Dubartii waajira qulqulleessumaan hojjettutti filannoo mo'achuun bulchituu taate

Maxxanfame

Waggootii afran darbaniif Marinaa Udgodskaya gamoo bulchiinsa magaalaa Pavolikhino Raashiyaa keessatti wajjiroota qulqulleessuun hojjachaa turte.

Amma qulqulleessituun ganna 35 kun barcuma hoggansaa isheerra ba’uuf haraataa ishee lafa keesseetti.

Filannoo kana irratti kan hirmaatte ammoo hogganaan ishee bulchaa ta’ee deebi’ee akka filatamuuf gargaaruuf ture.

Gandicha keessatti namni bulchaa Nikolaay Lokteviin morkaatee filannorratti dorgomuu yeroo dhibetti, filannichaaf kadhimamtoonni lama jiraachuu waan qabaniif Marinaan ‘morkaattuu' isaa taatee akka galmooftuuf amansiise.

Ta’us karoorri isaa yeroo isheen garaa garummaa guddaan filannicha mo’attu jalaa fashalaa’e.

“Bayyee ajaa’ibsifatte”

“Nikolaayii eenyuyyu ishee akka hin filanneefi hojii isaa akka itti fufutti yaade ture. Garuu ummati isa nuffanii waan tureef Marinaa filatan,” jechuun miseensi boodii filannoo naannicha BBCtti himteetti.

“ Inni n na’e isheen ammoo bayyee ajaa’ibsifatte,” jetti dubartiin maqaan ishee akka ibsamu hin feene.

‘Ani homaa hin hojjenne’

Marinaan erga filannoo mo’achuun ishee oduu biyyaalessaa ta’ee as bilbilli hedduu itti bilbilamaa ture.

Amma hanga muudama ishee torban dhufuutti bilbila kaasuu dhaabdeetti.

Garuu gaffiifi deebii dursitee taasifte irratti mo’achuun ishee ajaa’ibeera. Akkas ofiin jettes: "kadhimamtootu sobaa’ kan aangoo akkanaaf’ hin qophoofnedha."

“Namootni na filatu jedhe tasa hin yaadne. Ani tasumaan homaa hin hojjene,” jechuun Telegramitti himteetti.

Ta’us garuu, filannoo kana gara sagalee 62% argachuun mo’atte. Hogganaan ishee ammoo %34 qofa argate.

Kadhimamtoonni lamaanuu duula filannoo hin gaggeessine. Jirattoonni nannicchaa akka jedhanitti namni hunduu waan wal beekuuf barbaachisaa miti.

Gandi Povalikhinoo gaandoota 30 bulchiinsa Marinaa amma bulchitu keessa tokko yoo ta’u, jiraattota 242 qofa qaba.

Mo’aatomuu isaa amanuu kan hin dandeenye Lokteev namni umurii ganna 58, “Hojii koo irratti wanta barbaachisu hunda hojjadheera, gandicha keessa rakkoon hin jiru,” jechuun BBCtti himeera.

“Ummaatni jijjirama barbaadani,” jedha poolisii kan ture Lokteev.

“Ni dandeessi jedheen yaada”

Namootni tokko tokko bu’aan filannichaa paartii Obbo Lookteev Yunaayitid Raashiyaa mormuun kan argamedha jedhu.

Bulchiinsa Kostromaa, kan gandi Povalikhinoo kessatti argamutti paarlaamaa naannichaaf paartiichi sagalee %32 qofa argate.

Povalikhinoo keessatti garuu bu’aan filannichaa kan dhuunfaadha, Lookteev itti-gaafatamummaa isaaf feedhii qabaachuu waan dhiiseefi jedha daldalaan tokko.

“Utuu hunda mormuun filachuu dandeenya ta’e sana goona ture, garuu filannoo Marinaa filachuu waan qabnuuf sana goone,” jedha Irinaan.

“Bulchuu dandeessi jedheen yaada. Gandichi guutuun ishee ni gargaara. Ta’us garuu, baruumsi ishee xiqqoo guddachuu qbaa.”

Jaallattus jibbitus Mariinaan hojiin ishee haaraa kana ta’eera. Yoo aangoo kana hin fudhu jette, paartiin ishee deeggaraa jiru ‘Pensioners' Party’ akka jedhutti filannoo irra deebiif kaffaluu qabdi.

Hanga aangoo ishee haaraa kana qabattuutti Marinaan hojii qulqulleessuu itti fufteetti.

Namichi isheen mo’attee ammo0 qodaa isaa sassaabbatee gadhiisuuf qophaa’aa jira.

“Hin aarre,” jedha Looktev. “Ummatni ishee filateera, kanaaf hojiishee haa hojjettu,” jedha.

Dabalataanis, “bakka qulqulleessaa turtetti aangoo qabachuun ishee waan badaadha jedhee hin yaadu. Bahaafi gala bakkichaa sirritti beekti jechuudha.”