'Jeequmsa uumameen booda sodaan mul’atus Oromiyaati sochiin invastimantii dabalaa jira'

Maxxanfame

Ajjeechaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee jeequmsa uumamee tureen miidhaan qaqqabe sodaa kan uumee ture ta'us, Oromiyaatti sochiin invastimantii dabalaa jiraachuu Koomishiiniin Investimentii Oromiyaa BBCtti hime.

Komishinarri Itti-aanaan Komishinichaa Obbo Waasihun Golgaa akka jedhanitti, mancaatiin qabeenyaa ajjeefamuu wellisaa Haacaaluun booda dhaabbilee Investimentii irra gahe ''birrii Biiliyoona sadii olitti tilmaamama'' jedhan.

Hokkara uumamee ture sanaanis naannoo Oromiyaatti dhaabbileen investimentii 89 tahan gariiniifi guutuutti miidhamaniiru jedhan.

Deeggarsa gara garaa mootummaan taasisaa jiru irraan kan ka'eenis, investimantiin naannichatti dabalaa jiraachuu kan agarsiisuufi fedhiin jiru gaarii ta'uu dubbatan aanga'aan kun.

Akka Obbo Waasihun dubbatanitti dhaabbilee investimentii jeequmsaan miidhamaniif, beenyaan mootummaan kaffalu hin jiru.

Haata'u malee, badiin gahe erga adda baafameen booda dhaabbilee miidhaan irra gahee deeggaruuf, tarkaanfiiwwan adda addaa fudhatamaa turuu himan Obbo Waasihun.

“Miidhaa gahe erga adda baasneen booda, komishinii investimentii Federaalaa waliin mari’achuun kanneen amma dura konkolaataafi maashinoota qaraxarraa bilisa galchan ammas irra deebi’anii akka galchan ta'eera.

Kanneen liqiin baankii irra jiruuf ammoo yeroon aara galfii akka dheeratu ta’eera,” jedhan.

Kanaan alattis dhaabbileen investimentii miidhaan irra gahe kunneen gaaffii lafaa amma dura gaafatanii ture yoo jiraate, deebiin dafee akka kennamuuf murtaa’uus himan.

Dhaabbileen kunneen miidhaa irra gahe kanarraa dandamatanii hojiitti akka deebi’aniif deeggaramuun alatti, badii irra gaheef beenyaan mootummaan birriidhaan kaffaluus, kan kaffalamuuf waadaa galames akka hin jirre dubbatan Obbo Waasihun.

Yeroo ammaa kanas dhaabbileen miidhaan irra gahe 89 keessaa gariin hojiitti dee’iaa jirus jedhan.

Naannoo Oromiyaatti jeequmsa yeroo adda addaatti mudatuun miidhaa dhaabbilee investmentii irra gahuun ''investarootni hojiirra jiran humna guutuudhaan akka hin hojjenne dhiibbaa uumaa jira,'' jedhan.

“Investimentiin nageenya amansiisaa barbaada. Bakka shakkiin nageenyaa jirutti investarootni humna guutuudhaan hojjechuu ni sodaatu. Kun dhiibbaa tokkodha. Balaa yeroo darbe gahe kanaanis rakkoon akkanaa mul’ateera,” jedhan.

Namoota kuma hedduuf carraa hojii kan uume dhaabbanni abaaboo omishu Sheer Itoophiyaa, rakkoo mudatee ture irraa damdamaatee hojiisaatti deebiyaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasuun, sodaan mul’atus hawwatni investimantii naannoo Oromiyaa dabalaa jiraachuu kan agarsiisuufi fedhiin jiru gaaridha ta'uu dubbatan.

Naannoo Oromiyaa keessatti dhaabbilee investimetii kuma 12 caalantu bobba’ee hojjechaa jira.