Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haqa: Dhimma dhukkuba ijaa Obbo Baqqalaa Garbaarratti maaltu jedhame?
Maatiin Obbo Baqalaa Garbaa dhukkubbii ijasaatiif yaala dhabuun yaaddoo guddaa nutti umeera yoo jedhan, Abbaan Alangaa Waliigala Federeaalaa ammoo namni shakkamee harka mootummaa jiruu yoo dhukkubsatutti mana yaalaa geeffamee yaalamuuf mirga qabaachuufi mootummaanis kana raawwachisuuf dirqama qabaachu BBC'tti himan.
Obbo Baqalaa Garbaa aanga'oota siyaasaa Oromoo hookkara ajjeechaa aartisti Haacaaluu Hundeessaatiin booda umameen walqabatee shakkamuun to'annoo jala oolfaman keessaa tokko.
Tibba kana miidiyaa hawaasummaa irratti dhimmi dhukkubbii ijaa Obbo Baqqalaa Garbaa ajandaa ijoo ta'ee jira.
Maatiin maal jedhuu?
Haati warraa Obbo Baqqalaa Aadde Haannaa Raggaasaa, iji abbaa warraa isaanii dhukkubsachuu kan jalqabe yeroo gara wagga 7 ta'uuf mana hidhaa keessa turanitti jedhu.
"Jalqabas manuma hidhaatti kan jalqabe dhukkubuu. Yeroo sanans manuma hidhaatii deddeebi'ee yaalama ture," jedhan.
Iji isaanii kan dhukkubsate isa gara bitaa ta'uufi marroo amma hidhaman kanatti yaala akka hin hordofne waan godhameef iji isaanii harka 50'n arguu akka dadhabe himan aadde Haannaan.
"Amma yaala dhowwatanii rakkisaa jiru. Akka hakiimni itti himetti iji isaa kuni humna arguu qaburraa harka 50'n hir'iseera nuun jedhe. Kanaafis marfee/lilmoo ji'a ji'aan fudhatu akka adda hin kunne itti himamee ture. Guyyaa beellamni yaalaa isaa suni gahutti garuu hayyamuufii didan," jedhan.
Lilmoon isaan ji'a ji'aan fudhatan kuni haalaan ulfaataa akka ta'eefi haguma ji'a eegee hin fudhanne dandeettiin arguu isaa kuni gadi bu'aa akka deemus himan.
Ajaja manni murtii kenne irratti mana yaalaa dhuunfaatti haa yaalamu kan jedhu nan geenye jechuun manni amala sirreessaa qaalliittii akka dides dubbatu. Haalli kunis maatii yaaddoo keessa seensuus Aadde Haannaan BBCtti himaniiru.
"Dhukkubni kun ulfaataa akka ta'e kan mul'isu lilmoon ji'a ji'aan fudhatu kuni ijasaa keessa kan waraannatu. Guyyaa guyyaadhaan yeroo dhaqne kan nuti isa gaafannu isuma kana. Baayyee yaaddoo guddaa keessa jirras," jedhan.
Yeroo beellama eegee fudhatetti dandeettiin arguu isaa akka fooyya'uufi osoo hin fudhatiin yeroo darbutti ammoo akka gadi bu'u natti himaa tures jedhu Aadde Haannaan.
Abookaatoon dhimma kanarratti maala jedhu?
Abukaatoowwan isaanii keessaa tokko kan tahan Obbo Tuulii Baayisaa, Obbo Baqqalaan yeroo dhimmi isaanii mana murtii Federaalaa sadarkaa jalqabaatti ilaalamaa tureetti ija isaanii mana yaala dhuunfaatti yaalamuu akka danda'an ajajeefii turuu himan.
Erga gara mana hidhaa Qaallittiitti darbanii garuu bulchiinsi mana sirreessichaa sababa ajajni mana murtii nan geenye jedhuun yaala akka argataniif hayyama dhorkachuu himan.
Obbo Baqqalaafi namootni isaan wajjin himataman beellamni mana murtiitti dhiyaatan baatii tokkoon booda gaafa Sadaasa 17tti.
Hanga sanatti rakkoo isaan irra gahaa jiru kana mana murtiitti dhiheefachuu waan hin dandeenyeef jecha Abukaatonni isaanii rakkoo maamila isaanirra gahaa jiru kana xalayaadhaan mana murtii dhimma isaanii itti ilaalamaa jirutti iyyachuuf akka jiranis himan.
"Manni murtii hakiima dhuunfaa isaaniitiin haa yaalaman kan jedhu ajajee jira. Isa kana manni sirreessaa raawwachiisaa hin jiru. Kanaafuu, ajajni mana murtii kabajamaa hin jiru jennee abukaatonni iyyata dhiheesuuf jirra," jedhan.
Obbo Baqqalaa Garbaatiin alattis kanneen isaan wajjin himataman Obbo Shamsaddiin Xahaafi Hamzaa Adaanee (Booranaa) yaalii argachuuf rakkachaa jiraachuu himan.
Abbaan Alangaa Waliigala Federaalaa dhimmicha qubba qabaa?
Dhimma kanarratti kan gaafanne itti-aanaa Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, Obbo Baqqalaa Garbaa ija isaanii dhukkubsatanii yaala dhabaniiru kan jedhu miidiyaa Hawaasummaa irrattin arge malee odeefannoo gara waajjira isaanii dhufe hin jiru jedhan.
"Dhimma kana homaa quba hin qabu. Miidiyaa hawaasummaa irrattin arge. Waajjirri keenya abbootii alangaa mirga shakkamtootaa laalan ni qabna. Amma erga dhimma kana dhageenyee isaan qindeesinee garas ergaa jirras," jedhan.
Namni shakkamee harka mootummaa jiru yeroo dhukkubsatutti mana yaalaa geeffamee yaalamuuf mirga qabaachuufi mootummaan waan kana raawwachiisuufis dirqama qabas jedhan.
"Bakka manni murtii shakkamaan suni yaala fayyaa akka argatuuf ajajetti mirga kana dhorkachuun yakka.
Namni kana godhe seeraan ni gaafatama. Yakka ta'ee argamnaan himanni irratti banamee itti-gaafatamummaa ni hordofsiisa," jedhan.