Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhukkuba waliin isaa hin beekamneen namoonni hedduu Hindiitti gaggabanii hospitaala seenan
Dhukkuba maalummaan isaa hin beekamneen bulchiinsa Kibba Hindii Andiraa Piraadeshitti yoo xiqqaate namni tokko yeroo lubbuu dhabu, 227 kan ta'an immoo hospitaala seenaniiru.
Dhukkubsattoonni bulchiinsa Hindii Andiraa Piraadesh magaalaa Eluruurraa dhufan mallattoo deebisiisuu akkasumas of wallaaluu fi gaggabdoo akka qaban doktaroonni himaniiru.
Dhukkubni kuni yeroo Hindiin dhukkuba koronaavaayirasii waliin waal'aansoo walqabaa jirtutti dhagahame.
Biyyattiin lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin addunyaarraa lammaffaarratti argamti.
Bulchiinsa amma namoonni dhukkuba hin baramneen hospitaala itti seenanittis namoonni 800,000 ol vaayirasichaan qabamaniiru.
Dhukkubni amma namoota 200 ol hospitaala galche garuu vaayirasicha miti. Ministeerri Fayyaa bulchiinsichaa Allaa Kaali Kirishnaa Sirinivaas dhukkubsattoonni hunduu vaayirasicha hin qabani jedhan.
''Kanneen dhukkubsatan, keessumaa daa'imman, erga ija nu gube jedhan booda hoqqisuu eegalani. Muraasni gaggabani, kaan of wallaalan,'' jechuun qondaalli medikaalaa hospitaala Eluruu gaazexaa The Indiyaan Ekispireesitti himan.
Namoonni 70 hospitaalaa yoo bahan 157 immoo ammas achuma wal'aansi kennamaafi jira.
Bulchaan bulchiinsa Andiraa Piraadesh Jaganmoohan Reedi gareen medikaalaa adda ta'an dhukkuba kana qorachuuf gara Eluruu ergamaniiru.
''Erga qondaaltonni bakka namoonni dhukkubsatan daawwatan booda summaa'u bishaanii ykn faalama qilleensaa akka hin taane barreerra. Dhukkuba waliin isaa hin beekamnedha, qorannoo laaboraatori qofaatu adda baasu danda'a,'' jedhan.
Akka qondaala kanaatti qorannoon dhiigaa dhukkubsattootaa vaayirasiidhaan faalamuu isaanii hin agarsiisuu jedhan.
Paartiin mormituu Teluguu Deesam jedhamummoo summaa'u akka ta'u malu akeekuun qorannoon akka taasifamu gaafate.