Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Yugaandaa 2021: Bu'aa filannoo duraatiin Museveeniin dursaa jiru jedhame
Filannoo pirezidaantummaa Yugaandaan kaleessaa (Kamisa Amajjii 14, 2021) gaggeessiteen, bu'aa filannoo duraatiin pirezidaantiin biyyattii Yuweerii Museveeniin dursaa jiraachuu Komishiniin Filannoo biyyattii har'a beeksiise.
Akka ibsa Komishinchi ganama kana baasee mul'isuutti, Museveeniin sagalee 1,536,205 (%65.02) yoo argatan, dorgomaan isaanii cimaan Roobart Kyaagulaanyi kan maqaa Boobii Waayin jedhamuun beekamu ammoo sagalee 647,146 (%27.39) buufatalee filannoo 8,310 irraa argataniiru.
Biyyattiin buufataalee filannoo 34,684 kan qabdu yoo ta'u, sagaleen hafe ammallee lakkaa'amaa jira.
Boobii Waayin ammoo filannoo Kamisa gaggeeffamurratti waliin dhahiinsa bal'aafi jeequmsi ture jedhulleen garuu himannaa isaa irratti gadi fageenyaan kan jedhe hin jiru.
Haata'u malee, mootummaan biyyattii filannichaa nagaan xumurame jedheera.
Filannoo kanaan kan waggoota 35f biyyattii hogganaa turan Yuweerii Museveenii Weellisaa beekamaa Boobii Waayiin waliin dorgomaa jiru.
Yeroo duula na filadhaa tureetti hokkora olaanaa uumamuun namoonni 50 ol ta'an du'utuu himama.
Kana malees, mootummaa filannoon gaggeefamuuf guyyaan tokko yeroo hafu tajaajilli interneetii akka adda citu taasifameera.
Bu'aa filannoo kanaa gutummaan Sanbata boruu barama jedhamee eegama.
Haata'u malee, interneetiin guutummaan adda cituulleen bu'aan filannoo gara jidduugalaatti ergamaa jiraachuu Komishiniin Filannoo biyyichaa beeksiiseera.
Akka Komishinichi ibseetti, bu'aa filannoo bufataalee gara jidduugalaatti erguuf malawwan keessoo biraatti fayyadamaa jiraachuu himulleen maalummaa isaa ilaalchisuun bal'inaan kan jedhame hin jiru.
"Bu'aa filannoo erguuf interneetti fayyamaa hin jirru. Sirna mataa keenyaatti fayyadamaa jirra. Hin dhiphatiinaa interneetiin adda citulleen bu'aansaa gahuun hin hafu. Ifa ni tasifama," jechuun bakka bu'aan Komishinichaa gaazexessitootaatti himan.
Ragaa bu'aa filannoo duraa Komishinnichi har'a ganama bufataalee filannoo 330 irraa sagalee walitti qabeera jedheen, ammatti pirezidaant Yoweerii Museveeniin dursaa akka jiran ibsuu gaazexaan Deeyilii Monitariing gabaaseera.
Haala seera biyyattiitti bu'aan filannoo sa'aatii 48 keessatti Komishiinii Filannoon beeksifama.