirgoota namoomaa hedduun filannicharratti yaaddoo qaban ibsachaa turan.
Filannoo kana Gamtaa Afrikaa malee gareen idil-addunyaa irratti argamee taajjabe hin jiru.
Mootummaan Yugaandaa filannichi haqa qabeessa ture, nagaan xumurame jedha.
Filannicha booda bilbilaan BBC waliin kan haasa'e Boobii Waayin "waa'ee lubbuu koo fi kan haadha warraa koo yaadda'eera" jedhee ture.
Kaampaalaa kan jirtu gabaastuun BBC Peeshiyans Atuhaaree poolisoonni fi loltoonni mana jireenyaa muuziqeessaa nama siyaasaa ta'e Boobii Waayin ala buufatan nama tokko ol hin galchan, kan keessa jirus akka bahu hin hayyamani jetti.
Loltoonni kaan ammoo ollaa isaa keessa olii gadi deemaa to'annoo godhu jetti.
Dubbi himaan waraana biyyattii Birgaader Filaaviyaa Biyekiwaasoo qaamoleen nageenyaa ajaja mana murtii ni kabaju jechuun BBC'tti himan.
Boobii Waayin itti aansee maal godhuu mala?
Peeshiyans Atuhaare, BBC News, Kampaalaa
Humnooti nageenyaa hatattamaan mana jireenyaa isaa gadi dhiisanii kan deeman yoo taate, Boobii Waayin bu'aa filannoo mormee mana murtiitti iyyachuuf yoo xiqqaate guyyoota afur qaba.
Yoo san kan godhu ta'e manni murtii dhimmicha dhaggeeffatee guyyoota soddoma keessatti murtii kennuu qaba.
Qondaalonni paartii 'National Unity Platform' fuulduraaf maal akka godhan hin murteessine jechuun BBC'tti himan.
Kunis sababa pireezidantii paartii isaanii Boobii Waayin waliin wal qunnamuu hin dandeenyeefi jedhu.
Jimaata darbe Facebook irratti kallattiin dubbataa kan ture Boobii Waayin lammileen Yugaandaa mormii kaasuu yoo fedhan akkas gochuun mirga qabu jedhe.
Haa ta'u malee deeggartoonni isaa mormiif akka bahan ifatti waamicha hin goone.
Boobii Waayin morkataa pireezidantii mana keessatti hidhame kan jalqabaa miti. Filannoo bara 2016 irratti Museveeniin morkataa kan ture Kiizaa Beesigiyee filannoo booda manaa akka hin baane ugguramee ture.