Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhaa mormaa gaddaafi gammachuu saree adda baasuun abbaaf ergaa dabarsu
Dhaabbatni Kooriyaa Kibbaa hubannoo nam-tochee(Artificial Intelligence ) fayyadamuun hidhaa mormatti kaa'amu miira saree shan adda baasu tolche.
Hidhaan mormatti kaa’amu kun miirri saree gammachuu, soda, aarii, gaddaafi bohaartii tahuu gara bilbila abbaatti ergaa dabarasa.
‘’Meeshaan kun sagalee namni dhagahuu danda’u kenna,’’ jechuun hogganaan dhaabbata Petpuls Lab Andriiw Jiil Rooyitarsitti himeera.
Dhaabbanni kun miira sarootaa xiinxaluuf bara 2017 irraa eegalee sagalee dunna sarootaa walitti qabaa ture. Waggaa sadii booda samuuda 10,000 fi sanyii saree 50 tahanirraa sirna ittiin xiinxalan ykn algoorizimii tolchuu danda’eera.
‘’Yeroo taphattu gammdduu natti fakkaattee turte, edaa yeroo ani mana hin jirre gaddaafi sodaan itti dhagahama. Tapharratti yeroon ishee mo’ufaa ni aarti, akkuma namaa,’’ Muun Saayimiitu waa’ee sareeshee waggaa ja’aa kana dubbatte.
Hidhaan kun hanga %90 sirrii kan himu yoo tahu, Yunvarsiitiin Biyyaalessaa Si'ol meeshicha sakatta’uun meeshaa gosa kanaa keessaa kan jalqabaafi adda tahedha jedheera.
Petpuls Lab waggaa darberraa kaasee doolaara 99 gurguruu jalqabuu Rooyitarsitti himeera.
Odeeffannoon Yuroomoonitar akka agarsiisutti gabaan saree bara 2020 biiliyoona 138 ta'uun harka 34 dabaleera. Sababiinsaa immoo namoonni weerara koronaa keessa yeroo dheeraa manatti waan dabarsaniif.
Lakkofsi saroota addunyaas harka 18 dabaluun miiliyoona 489 gaheera
Namoonni baayyee saree erga madaqsaniin booda waliigaluu waan dadhabaniif kunuunsa gochuurra isaan gatu jedha Jiil. ‘’Dhaabbatichi warri saree dhuunfatan michooma isaanii akka cimsatan ni gargaara,’’ jedheera