Koroonaavaayiras Antaarkitikaatti argame, ardii hunda waliin gahe

Maxxanfame

Koroonaavaayiras ardii amma dura vaayirasicharraa bilisa taatee turte Antaarkitikaa qaqqabe.

Waraanni biyya Chiilii buufata qorannoo Bernardo O'Higgins kan aardii kanatti argamuun, namoonni 36 Covid'n qabamuu mirkaneesseera.

Kanneen 36 keessaa 26 miseensoota waraanaa wayita tahan, 10 ammoo hojjettoota waa suphaniidha - ergasii hunduu gara biyya Chiilii geeffamaniiru.

Oduun kun kan dhagahame erga humni waraanaa biyyattii, doonii meeshaaleefi namoota gara buufata qornnichaatti deddeebistu irratti, namoonni sadi qabamuun isaanii erga dhagahame boodadha.

Dhagahamuun oduu kanaa, ardiiwwan jiran torban hunda keessa vaayirasichi waliin gaheera jechuudha.

Markabni Sargento Aldea jedhamtu kun, buufata qorannichaa kan geesse, Sadaasa 27 oggaa tahu, Mudde 10 ammoo gara Chiilitti deebitee imalte.

Hojjettoonni markabarraa sadi buufata doonii waraanaa Talcahuano jedhamu wayita gahan, vaayirasichi irratti argame.

Humni galaanarraa Chiilii akka jedhutti, kanneen gara Antaarktikaatti imala hundaaf qorannoon vaayirasichaaf taasifamu 'PCR' jedhamu kan taasifameef wayita tahu, hunduu bu'aan isaanii negaativa yookaan bilisa turan.

Buufanni qorannoo Bernardo O'Higgins, buufataalee qorannoo dhaabbataa Chiiliin Antaarkitikitti qabdu afur keessaa isa tokko wayita tahu, waraana biyyattiitin hoogganama.

Chiiliin biyyoota Laatin Ameerikaa keessaa kanneen koroonaavaayirasiin daran miidhaman keessaa jahaffaa irra kan jirtu oggaa tahu, namoota 585,000 irratti Covid argameera.

Dhaabbanni Biriteen ardichatti qorannoo gaggeessu British Antarctic Survey, sababa koronaavaayirasiif jecha qorannoosaa naannichatti taasisu daran hir'isuusaa ji'a Adoolessaa keessa beeksisee ture.