Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Ilmi Piredaant Tiraamp Covid19n qabamee ture jedhan Giifti-dureen
Ilmaa Pirezedaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp umuriin ganna 14, Baaroon, jalqaba bu’aan qorannoosaa negatiiva ture booda garuu koroonaavaayirasiin qabamee ture jedhan Giifti-duree Melaaniyaa Tiraamp.
Tiraamp ‘sodaanshee dhugaa ture’ bu’aan qorannoon Baaroon pozatiiva tahee ture jedhan.
Haatahu malee, "akka carraa dargaggeessa jabaa gatii taheef mallattoo tokkollee hin agarsiifne,’’ jedhan Giifti-dureen.
Pireezidant Tiraampiifi Giifti-duree dabalatee miseensonni Waayit Hawus vaayirasichaan qabamanii kan turan tahus irraa dandamataniiru.
Tiraamp mucaan isaanii yeroo yartuudhaaf qabamee akka ture himan.
‘’Akka qabamee turellee hin barre sababiinsaa ijoolleen gatii sirni ittisa qaama isaanii jabaa taheef, ofiirra lole jedhan.
‘Mucaan bareedaafi bilisadha amma,’ jedhan.
Pireezidantichi ilmi isaanii dhukkubicharraa fayyuu manneetiin barnootaa Ameerikaa banamuu qabu kan jedhuuf akka sababaatti dhiyeessaniiru.
Gamtaan barsiisotaa biyyattii garuu ijoolleen vaayirasichaan qabamu kan jedhuun barnoota hin jalqabne.
‘’Baaroon poozatiiva tahee sekandii muraasa keessatti nagumasaati. Bu’aan qorannoo isaas negetiiva agarsiisa,'' jedhan.
‘’Sababiinsaa ammoo namoonni ni qabamu achii isaan dhiisee deema. Kanaaf, ijoollee mana barumsaatti deebisaa.
Tiraamp, Yeroo jalqaba ilaalamee bu’aan qorannoosaa negatiiva tahee ture haaragalfii guddaa ture. ’’Booda garuu akkuma isheen sodaatte poozatiiva tahe,’’ haatahu malee, mallattoo tokkollee hin agarsiifen jedhan.
Ofii ishee Giifti-dureen erga dhukkubichaan qabamtee mallattoo garaagaraa agarsiisaa turuu himuun, garuu mala uumamaan fayyadame jetti vitaaminiifi nyaata fayyaa qabeessa taheen fayyadamaa tures jetteetti.