Dureen olaanaa Iraan Tiraamp wayita golfii taphatutti haleella jechuun sodaachisan

Madda suuraa, Twitter
Hogganaan olaanaa Iraan Alii Khamenii ajajaa waraana Iraan bara darbe ajjeefame haaloo bahuuf, Doonaald Tiraamp haleelamuu akka barbaachisu toora Tiwitaraa gubbaattii waamicha dhiyeessan.
Maxxansa kanaan pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaaddisa xiyyaara waraanaa guddaa ykn xiyyaara nama maleessa (diroonii) jalatti nama tapha goolfii taphatutti fakkeeffameera.
''Haaloo bahuun waan hinoolledha,'' jechuun maxxansa kana biratti barreessaniiru.
Maamiltoonni Twitter fayyadaman tiwitarri akkaawuntii Ayaatolaa Khamenii akka ugguruf waamicha dhiyeessaa turan.
Kanuma hordofee dhaabbanni Twitter akkaawuntii duree kanaa kan tahe @khamenei_site jedhamu kan uggureera.
Akka dhaabni kun ibsetti, akkaawuntiin kun qajeelfama dhaabbatichaa daddarbeera. Namoota maxxansa kana bira dhaqanis, gochoota Twitter gubbaatti hin hayyamamne jedhu akka dubbisan qajeelcheera.
Amma duras akkaawuuntiin Tiraamp kan cufamee yoo ta’u, maxxansi isaanii jeequmsi US Kaappitolitti akka hammaatu kakaasutti hidhata qaba jedhamuun jalaa cufame.
Maxxansi hogganaa olaanaa Iraan kun, waa'ee jeneraala biyyattii Qaasim Solimaanii, xiyyaara diroonii Ameerikaatiin Baagdaaditti waggaa tokkoo dura ajjeefamanii dubbata.
Hoggansa Solimaanii jalatti Iraan gartuu milishoota Iraaniin deeggaraman bobbaasuufi biyyoota ollaa Siriyaa fi Iraaqitti loltoota erguun tarkaanfii waraanaa mormitootarratti fudhachaa turte.
Tiraamp jeneeraalli Iraan ''kallattiinis ta’ee al-kallattiin du’aatii namoota miliyoonatti lakka’amanii yeroo sanatti raawwatameef itti gaafatamadha,'' jedhanii turan.
Jeneraallii Iraan ajjeefamuu hordofuun Iraan misaayiloota manneen jireenya loltoota US buufata xiyyaaroota waraanaa Iraaq keessatti argaman haleeltee turte.
Yeroo sanatti Ayaatolaa Alii Hameniin, ‘yakkamtoota haloo baana’ jedhanii doorsisanii turan.
Tibbana tiwitara irratti afaan Faarsiin akka Hameniin barreessanitti, ''namni ajjeechaa jeneeraalicha akka raawwatamu ajaje gatii baasuu qaba,'' jedha.
Twitter erga namoonni hedduun akkaawuntichi akka cufamu waamicha taasisanii booda, uggureera.















