Koronaavaayirasii: Qorannoon Covid-19 'vaayirasii du'e akka jiruutti agarsiisuu mala'

Maxxanfame

Qorannoon Covid-19 namaaf taasifamu hambaa vaayirasii koronaa qaama namaa keessatti du'ee fudhachuun akka waan namni sun vaayirasii qabuutti agarsiisu mala jedhan ogeeyyiin.

Namoonni hedduun vaayirasichaan qabamanii kan nama kaanitti dabarsuu danda'an torbee tokkoof hin caalu, haa ta'u malee sana boodallee poozatiivii ta'uu malu.

Sababni gabaasni weerarri vaayirasichaa akka malee ol ka'eef kana ta'uu malas jedhu.

Kanneen waan kana qoratan keessaa tokko kan ta'an pirofeesar Kaarl Henengihan, qorannoon Covid-19 namni tokko qabameera ykn hin qabamne jechuu qofa osoo hin taane, qabameera jechuuf hammi vaayirasii qaama keessatti argamuu murtaa'uu qaba jedhu.

Qorannichi vaayirasii lubbuun jiranii fi dammaqoo ta'an namarraa namatti darbuu danda'an qofa osoo hin taane, haftee vaayirasoota du'aniillee fuudhee akka namni sun vaayirasii qabuutti mul'isuu mala jedhu.

Poozatiivii sobaa?

Yeroo Covid-19 qoratamtu bu'aan qorannoo qabamte/hin qabamne malee, vaayirasiin hagam qaama keessa akka jiru ammoo vaayirasoonni kunneen hagam dammaqoo akka ta'an hin mul'isu.

Namni vaayirasii dammaqoo hedduu qaama isaa keessaa qabuu fi namni vaayirasicha irraa dandamatee hafteen vaayirasii du'ee xixiqqoon qaama keessa jiru qixxee poozatiivii jedhamuu danda'u.

Vaayirasiin qaama namaa keessa jiru hagam dammaqaadha kan jedhu baruun ulfaataa ta'us poozatiivii jechuuf poozatiivii kan jedhamu hagamii ol kan jedhuun qabxii kaa'uu irratti saayintiistonni hojjechuu qabu jedhu pirofeesar Kaarl.

Kuni carraa namni bu'aa qorannoo poozatiivii sobaa argachuu xiqqeessa jedhu.

Dabalataan nama adda of baasuu hin barbaachifnerraa oolcha, hammi weerarichaa sirriin hagam akka ta'e baruufis gargaara jedhu.