Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaatti haati warraa paartii siyaasaa jijjiirte jennaan, abbaan warraa hiikuuf sodaachise
Gaa'illi bar-kurnee namoota siyaasaa Indiyaa keessaa waan diigamuuf fiixeerra gahe fakkaata. Sababnisaa ammoo haati warraa paartii siyaasaa morkataa tahetti makamte jennaan, abbaan warraa ifatti ishee hiikuuf sodaachiseen.
Guyyaa Kibxataa miseensi mana maree Saumitra Khan jedhamaniifi miseensa Paartii BJP Ministira Muummee Nareandraa Modii tahan, haadha warraa isaaniif akeekkachiisa gaa'ela diiguu ergan.
Kunis kan tahe haati warraa isaanii Sujata Mondal Khan jedhaman, paartii naannoo bulchu Trinamool Congress Party (TMC) jedhamutti erga makaman guyyaa tokkoon booda.
Kutaan biyyaa Bengaal Dhihaa, filannoof qophaa'utti jirti. Morkattoonni ijoon kutaa biyyaa kanaa ammoo paartilee BJP fi TMC dha.
Ibsa miidiyaaf guyyaa Wiixataa magaalaa Kolkaataatti kennaniin, Aadde Mondal, paartii BJP keessaa gadhiisanii bahuuf murteessuu isaanii ifa godhan.
Sababoota paarticha gadhiisuuf dhiyeessan keessaas, paartichi kabajaa naaf malu naaf hin kennine kan jedhu tokko ture.
Kana malees paartichi ''hooggantota malaammaltummaan [maqaa gaarii hinqabne]'', paartilee siyaasaa morkattootaarraa ofitti dabala jedhan.
Kun tahee sa'aatii muraasa booda ibsa miidiyaa aariitiin qophaa'e irratti, nama siyaasaa ganna 40 kan tahan Obbo Khan aarii guddaan ibsa kennan.
Ibsa kanarrattis ''gaa'ela ganna 10 haadha warraa isaanii waliin qaban adda kutuuf'' murteessuu isaanii ifa godhan.
Haati warraa isaas maqaashee isa dhumaa (kan isaa tahe) akka fayyadamuu dhaabdu gaafatan.
''Maaloo amma booda maqaa maatiikoo 'Khan' jedhamu fayyadamuu dhaabi. Ofiikees haadha warraa Saumitra Khan jettee hin fudhatin,'' jechuusaanii miidiyaan biyyattii Press Trust of India jedhamu gabaaseera.
Achi boodas paartii Trinamool, kan isheen itti makamte ''bultii diiguun'' himatan.
''TMCn haadha warraa koo hate, jaalallee koo na jalaa fudhate,'' jedhan.
Erga Wiixata ibsa miidiyaaleef kennanii qabee, lameen kun miidiyaalee wajjin gaaffiifi deebii akka taasisan gaafatamanii, af-gaaffii hedduus kennaniiru. Jireenyi siyaasaa fi dhuunfaa waan walitti bu'e fakkaata.
''Jaalallee koo turte. Haadha warraa gaarii turte. Dadhabbii koo isa duwwaa turte. Eeyyeen, natti dhagahameera. Ganna 10f wajjin turre,'' jechuun gaazexeessaa tokkotti hime Aabba Khan.
Gaazexeessaa biraatti ammoo, himannaa haati warraasaa, kanisheen BJP keessa kabajaa dhabe isa jetteef: ''Aabba Moodiin inumaawuu obboleettii koo jedhee waama. Kanarra maal barbaaddi?'' jechuun gaafatan.
Aadde Mondaalis gamasheetiin af-gaaffii miidiyaalee waliin taasiste irratti, miira bo'ichaan, abbaan warraashee ji'oota 10 dabranitti ishee akka dagate dubbatte.
''Yeroosaa siyaasaan qabamee dabarsa. Anaaf yeroo hinqabu. Ji'ootaaf maal nyaatte yookis naguma bultee jedhee na gaafachuufillee hin dhimmamne,'' jette.
Qondaaltoni paartii BJPs abbaa warraashee ''irratti kakaasuun'' himachuun, gaa'ela koo diiguuf yaalan jette.
Siyaasa Indiyaa keessatti paartii tokko ganuun, isa kaanitti makamuun waan hin baratamne miti. Dhimmi kun nama siyaasaa kanaaf waan haarayaa miti.
Wayita siyaasa keessa galetti, paartii Kongirasiin eegale, achiis paartii TMCtti 2013tti makame. Boodarras 2019tti paartii biyya bulchu BJPtti dabalame.