Ibidda hospitaalatti ka’een daa’immaan reef dhaalatan 10 du’an

Maxxanfame

Indiyaatti Sanbata ibidda hospiitala keessatti ka’een daa’imman reefuu dhalatan kudhan lubbuun isaanii darbeera. Hojjattoonni turan garuu baqatanii ba’aniiru jedhame.

Hospitaalaa Bandaraa, bulchiinsa lixaa Maharashtiraa keessatti argamu kanatti daa’iimmaan torba qondaaltonni ibidda ittisan ga’uu isaanii dura baraaramaniiru.

Ministerri Muummee Nareendiraa Moodii balaa kana, "balaa laphee nama cabsu,” jechuun ibsaniiru.

Maddi ibidda kanaa hanga ammaatti kan hin beekamni yoo ta’u, maal akka ta'e bira gahuuf garuu qoratamaa jira.

Ibidiichi halkan akka biyyatti sa’atii 8:00tti akka eegale qondaaltonni hospitaalichaa ibsaniiru.

Akka miidiyaan biyyattii gabaasaniitti hojii lubbuu baraaruu sababa dhohiinsa irra deddeebiin jiruuf rakkisaa ta’aa jira. Ogeettiin narsii tokko kutaa kunuunsa daa’imman reefuu dhalatanii keessaa yeroo aarri ba’u agartee aangaa’oota beeksiisu ishee himteetti.

“Aanga’oonni hospitaalichaa daa’immaan 7 kan oolchan yoo ta’u, daa’immaan 10 garuu balaa kanaan lubbuun isaanii dabeera,” jechuun ogeessi fayyaa Piramod Kandatee himeera.

Ergaa Tiwiitara irratti barreesseen MM Moodii maatiilee daa’immaaniif gadda isaa ibseera.

Ministeerri dhimma biyya keessaa Indiyaa Amiit Shaah “balaa hamaa kanaan jechaan kan ibsuu danda’uu ol gaddeera,” jechuun ibseera.

Ministeerri Ittisaa Rajnaat Siingis balaa kanaan lubbuu darbeen “heedduu gaddeera maatilee isaaniif jajjabinan hawwa,” jedheera.