Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Namtichi Ameerikaa yeroo lammaffaaf Covid-19n qabame
- Barreessaa, Jeemis Gaalaagaariin
- Gahee, Gabaasaa fayyaafi saayinsii
- Maxxanfame
Namni Ameerikaa keessaa tokko Covid-19n irra deebiin qabamuun kan dhagahame yoo tahu, inni lammaffaan kan jalqabaa caalaa hamaadha jedhan doktoroonni.
Dargaggoon ganna 25 kun yeroo lammaffaaf vaayirasichaan erga qabamee booda, hospitaala galuun isarra ture - sombisaa oksijina qaamasaaf barbaachisu gahaa tahe argachaa hinturre.
Carraan Covid'n irra deebiin qabamuun baayyee xiqqoo yogguu tahu, dargaggoon kun ammallee irra deebiin bayyanateera.
Haa tahu maelee, qorannoon baruu 'Lancet Infectious Diseases' irratti maxxanfame, waahee madiinummaa vaayirasii kanaaf qabnurratti gaaffii kaasa.
Namni kutaa biyyaa Nevaadaarraa tahe kun, rakkoo fayyaa yookaan rakkoo dandeettii dhibee ofirraa ittisu barame kan hinqabne yogguu tahu, akkamiin Covid-19'f saaxilamummaan isaa dabale ka jedhu gaaffii kaaseera.
Maaltu yoom tahe?
- Bitootessa 25 - Mallattoolee jalqabaa kanneen akka qoonqoo dhukkubuu, qufaa, bowwoo mataa, balaqqamuufi garaa kaasaa
- Ebla 18 - Yeroo jalqabaaf vaayirasichi irratti argamuu mirkanaa'e
- Ebla 27 - Mallattooleen jalqabaa hundi irraa deeman
- Caamsaa 9 fi 26 - Vaayirasichaaf qoratamee yeroo lamaanuu negatiiva tahe (kan hinqabne)
- Caamsaa 28 - Irra deebiin mallattoolee arguu jalqabe: qaama gubaa, mataa bowwoo, lafaan maruu, qufa'uu,
- Waxabajjii 5 - Yeroo lammataaf poozatiiva tahe, oksijiniin dhiigasaa keessaas gadi bu'aa ture, hargansuullee rakkachaa ture
Akka saayintistoonni jedhanitti, namni kun yeroo lammataaf akka haaraatti vaayirasichaan qabame malee, vaayirasichi qaamasaa keessaa otoo hin badin mugee, irra deebiin itti kahe miti.
Koodii qaccee mallattoowwan namni kun agarsiise marroo lamaa kan qoratan ogeeyyiin, infekshinii tokkoon kan dhufan tahuu hin dandayan jedhu.
''Argannoon keenya waan agarsiisu, altokko qabamtee fayyuun, gara fuuladuraaf hinqabamtu jechuu miti,'' jedhan Dr. Maark Paandorii - Yunivarsiitii Neevaadaa irraa.
''Carraan irra deebiin qabamuun jiraachuun, hubannoo keenya waa'ee madinummaa Covid-19f qabnu jijjiira.''
Akka isaan jedhanitti, namootni vaayirasicharraa bayyanatanis akkuma namoota kaanii, qajeelfamoota kanneen akka walirraa hiiquu, maaskii afaaniifi funyaanii fi harka dhiqachuu hordofuu qabu.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
Hubannoon amma dura jiru, yeroo lammaffaaf namni yoo qabame, haalaan itti hin cimu - sababii qaamni keenya yeroo jalqabaarra vaayirasicha loluu waan itti baruuf.
Dhukkubsataan Nevaadaa kun marroo lammaffaatti maaliif akka itti cime hanga ammaatti ifa miti. Yaadni jiru tokko, tarii hanga vaayirasii guddaaf saaxilameera tahuu mala.
Kana malees, tarii dandamannaan marroo jalqabaa, infekshinii isa ammaa kana hammeessuu mala. Haalli kunis dhukkuboota kanniin akka dangii irratti mul'ateera.
Yunivarsiitii 'East Anglia'irraa ka tahan Profesar Pool Hantar, qorannoon kun baayyee na yaaddesseera jedhu.
Maaliif jennaan garaagarummaa guyyaa gabaabaa tahe akkasiin marroo lammeessoof qabamuun, akkasumas inni lammataa mallattoon cimuun.