Giddu-gala Bahaa: Waldhabdeen ture furamnaan UAEn 'torban tokko keessatti' Kaataar waliin daldalaa eegaluuf

Madda suuraa, EPA
Yunaayitid Arab Emireetis (UAE)n haaluma waliigalteyoe biyota Galoo Galaa jidduu waldhabdee dhaabuuf taasifameetiin, torban keessatti daldalaafi walitti dhufeenya imalaa Kaataar waliin deebiftee banuuf.
Haata'u malee, Ministirri Dhimma Haajaa ALaa Emireet Anwaar Gaargaash, dhimmoonni sirreessuuf yeroo dheeraa fudhatan jiru jedhan.
UAE, Saawudi Arabiyaa, Baahireeniifi Masriin bara 2017tti ture Kaataar irra qoqqobbii kan kaa'an. Isaanis shororkeessitoota deeggarti jechuun himatanillee Kaataar garuu kan hin fudhattu.
Walgahii Kibxata darbee taasifameen biyyoonni ollaa walitti dhufeenya dippilomaasii gutummaatti deebiisuuf waliigalaniiru.
Ibsi waloo jaarsummaa Kuweetiifi Ameerikaan dhiyaatees, ''miseensoota Mana Maree Walta'iinsa Galoo Galaanaa (GCC) jidduutti 'walta'insii akka deebii'uuf' gaafatulleen yeroo ilaalchisee kan jedhe hinjiru.
Konfaransii karaa vidiyootiin Kamisa gaggeeffameen, Mr Gaargaash UAEn waliigalticha kan fudhattu ta'uu himun, waa'ee Kaataar waliin walitti dhufeenya deebiisanii tolfachuu ilaalcha gaarii qabaachuu dubbatan.
''Sochiin ummataafi daldala biyyoota lamaan jidduutti deebiisuun yeroo torban tokkoo keessatti ni raawwatamas,'' jedhan.
Garuu ammoo ''dhimmoonni tokko tokko sirreessuuf salphaa yoo ta'an, kaan ammoo yeroo dheeraa ni fudhatu. Haala jalqabbii gaarii qabna... garuu dhimmoota amantaa deebiisnee ijaaruu qabna,'' jedhan.
Ministirri Haajaa Alaa Kaataar Sheekh Mohaammad bin Abdulraahmaan Al Thaanii 'Financial Times'tti akka himaniitti, qoqqobbii irra ture ilaalchisee himannaa seeraa biyyoota olloota isaaniirratti banan kan kaasaniifi tarkaanfii farra shororkessuummaafi ''ce'umsa nageenyaa'' irrattii waliin akka ta'aniifi ta'uu himan.
Haata'u malee, Kaataar walitti dhufeenya ishee Iraaniifi Tarkii, kan Mr Gaargaash walabummaa fi fedhiiwwan Araabaa jidduu galu jechuun himatan, waliin qabadu hingeeddartu jedhan.
''Walitti dhufeenyi biyyoota jidduu irra caalaa murtee biyyaatiifi fedhii biyyaaleessaatiin kan gaggeefamuudha,'' kan jechuun, ''Kanaafuu walitti dhufeenya keenya kan biyya kamii waliin hin miidhamu,'' jedhan.
Waldhabdeen isaanii maal ture?
Kaataar imaammata biyya alaa haaldureewwan garaa garaatiin biyyoota Galoo Galaanaa muraasa waliin hojiirra olachaa turte jirti. Garuu ammoo keessattuu dhimmoota lamatuu biyyoota ollaa ishee arsaa jira.
Tokko deeggarsa Kaataar warra Islaamistootaatiif taasiftuudha. Kaataar Garee Isilaamistootaa kan ollaasheetiin akka dhaabbilee shororkeesitootaatti adda baasan, keessattuu ce'uumsa Obboollummaa Isilaamaa (Muslim Brotherhood)tiif deeggarsa akka taasiftu amante jirti. Garuu ammoo Al-Qaa'idaa ykn mootummaa Islaamaa (IS) deegaruu ni haalti.
Dhimmi biraa ammoo walitti dhufeenya Kaataar Iraan waliin qabduudha. Iraan biyyi aangoo Islaama Shiyaa morkattuu cimtuu Saawudi Arabiyaa biyya kan Islaamaa Sunniiti.
Kaataar ammoo walitti dhufeenya Tarkii waliin qabduufi kan ollaan ishee itti hin gamadne akka itti fuftu himte. Tarkiinis akkuma Kaataar gareewwan Giddu-gala Bahaa keeessatti Obbolummaa Isilaamaa waliin hidhata qaban ni deeggarti. Tarkiifi UAEn ammoo lola Libaayaa keessatti garee wal morman deegaraa turan.













